Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-maree US Baayidan aangoorraa buqqisuuf qorannoon akka eegalamu raggaasise
Manni-maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa Pirezidant Joo Baayidan aangoorraa buqqisuuf qorannoon dursu akka eegalamuu danda'u sagalee caalmaan raggaasisan.
Seera baastonni kunneen pirezidantichi akka himatamuufi aangoorraas akka buqqa'u raggaasisuun warra Rippaabilikaanotaa guddoo gammachiise.
Murteen kun akka pirezidanticharratti ragaa walitti qabanii fi seeratti dhiyeessaniif aangoo akka kennuuf himan.
Mana marechaatti koreewwan Rippaabilikaanotaan dhuunfataman sadi, Aab Baayidan wayita pirezidanti itti aanaa turanitti malaammaltummaa akka raawwtaanii fi matta'aa akka fudhatan himatu.
Garuu annallee balleessaa Baayidan ittiin himatan kanaaf ragaa hin dhiheeffanne, Aab Baayidan morkattoonni isaanii kunneen ''sobaan na miidhuu barbaadu,'' jechuun himatan.
Manni maree bakka bu'ootaa (Lower chamber of Congress) kan Rippaablikaanonni teessoo saddeet qofaan dursan, sagalee deeggarsaa 221 fi mormii 212n adeemsa kana raggaasise.
Qorannoon Pirezidnati Baayidan irratti gaggeeffamu seera qabeessa akka ta'u raggaasisuu jechuun aangoorraa akka buqqa'uuf raggaasisuu jechuu miti.
Garuu manni marechaa qorannoo fi himata Baayidan irratti dhiheesse ragaan erga deeggaree booda gara aangoorraa buqqisuutti ce'uu danda'a.
Afa-yaa'iin mana marechaa Maayik Joonsan ''manni kun osoo qorannoon hin xumuramin murtee kennuu hin danda'u. Garuu ragaalee dhihaatan tuffatanii yookiin didanii bira taruun ammoo hin danda'amu,'' jedhan.
Qorannoon Baayidan buqqisuuf akka eegalamu raggaasifame kun nama umriin jaaranii fi filannoo itti aanuuf qophaa'aa jiraniif mataa bowwuu hamaadha.
Haata'u malee manni maree kun yoo Baayidan aangoorraa buqqisuuf sagalee kennee raggaasise, Seenetiin kan dimokiraatonni lakkoofsa caalmaa keessa qaban ammoo baraaruu danda'a.
Filannoo mana maree kana booda Pirezidant Baayidan akkas jedhan: ''Uummanni Ameerikaa hoogganaa isaa Kongireesii keessaa qabaachuu qaba. Hoogganaa dhimma biyyaa fi addunyaa irratti isa bakka bu'ee tarkaanfii fudhatu.''
''Hojiisaanii hojjechuu dhiisanii siyaasa hundee hin qabne oofuutti yeroo gubuu eegalan. Himannaan kun ragaan akka hin deeggaramne waahillansaanii Rippaabilikaanota ta'aniiyyuu dhugaa bahu,'' jedhan Baayidan.
Himannaan Ribbaalikaanotaa akka agarsiisutti Baayidan bara 2014 fi 2019 gidduu (wayita pirezidantii itti aanaa turan) maallaqa doolaara miiliyoona 24 ta'u Chaayinaa, Kazaakistaan, Roomaaniyaa, Raashiyaa fi Yukireen irraa fudhataniiru.
Maanguddoon umrii waggaa 81 Joo Baayidan filannoo 2024 irratti morkataasaanii jaarsa umrii waggaa 77 Doonaald Tiraamp waliin walfalmu.
Yeroo lama aangoorraa pireezidantummaarraa akka buqqa'u manni maree kan irratti raggaasise Doonaald Tiraamp Ripabilikaanota bakka bu'uun filannoo 2024 irratti hirmaata.
Morkataa siyaasaa isaa kana haaloo ba'uuf kan qabsaa'u Tiraamp, namni aangoo isarraa fuudhan (Pirezidant Joo Baayidan) akka aangoorraa buqqa'an warri Kappitaal Hiil jiran itti cichanii hojjechuu qabu jedhe.