Lola Israa'elifi Gaaza hanga ammaa maal beekna?

Haleellaa Gaazatti raawwate

Gareen Hamaas har'a haleellaa cimaa ganama obboroodhaan Israa'el irratti baneen hanga ammaa namoonni 250 yoo du'an, 1,452 ol ammoo madaa'uu miidiyaalen Israa'el gabaasan.

Israa'el haleellaa haaloo bahannaa fudhatteen ammoo gama Gaazatii hanga ammaa namoonni 232 yoo du'an 1,700 kan ta'an madaa'uu Ministeerri Fayyaa Filisxeem beeksise.

Gareen Hamaas misaa'eloota 7,000 ol gara Israa'eelitti dhukaasuu beeksise. Haleellaa kanaanis magaalota Israa'eel kanneen akka Ashqeloon keessatti miidhaa jabaatu gahe.

Gama biraan ammoo gareen Hamaas, Al-Qasiim Birgeed jedhamu karaa lafoo, galaanarraafi meeshaalee balali'an garaa garaa fayyadamuun daangaa Israa'eel seenee maagalotaafi mandaroota heddu keessatti haleellaa gaggeessuu Israa'el amante.

Gareen kun haleellaa tasaa gaggeessen loltootafi namoota nagaa heddu booji'ee gara Gaazatti yoo fudhatu gama biraan ammoo daangadhuma Israa'eel keessatti bakkeewwan 22tti hidhattoota kana wajjin humni waraanaa Israa'e waraana gaggeessaa akka jiru Ministeerri Ittisaa Israa'eel beeksise.

Viidiyoofi suuraleen miidiyaalee garaa garaarratti qoodaman irraa akka mul'atutti hidhattoonni Hamaas taankii Israa'el osoo gubaniifi loltoota Israa'el kaan lafatti tumaa, kaan immoo fudhatanii osoo deemanuu mul'ata.

Muummichi Ministeeraa Israa'e Beeniyaamin Netanaahon ergaa lammiilee biyyasaanif dabarsaniin "Israa'el lolatti jirti" jedhan. Humni waraana biyyattii haleellaa haaloo bayannaa akka gaggeesufis ajaja dabarsuu beeksisan.

Ibsa halkan kana Sambata halkan kennaiin ammoo, "Boolla hamaas seene hunda seennee barbaanna. Gadda keenya kanas akka ta'utti haaloo bahanna," jedhan.

Gama biraan ammoo Beeniyaamin Netanaahon mootummaa yeroo muddamaa hundeessuf gaggeessitoota paartilee mormituu kan ta'an Yaa'ir Laappiidifi Beenii Gaantizif waamicha dhiyeessan.

Yaa'ir Laappid MM Beniyaamin Netanaahoo wajjin mootummaa yeroo muddamaa hundeessuf fedhii akka qaban ibsan.

"Muummee Ministeeraa Beeniyaamin wajjin wal-argee haala rakkisaa kana keessatti mootummaa yeroo muddamaa hundeessuf walii galeera," jechuun mootummaan Netanahoo yeroo ammaa qophaasaa waraana kana bahachuu akka hin dandeenye miidiyaa Israa'elitti himan.

Hamaas misaa'eloota gara Israa'eletti dhukaasee heddu osoo hin turin humni qilleensaa Israa'el Gaazaa haleeluu eegale. Bakkeewwan buufatafi bu'uuraalee hidhattoota Hamaas kan jedhe haleelus beeksise.

Bakkeewwan haleelaman keessaa tokko giddu gala Gaazatti kan argamuufi buufata reediyoo Hamaas kan ta'e "Palestine Towor" gamoo jedhamuudha.

Sababa Israa'el gamoo beekamaa kana barbadeessiteef Hamaas ammoo galgala kana dabalataan rookkeettiwwan 150 gara Israa'eelitti dhukaasuu beeksise.

Muummichi Ministeeraa Beeniyaamin Netanaahon Ibsa kennaniin Haamas bifa kana dura argee hin beeknen adabna jedhan.

Dabalataanis Israa'el humna ibsaa Gaazadhaaf dhiyeessitu adda kutuu beeksifte. Gaazadhaaf humna ibsaa harka caalu kan dhiyeessu Israa'el yoo ta'u baasii isaa kan kaffalu mootummaa Filisxeem Ramalaa jiruudha.

Hawaasni idil-addunyaa maal jedhe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa tasaafi qindaa'aa Hamaas Israa'el irratti bane kana ilaalchisee US ibsa baasten, Israa'eel haleellaa shororkeessummaa ofirraa qolachuuf mirga akka qabduufi Israa'eel cinaa akka dhaabbattu beeksifte.

Pirezidaantin US Joo Baayidan haleellaa 'garee shorokeessaa Hamaas' akka balaaleffatan ibsuun mootummaansaanii nageenya Israa'e cinaa dhaabbachuurraa yoomuu duubatti akka hin jenne ibsanii ture.

Sambata halkan miidiyaalef ibsa kennaniin, "Waanti Israa'elitti raawwate waan gaddisiisadha" jechuun warra maatin jalaa du'eef gadda itti dhagahame ibsan.

"Namuu dogoggoruu kan hin qabne, US yeroo hundumaa Israa'el cinaa dhaabbatti.Israa'el ofiifi lammiileeshee ittisuuf mirga guutuu qabdi. Kanuma!" jedhan Joo Baayidan.

UKnis gama isheen haleellaa Haamas balaaleffachuun Israa'el mirga of-ittisuu akka qabdu ibsite.

Gamtaan Awurooppaa, Jarman, Faransaayifi Yukireen fa'aas haleellaa kana balaaleffachuun Israa'el mirga of-ittisuu akka qabdu ibsan.