Mootummaan waliigaltee misooma boba'aa kubbaaniyyaa Poly- GCL waliin qabu adda kute

Madda suuraa, Takele Uma/Twitter
Mootummaan Itoophiyaa boba'aa uumamaa misoomsuuf karoorfatee erga hojii eegalee waggoota kurna caalaa kan lakkoofsise yoo ta'u, kubbaaniyyaa Chaayinaa Poly-GCL jedhamutti kontiraataan kennee kan ture adda kutuu ibseera.
Ministirri Albuudaa fi Boba'aa Itoophiyaa Taakkala Uumaa kubbaaniyaan oomisha boba'aa Chaayinaa kun ulaagaawwan waliigaltee kanneen akka maallaqaa fi haala teeknikaan rakkoo keessa waan galeef waliigaltee adda kutuu ibsaniiru.
Kubbaaniyyaan kun Sadaasa 16, 2013 Naannoo Somaalee sulula Ogaadeen keessaa boba'aa fi gaazii baasuuf waliigaltee fudhachuu ragaan ministeericha argame ni mul'isa.
Dhaabbatichi wayita albduuda kanneen baasuuf lafa qotutti naannoo faaluu, bishaan summeessuu fi balfa summaawaa bakka hin malletti gatuudhaan jiraattota naannoon komatamaa ture.
Kubbaaniyyaan kun komii fi himata irratti ka'u ilaalchisee hanga yoonaa yaada hin kennine.
Waliigaltee kubbaaniyaa kana waliin mootummaan Itoophiyaa qabu adda kutuu ilaalchisanii gaazexeessitootaaf ibsa kan kennan Obbo Taakkala Uumaa, tarkaanfii kana fudhachuu dura warra kubbaaniyicha harkaa qaban waliin yeroo dheeraaf dubbachuu himan.
''Kubbaaniyaan kun boba'aa fi gaazii uumamaa barbaaduu fi misoomsuuf waggaa kudhan dura mootummaarraa eeyyama fudhatee ture, mootummaanis gama danda'ame hundaan deeggaraa ture. Garuu waggaa dheeraaf hojii kana qabatee turus akkaataa mootummaa fi uummanni barbaaduun deemuu hin dandeenye,'' jedhan Obbo Taakkalaan.
Maaliif waliigaltee kana akka adda kutan wayita ibsan dhimmoota bu'uura sadi eeran.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Tokkoffaa humna maallaqaa qabatamaan hin qabu, dandeettii teeknikaa hojii kanaaf isa barbaachisu hin qabu, kun hundi walitti dabalamee oomisha boba'aa jikitaa fi gaazii uumamaa mootummaa fi uummanni Itoophiyaa waggootaaf eegaa turan dhiheessuuf hanqinni dadneettii isaan mudate.''
''Hagam takka isaan deeggarrullee, darbees hojimaata isaaniif xalayaa akeekkachiisaa itti barreessinus, sirreessuu fi hojiisaaniis milkeessuu waan hin dandeenyeef mootummaan Itoophiyaa waliigaltee adda kuteera,'' jedhan.
Aaka Obbo Taakkalaan jedhanitti kubbaniyyaan kun ulaagaa mootummaan barbaadu- maallaqa, teeknooloojii fi dandeettii teeknikaa yoo guuttate deebi'ee oomisha boba'aa fi gaazii uumamaa irratti hirmaachuu danda'a.
Haata'u malee akkaataa fedhii uummataa fi mootummaatiin hin deemu yoo ta'e hin eeyyamamuuf jedhan.
''Mootummaan Itoophiyaa kubbaaniyyaa misoomarratti hojjetan akkaan barbaada. Garuu qabeenya uumamaa qabatee faayidaa malee kan teessisuuf hin eeyyamu. Tarkaanfiin kun kubbaaniyyaawwan biroofis fakkeenya ta'a jedheen yaada,'' jedhan.
Qabeenya biyyattii daangaa hanga daangaatti jiru misoomsuuf mootummaan kubbaaniyyaawwan misoomarratti hojjetan waliin hojjechuuf fedha qaban kan jedhan Obbo Taakkalaa Uumaa, garuu kanneen qabeenya keenya harkatti qabatanii tursiisaniif araarama hin qabnu jedhan.
Oomishi boba'aa jikitaa naannoo Somaaleetti sadarkaa yaaliitti eegalamee ture kun kanaan dura adda cituusaa Ministeerri Albuudaa fi Boba'aa ibsee ture.
Kubbaaniyyaan Chaayinaa misooma boba'aa irratti hojjetu Poly-GCL wayita guutummaatti hojii eegalu guyyaatti boba'aa jikitaa barmeelii 450 oomishuu danda'a jedhamee abdatamee ture.
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Somaalee iddoowwan Kaaluub fi Hilaalaa jedhaman keessa qabeenyi boba'aa uumamaa faana (Cubic feet) tiriliyoona 10 ta'u jiraachuu erga ibsee booda oomisha eegale.












