Roobootiin Maarsiitti ergamte saamuda dhagaa 'ajaa'ibsiisoo funaante'

Madda suuraa, NASA/JPL-CALTECH/MSSS
Roobootiin sagantaa qorannoo Hawaa US 'Perseverance' jedhamu ergama isaa jalqabaa Maarsii irraa xumuruuf jedhame.
Roobootiin Naasaa kun samuda dhagaa hedduu walitti qabuun fuula Maarsii irratti kaa'a. Booda ergama biraan gara lafaatti dhufa.
Roobootiin Nasa kun gara Maarsii bakka Jezero Kireter jedhamuutti kan ergamte ji'oota 17 dura ture.
Saayintistoonni konkolaatittiin bakka sirrii lubbu qabeeyyii itti adamsuu dandeessu taa'uu ishee mirkaneessaniiru.
Garuu lubbu qabeeyyii amma jiran barbaada osoo hin taane waggoota biliyoonota dura yeroo Jeezeeroon bishaaniin guute turan barbaaddi.
Haalli qilleensaa hamaan amma Maarsii irra jiru lubbu qabeeyyiin akka hin jiraanne taasisa.
Seenaa durii kana keessatti saayintistootni saamuda dhagaa 'ajaa'ibsiisoo' tahe ji'oota dhufan keessatti ''kuufaman'' irraa waan ture argachuuf abdii guddaa qabu.
Waggoota biliyoona 3.5 dura osoo Jezeroon lafa irratti bakkuma kamittiyyuu argame tahe baayoloojiin gahee mataa isaa ni qabaata ture ykn dhagaa kanneen irratti ragaa tokko kaa'ee darba ture.
Naasaa fi Ejensiin Qorannoo Hawaa Awurooppaa saamuda dhagaa walitti qabame ergama itti aanuun kan gara lafaatti fidan taha.
Saamuda kana buusuuf karoorri guddaan biraa kan qabeeru yoo tahu, helikoopterii, rookkettii Maartiyaan fi meeshaalee biroos dabalata.
Galmi qorannoo kanaa bara 2033'tti saamuda dhagaa kana gara lafaatti buusuudha.
Roobootiin qorannoo 'Perseverance' jedhamtu saamuda Maarsii irraa gara Lixaatti haroo ykn kireterii km45 bal'atu irraa funaane.
Deeltaan Maarsii irraa cirracha lagni haree gara galma isaatti kuusedha.
Qorannoon Maarsii irraa kun lubbu qabeeyyiin akkamiin akka achirra jiraataa turan adda baasuuf kan gaggeeffamaa jirudha.












