Maarsiirra lubbu qabeeyyii akkamiitu jiraatu?

Maarsiirratti iddoowwan boyii bishaanii fakkaatan ni mul'atu, bishaan keessa gadi seenee kan jiru ta'us

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Maarsiirratti iddoowwan boyii bishaanii fakkaatan ni mul'atu, bishaan keessa gadi seenee kan jiru ta'us

Lubbu qabeeyyii dirra maarsii jala jiraatan hubachuuf jalqaba kanneen pilaaneetii keenya- dachee jala jiraatan hubachuu feesisa.

Maarsiin pilaaneetii jiidhina guddaa qabuudha. Haggayya 12 qorattoonni US kuufamni bishaanii dhagaawwan dirra maarsiirraa tuulamanii jiran keessa bakka hedduu akka jiru ragaa argachuu ibsaniiru.

Ragaan dhaabbata Nasa- Mars Insight Lander jedhamurraa argame akka mul'isutti waggoota afran darban keessatti kirkirri Maarsii 1,300 caalu mudateera.

Dirri (irra keessi) Maarsii gammoojjii qullaa ta'us, ragaan garee qorattootaa ogeessa qaama dachee fi hawaa (geophysicist) Vaashan Raayit jedhamuun durfamu irraa argame garuu dhagaawwan kuufamanii jiran keessa hanga gadi fageenya kiilomeetira 11.5 fi kiilomeetira 20 gidduutti bishaan akka argamu mul'isu.

Raayit Yuniversitii Kaalifoorniyaa- San Diego's Scripps Institution of Oceanography jedhamutti qorataa qaama dachee fi hawaa yoo ta'u, gareesaa waliin dhagaawwan jiidhiinsa qaban hedduu Maarsiirratti arguun barameera.

Yuniversitii Saawuzarni Kaalifoorniyaa kan magaalaa Los Anjeles keessatti argamutti ogeessa maayikiroobaayooloojii kan taate Karen Liyood ''yoo dhugaasaanii ta'e [gareen Raayit] kun jijjiirama addunyaan eegdu keessaa tokko,'' jette.

Maarsii jala bishaan jira jechuun lubbu qabeeyyiin dirra Maarsii jala jiraatanis jiru jechuudha.

Waggoota kurna darban keessa lubbu qabeeyyii hedduun dachee jala riphanii akka jiraatan barameera.

Amma haalli kun Maarsiirrattis mudachuu danda'a yaadi jedhu heddummaateera. Jireenyi Maarsii irraa (Martian life), yoo kan jiru ta'e, dachee keessa gadi seenanii dhokachuun warra jiraatan ta'a.

Lubbu qabeeyyii mannisaanii dachee jalaa

Ogeeyyiin baayooloojii waggoota 30 oliif lubbu qabeeyyii hedduun dachee keessa gadi seenanii jiraachuurratti ragaa walitti qabaa turan.

Garbaa fi galaana jala seenuun qotaniiru, ardiiwwan addunyaa kanaa hedduurra naanna'uun dachee qotaniiru. Gaarreenii fi dhagaawwan sababa kanaaf hin qotamin hin jiru.

Kun hunduu lubbu qabeeyyiin dachee keessa dhokatanii jiraachuu adda baasuuf.

Lubbu qabeeyyiin dachee jala gadi fagaatanii dhokatanii jiraatan kunneen irra-jireessaan lubbuu qabeeyyii xixiqqoo- Microorganisms jedhamaniidha.

Lubbuu qabeeyyii xixiqqoon kunneen baakteeriyaa fi Archaea jedhamuun beekamu.

Gareen lubbu qabeeyyii kunneen lameen dacheerratti lubbu qabeeyyii umrii dheeraa qabaachuun beekamaniidha. Lubbu qabeeyyii fi biqiloota dacheerra jiran dura waggaa dheeraa jiraatan.

Saayintistoonni akka jedhanitti waggaa biiliyoona sadi caalaa dacheerra jiraataniiru.

Jireenya Maarsii- Lubbu qabeeyyii xixiqqoo Maarsiirra jiraatan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hanga ammaa lubbu qabeeyyiin akkamii pilaaneetii diimtuu- Maarsiirra akka jiraatan hin mirkanoofne.

Dirri (irri) Maarsii gogaa fi qorra hamaa kan qabuudha. Meeshaaleen gara Maarsii ergaman, iji kaameeraa lubbu qabeeyyii munyuuqan argee hin beeku.

Booyiiwwan yookiin sululli gurguddaan dirra Maarsii irratti argaman waggoota biiliyoonaan lakkaa'aman keessatti bishaanni qaama pilaaneetii kanaarra yaa'aa akka ture akeeku.

Bishaan sun irra caalaan dacheemarratti hurkee dhabame jedhama. Gareen Raayit ammoo jalatti kuufamuu akka hin oolle eeran.

''Bishaan bu'uura jireenya lubbu qabeeyyii akka ta'e beekamaadha,'' jetti Liyood.

Kanaafuu Maarsiirra bishaan wayita turetti lubbu qabeeyyiinis jiraataa turan jechuudha. Amma ammoo Maarsii jala jiraachuutu shakkama.

''Bishaanis lubbu qabeeyyiinis Maarsii jala dhokatanii jiraataa jiru yaada jedhuttin waliigala,'' jette.

Akkuma lubbu qabeeyyii dachee jala jiraatanii kanneen Maarsii jala jiraatanis haala rakkisaa keessatti soorata malee jiraatu.

''Haalli lubbu qabeeyyiin dachee jala jiraatan keessa jiran kan Maarsii jala jiranis waluma fakkaata,'' jetti Suwiizarlaand, magaalaa Zuurikitti dhababata ETH jedhamutti Jiyoobaayooloojistii kan taate Cara Magnabosco.

''Yeroo ta'e tokko lubbu qabeeyyiin Maarsiirra jiraataa turan taanaan ammas pilaaneetii kanarra carraan lubbuun jiraachuu jira jechuudha,'' jette ogeettiin kun.

Volkaanoon Maarsiirratti mudatee akka ture waan agarsiisu

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/University of Arizona

Lubbu qabeeyyiin Maarsiirra jiraataa akka turan kan akeeku gaaziin miteenii jedhamu qilleensa pilaaneetii kanaa keessa jiraachuusaati.

Dacheerratti aara miteenii jedhamu kana kan uuman maayikiroo orgaanizimoota.

Kanaafuu gaaziin kun aara gubataa qaama lubbu qabeeyyii xixiqqoo keessa qilleensatti gadhiifamuudha.

Liyood ammoo yaadi kun of eeggannoon ilaalamuu qaba jetti. ''Wantoonni madda gaazii miteenii ta'an kan lubbu qabeeyyii hin taane waan jiraniif,'' jetti.

Gama kaaniin jireenya Maarsiitti wantoonni qormaata ta'an hedduudha. ''Jireenyaaf bishaan qofti ga'aa miti. Anniisaa barbaachisa, akkasumas iddoo jireenyaa mijataa gaafata.''

Ammoo dhagaawwan fi dhooqi Maarsii irratti iddoo jireenyaa lubbu qabeeyyiiti jedhamuun amanamu hagam bakka mijataa akka ta'e kan adda baase hin jiru.

Lubbu qabeeyyiin Maarsii irra jiru jedhaman kan jiraatan dhagaa gidduu fi jaladha.

Garuu dhagaan isaan keessa jiraatan hagam bal'aa fi qaawwa jireenyaaf mijataa ta'e akka qabu hin beeknu.

Kanaafuu akkaataan bocaa fi teessuma dhagaa jireenya lubbu qabeeyyii manasaanii godhataniif murteessaadha.

Madda anniisaa keemikaalaatis waan ta'eef.

Akka Magnabosco jettutti qormaati guddaan jireenya Maarsii irraa quunnamu lubbuun achirra jiru hagam baayyachuu yookiin walhoruu akka danda'udha.

Haalli Maarsii irra jiru walhormaataa fi baayyachuu lubbu qabeeyyiif hagam mijataa akka ta'e hin beeknu.

Lubbu qabeeyyiin Maarsii jala riphanii akka jiraatan akkamiin adda baasnaree? Karaan beekamaan tokko qotuudhaani.

Garuu Maarsiirra deemanii qotuunis hojii salphaa miti. Yoo xiqqaate hanga kiilomeetira 10 gadi qotuutu barbaachisa.

Kun ammoo dacheerrattiyyuu hojii ulfaataadha.

Haata'u malee hojii dadhabsiisaa kana hunda osoo hin hojjetin karaan ittiin lubbu qabeeyyiin pilaaneetii Maarsiirra jiraachuu adda baasan saayintistoota bira jira.

Nasan imala gara Maarsii taasisuun samuuda dhagaa pilaaneetii kanarra jiruu qabatee wayita deebi'u achirraa qorannoon argachuutu danda'ama.

''Gaazii miteenii faana bu'uun hordofuun kanaaf baayyee fayyada,'' jetti Liyood.

Garuu yeroo ammaa gaaziin kun Maarsiirra jiraachuu malee eessaa akka maddaa jiru beekuun hin danda'amne.

''Bishaan pilaaneetii kanarra jiru madda miteenii kanaa taanaan lubbu qabeeyyiin achi jiraachuu mul'isa,'' jette.

Yoo Maarsiirra bishaan yaa'u jiraate ammoo qorannoo kana guddoo gargaara.

Gaaffiin lubbu qabeeyyiin Maarsiirra jiraachuu kun deebii quubsaa argachuuf waggoota kurnaan lakkaa'aman fudhachuu danda'a.

Yookiin deebii rifaasisaas ta'uu mala. Sababiinsaa Maarsiin akka dachee miti. Danaan pilaaneetota lameenii akka tokko hin jiru. Haalli uumama bishaaniis baayyee walgata.

Haalli pilaaneetota lameenii akkaan gargar ta'uun lubbu qabeeyyiin dacheerra jiraatan carraan Maarsiirra jiraachuu dhiphaa yookiin gonkumaa kan hin yaadamne ta'uu agarsiisa.

''Kanaafuu haala kanaan waa'ee lubbuuwwan waggoota dheeraa dura badanii dubbataa jirra jechuudha,'' jetti Liyood.

Akka Liyood jettutti wanti amma dubbatamaa jiru waa'ee lubbu qabeeyyii osoo hin taane waa'ee lafeeti.

''Sanas ta'u kana hunduu kan agarsiisu Maarsiin lubbu qabeeyyiif iddoo mijataa ta'uusaati,'' jetti.