Eliyaans addunyaa biraarra jiraachuun hin oolu maaf jedhama? Tarii dhiheenyatti mul'atuu?

Dachiin irra jiraannu alaala irra yoo ilaalamu ifaafi urjiitu mul'ata

Madda suuraa, Getty Images

Halkan keessaa samii tuuta urjiiwwan balaqqisaniin guutame ol ilaaluun ofii keessan mee akkasiin gaafadhaa. Dhuguma dachee guutummaatti hubachuuf baay'ee bal'oo taate kana keessatti qophaa keenya jirraa laata?

Tarii ta'uu dhiisuu mala. Dachiin tuqaa ishee xiqqoo galaana bal'aa biliyoonaan lakkaa'aman biroo keessa jirtudha. Kanaafuu, akkamitti samii gadiitti ykn dachee irratti lubbu qabeessa isa qofaa ta'uu dandeenya?

Kanaafuu, waa'ee jireenya naannoo guutummaatti to'atamee; achiitiin ala jiru maal beekna?

Ogeeyyiin hedduun akka jedhanitti, ragaa cimaan jiraachuu alagaa osoo hin jiraatin illee, isaan achi jiru jennee xumuruu qabna. Gaalaaksiin keenya Milkii Weey qofa - galaaksii biiliyoona 200tti tilmaamaman keessaa tokko - naannoo urjiilee biiliyoona 300 of keessaa qaba. Urjiin mataa keenyaa - aduun - madda jireenyaa ijoo ta'eedha.

Oggeessonni baayyeen akka jedhaniitti, lubbuu qabeeyyiin gara biraa jiraachunsaaniif odeeffannoo cimaan jiraachu baatulleen, asi nu biraan akka jiran waliigaluu qabna.

Gaalaaksiin Milkii Weey keenya, kan gaalaaksiiwwan gara biiliyoona 200tti siqan keessaa tokko taatee, urjiiwwan biiliyoona 300 ta'an qabu.

Biiftuun ammoo Dachii irratti madda jireenya ijoodha.

Saayintistoonni ammoo walitti fufiinsaan pilaaneetoota urjiiwwan kanneen naannawan, kan eksopilaaneetsi (exoplanets) jedhaniin argataa jiru. Kunis kan sirna aduu keenyaan alatti argaman jechuudha.

Qorataan Hawwaa Doktar Maagii Adariin Pookook, [lubbu qabeeyyiin] ''achi akka jiran ni amanna'' jedhaniiru. ''Waansaa tapha lakkoofsaa qofaadha. Carraan ta'usaa jira.''

Namoonni sadii - namni guddaan tokkoo fi ijoolleen xiqqaan lama dugda isaanii gara kaameraatti garagalchuun samii halkanii ol ilaalaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saayintistoonni waggoota kurnan dhufan keessatti pilaaneetota mallattoo jireenyaa qaban ni arganna jedhanii amanu

Ammatti teknolojiin qabnu akka plaaneetoota sirna aduu keenyaatiin ala jiran gadi fageenyaan qorachuudhaaf ni dandeessisa jedhan.

Hayyoonni saayintiistii qaamoolee samii naannawa urjii socha'an qabiyyee keemikaalaasaanii qorachuuf, teleskooppiiwwan dandeettii olaanaa qaban fayyadamuun makaa kemikaala ifa urjii isaan keessan darbu ilaaluu danda'aniiru. Kunis ispektiroskoppii (spectroscopy) jedhama.

Dhimmi ijoon qabiyyee keemikaalaa dacheen wal fakkaatu argachuudha. Kana jechuunis naannoon bakka biraas jira, tarii fageenya ifaa waggaa kuma hedduu irratti kan argaman yoo ta'u, kunis jireenya nuun wal fakkaatu kan irra jiraachu dand'an ta'u danda'a.

Mallattooleen jiran kan nama jajabeessaniidha. UK'tti waahilli Yunivarsitii Maanchiistar, Pirofesarri Asitiroofiiziiksi, Tiim Obireen, ''pilaaneetoonni lubbu qabeeyyiin irra jiraachu danda'an dhibbaan lakkaa'aman akka jiraatan beekna'' jedhan.

''Waan mirkana ta'e waggoota kudha dhufan keessa gara pilaaneetoota lubbuu qabeeyyiin irra jiraachuuf ragaa itti argachuu dandeeny irra ni geenya.''

Odeeffannoo caalaan nama jajabeessu garuu asuma dacheerratti argama. Kanaan dura eddoowwna lubbuu qabeeyyiin irra jiraachuuf rakkisoo ta'u jedhaman argamaniiru.

Eddoowwan ifti aduu ykn ho'i bira hin geenye, fakkeenyaaf, galaanaa baayyee gadi fagoo keessatti lubbuu qabeeyyiin argamaniiru.

Dr Maagii Aderiin-Pokook
Ibsa waa'ee suuraa, Yoo qaroominni keenya walirra hin qaxxaamurre, jiraattota pilaaneetota biroo gonkumaa hin qunnamnu jedhu Dr Maagii Aderiin-Pokook
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan dura lubbuu qabeeyyiin argamu kan danda'an pilaaneetii fageenya naannawa urjii bakka ifa ykn carrallaa gahaa itti argachu danda'an irratti qofaa akka ta'e tilmaamamaa ture.

Haata'u malee lubbu qabeeyyoonni dacheerra bakka hin yaadamne jiraachaa argamunsaanii, pilaaneetii irra qofa osoo hin taane ji'a irra illeen lubbuun jiraachuu malu yaada jedhuuf karaa nu baneera jedhu.

Kana jechuun garuu akka barame biqiltuuwwan magariisa ta'u jechuu miti. Dubbachuu kan dandeenyu achi lubbuu qabeeyyiin jiraachuu fi lubbuun jiraachu danda'u kan jedhu qofaadha.

Addunyaa biraa keessa lubbuu qabeeyyiin jiraachusaaniitiif carraa olaanaan jiraatulleen, amma garuu, umamni yaaduu fi dandeettii waa hubachuu qabu ni jiraata jedhamee dubbachuuf rakkiisaa ta'uu oggeessoonni ni akeekkachiisu.

''Seenaan Dachii kanarraa irra caalaan baayyee salphaa ture. Dhugaatti waggoota biiliyoonaan lakkaa'amaniif jireenya baakteeriyaa ture'' jedhu Pirofesar Obiriiyen.

Kanaafuu, pilaaneetoota irratti lubbuu qabeeyyiin (multicellular) akka jiraatan kan taasiisee carraa taateewwan walitti fufiinsaan umamaniiti.

Lubbuu qabeenyiin hin beekamne kunneen qaamaan nu waliin wal qunnamuudhaaf kan qaamaafi teknolojiin nu caalaan ta'u qabaatu.

Lubbuu qabeeyyiin gaaf tokko dhufuu malu jettanii eegdan jiraa?

Qophaa keenya erga hin taanee, lubbuu qabeeyyiin addunyaa gara biraa ni dhufu jennee kan eegnu qabnaa? Kun baayyee wal xaxaadha.

Lubbu qabeeyyiin fageenya urjiiwwan jidduu jiru qaxxaamuruun ilamuu danda'an kamuu hin jiran jechuun amanuun ni ulfaata. Yoo akkas ta'e garuu maaf hanga ammaatti hin taaneeree?

Dr Adariin Pookook ''rakkoon keenya inni guddaan fakkeenyi lubbuu qabnu tokko qofaadha. Inni mataansaa kan pilaaneetii kanarra jiruudha'' jedhan.

Haata'u malee, sun hawaa keessatti callaqqee fakkeenya eddoo biraa ta'u hin danda'u.

Fakkeenyaaf, Dr Adariin Pookook akka jedhaniitti, ''yoo urjii baayyee si'oomaa ta'e keessa kan jiraattu ta'e, carrallaa gadhiifamu irra of ittisuuf dachiin gadi jiraachu dandeessa... kana jechuun ammoo lubbuu qabeeyyiin dandeettiin hubannoo qabu achi hin jiru jechuu miti. Haata'u malee, kan jiraattuu dachiidhaan gadi waan ta'ef, ergaa erguudhaaf mala qabaachuu dandeessa.''

Fakkii galaaksii ispiraalii Messier 106 (M106), NGC 4258 jedhamuunis beekama - lafa irraa waggoota ifa miliyoona 25

Madda suuraa, Robert Gendler/Science Photo Library/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Ergaan nuti bifawwan-jireenyaa birootiif erguuf yaallu kamiyyuu isaan bira ga'uuf waggoota kumaatama, miliyoonaan illee fudhata jedhu saayintistoonni

Yookan ammoo haala salphaadhaan kallattii saayinsiitiin afaan wal fakkaatuu haasa'uu dhabu keenya ta'u mala.

''Bara 1960mota irraa kaasee sagaleewwan dachii kanaan alaa dhufan dhaggeeffachuuf teleskooppiiwwan raadiyootti fayyadamneera'' jedhan Pirofesar Obriiyan.

Haata'u malee, lubbuu qabeeyyoonni malawwan ittiin mallattoo ergan adda daati jira, ta'ulleen ammoo waan tokkolleen deebiifne dhagahu hin dandeenye.

Dambalii addunyaa wantoota lubbuu qabaniin wal fakkaatu keessatti kan argamnu taanulleen, fageenyii olaanaan jiru ergaawwan dabarsuu fi deebiisaa argachuuf waggoota kummaatamaan lakkaaaman fudhachu danda'a.

Akka bara duriitti osoo xalayaa kan waliif erginu ta'e hangam akka harkiifataa ta'u malu yaaduun gahaadha.

Kaaliifoorniiyaatti Yunivarsitiin Barkileeyiitti argamu pirojektiin Bireeksiruu Liisin (Breakthrough Listen) jedhamu haaraadhaan saayintistoonni ergaawwan gara Dacheetti erguu qaama danda'u kamuu irraa ergaa simachuuf urjiiwwan dhihoo miiliyoona tokko ta'an barbaadaa jiru.

Urjiiwwan Milkii Weey keenya kan ifa waggaa 25,000 fageettee argamu jidduu jiran ilaalaa jiru.

Kana jechuunis ergaawwan urjiiwwan kanneeniin ergaman osoo nu bira hin gahiin dura gara waggaa 25000 imalu qabaata.

Kanaafuu, yoo lubbuu qabeeyyiiwwan gara biraa achi jiraatan, osoo omaa hin dhagahiin dura waggaa kumaatamaan lakkaa'aman fudhachu danda'a.

Sichi baayyeetuu hafa

Imalli hawaa gaalaaksiiwwan jidduu taasifamu kan dhiheenyetti yaadamu miti. Dambalii raadiyoo saffiisa ifaatiin ergu dandeenya. Haata'u malee kunis dambalii raadiyoo bakka duwwaa keessa imaluu dand'u qofaadha.

Geejibni hawaa gosa kamiituu urjiiwwan jidduu imaluu hin danda'u. Akka qorattoota hawaatti ykn wantoota bira gara hawaatti erguun yoo barbaadne cimaadhaa.

Oggeessoonniifi hammayyummaan (civilisation) irra qaqabne kana gochuu yoo hin dandeenye, lubbuu qabeeyyiin addunyaa biraa irra jiran kana gochuu hindanda'an jedhu.

Teeknoloojii gara keenyaatti imaluuf isaan dandeessitu qabaatan illeen, akka hin barbaane hubannoo keessa galchuu qabna.

Akkasumas carraan hawaa murtaa'e, ykn haalli mijataan jiraachu qabaata. Hammayyummaan keenya Dachee irra hangam yeroo muraasaa akka ture yaadachuun cimaa ta'u danda'a.

Dacheen jireenya waggaa biiliyoona 3.5 ol keessumeesiteetti. Haata'u malee namoonni hammayyaa Dachii tanarra kan jiraatan tilmaamaan gara waggaa 300,000 qofaadha.

Hammayyummaan saffiisaan baduu waan danda'uuf lubbuu qabiieeyyii addunyaa biraa waliin wal arguuf carraan dhiphaadha. Knaafuu, lubbuu qabeenyoonni addunyaa biraa biqiltuuwwan ykn qabeenyaawwan keenya dowwachuusaanii wanti beeknu omtu hin jiru. Xiqqaatus kan mirkanaan haasa'u dandeenyu, tarii yeroo namoonni dachii kanarra socho'aniitti akka hin mul'anneedha.

Dr Adariin Pookook ''yoo sadarkaan hammayyummaa keenya wali hin fakkaannee gonkumaa keessummota keenyaan wal arguu hin dandeenyu'' jedhan.

Tarii bara dheeraan dura dhufaniiru ta'a ykn erga lubbuun ilmaan namoota dhumeen booda bara dheeraa booda kan dhufan ta'u'' jedhan.

Kanaafuu, tarii daayinesaroonni bara jaarraa Juraasiik keessa lubbuu qabeeyyii addunyaa biraa waliin walitti dhiheenyaan tapahataniiru ta'a. Tarii gonkumaa wanti beeknu hin jiru ta'a.