Deebiin Hamaas waliigaltee Gaazaa irratti kenne murteessaa tahus- qabxiileen hafan jiru

Tiraampiifi Netaaniyaahuu

Madda suuraa, EPA

Hamaas namoota butamanii achitti hafan gadhiisuuf waliigalus haal-duree garuu kaa'era. Maatiin namoota butamanii oduu akkasii dhagahuuf barbaadaa turan abdii godhataniiru.

Gareen kuni lammiilee Israa'el butaman kan lubbuun jiraniifi du'an gadhiisuuf karoora Pireezidant Tiraamp baasetti waliigalus haal-dureewwan guutamuu qaban garuu kaa'eera.

Karoorri Tiraamp jalqaba torbee kanaa Waayit Haawusitti qopheessan lolli hatattamaan akka dhaabatuufi lammiileen Israa'el butaman kan lubbuun jiraniifi hin jirre sa'atii 72 keessatti akka gadhiifaman, akkasumas lammiileen Filisxeem dhibbaan lakkaa'aman hidhamanii jiran akka gadhiifaman gaafata.

Lammiileen Israa'el daangaa Gaazaa keessatti qabamanii jiran 48 kan tahan yoo tahu kanneen keessaa 20 kan tahantu akka lubbuun jiran yaadama.

Hamaas karoora waraana Gaazaa dhaabuu Ameerikaa bulchiinsa bulchitoota teeknikaa Filisxeemiif kennuu irratti waliigaluun dhimma ijoo biraa dha.

Haa tahu malee karoora abbaa qabxii 20 keessa dhimmoota hin fudhanne ifatti mul'ataniiru.

Kanneen keessaa Hamaas hidhannoo isaa akka hiikkatu kan gaafatutu ifatti mula'te.

Mootummaan Israa'el kaayyoon ibsa kanaa maal akka tahe sirnaan hubachuuf jecha akkaan qoarchaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hamaas qabxiilee kunneen dhugumaan fudhate moo mareefi gaaffii dabalataaf yeroo bitachaa jira kan jedhu mootummaan Isaraa'el baruu barbaada.

Hamaas erga Tiraamp guyyaa dhumaa kennaniifi booda waliigaltee kana fudhachuun kaabinooti MM Beenjaamin Netaaniyaahuu ija shakkiin akka ilaalan taasiseera.

Sababa kanaan Pireezidantiin Ameerikaa Israa'el Gaazaa haleeluu akka dhaabdu gaafataniiru.

''Ibsa Hamaas baaseen NAGAA waarawaaf waan qophii tahan fakkaata,'' jechuun ibsa Hamaas booda Tiraamp dubbatan.

''Israa'el hatattamaan Gaazaa haleeluu dhaabuu qabdi, haala kanaan namoota butaman saffisaan baasuun danda'ama,'' jedhan Tiraamp. ''Haala amma jiruun sana raawwachuun akkaan rakkisaa dha,'' jechuunis dabalanii dubbataniiru.

Israa'elonni ibsa isaa keessaa egeree Gaazaa irratti shoora qabachuu isa jedhu hin jaalatan.

Ibsi Hamaas murteessaa dha, isatti shakkiin hin jiru jechuun ''guyyaa murteessaa'' akka tahe ibsuun booda biyyoota karoora kana baasutti deeggaran galateeffataniiru.

Haa tahu malee naannichatti nagaan bu'uun dura dhimmooti hojjetamuu qaban baayyeen jiru. Pireezidantichi kuni dhimma dhumateef akka hin taane beekamtii kennaniiru.

''Maal akka tahu bullee ilaalla,'' jechuun, ''jecha isa dhumaafi murteessaa tahe argachuu qabna,'' jedhaniiru.