Booying balaa xayyaaraa Itoophiyaafi Maleezhiyaatti mudatee tureef beenyaa dolaara bil. 1.1 kaffaluuf waliigale

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbati Booying balaa xayyaaraa waggootan dura Itoophiyaafi Indoneezhiyaatti mudatee lubbuu namoota 346 galaafateef beenyaa dolaara biliyeena 1.1 kaffaluuf walii gale.
Dhaabbatichi maallaqa kana kaffaluuf kan waliigale balaa xayyaaronni inni omishu Booying 737 Max qaqqabsiisef yakkaan akka hin himatamneefidha.
Dhaabbanni xayyaara omishuun beekamu Booying fi Biiron Haqaa US beenyaan kun akka kaffalamuuf kan walii galan yoo ta'u, abukaatonni maatii miidhamtootaa garuu waliigaltee Booying fi Biiroo Haqaa US kana "waan balaafamaa" jechuun komii qaban ibsan.
Akkaataa waliigaltee kanaatti dhaabbatichi dolaara miliyeena 444.5 maatii namoota balaa xayyaaraa kanaan du'aniif beenyaa kan kaffalu yoo ta'u, dolaarri miliyeena 455 ammoo sagantaa fooyya'iinsa nageenya, qulqullinaafi to'annoo fooyyeessuf hojiirra kan ooludha.
Kanaan alatti ammoo, dolaara miliyeena 487.2 adabbii yakkaatiif kaffaluuf tole jedheera.
"Booying akkaataa yaada waliigaltee kanaatti itti gaafatamummaasaa bahuuf qophiidha; kunis maallaqa adabbii, fooyya'iinsa dhaabbataafi misooma garaa garaa kan of keessatti qabatuudha," jechuun ibsan dubbi himaan dhaabbatichaa.
Waliigalteen Booying fi Biiroo Haqaa gidduutti taasifame kun abbaa murtii fedeeraalaa UStiin yoo mirkanaa'e, dhaabbanni guddichi xayyaara omishuun beekamu kun yakka waliin dhahuurraa bilisa ta'a jechuudha.
Dhaabbatichis akka yakkaan hin himatamneef Biiroo Haqaa US waliin waliigalteerra gahuus ibse Booying.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abukaatonni maatii miidhamtootaa garuu waliigalteen kun gara abbaa murtii federaalaa bira yeroo gahu maatiin oliyyannoo akka dhiyeeffatan ibsuun, beenyan Booying kaffaluuf jedhu maatii miidhamtoof gahaa akka hin taane ibsan.
Industirii Aviyeeshinii dhaabbatichaa keessatti balaa hamaadha kan jedhame balaan xayyaaraa Itoophiyaatti mudatee ture lubbuu namoota 157 kan galaafatee ture yoo ta'u, Indooneezhiyaatti ammoo namoonni 189 du'uunsaanii ni yaadatama.
Dhaabbanni Booying xayyaarotasaa 737 Max jedhamaniif hayyama argachuuf jecha itti yaadee to'attoota Aviyeeshinii Federaalaa US gowwoomsera jechuun Biiron Haqaa US qorannoo yeroo dheeraa erga gaggeessee booda waggaa lama dura Booying irratti himata banee ture.
Yeroo sana Booying balaa mudateen namoota du'aniif itti gaafatamummaa akka fudhachuun, mootummaa Ameerikaa, namoota balaa mudateen miidhamaniif beenyaa dolaara biliyeena 2.2 kaffaluuf walii galee ture.
Yeroo sanatti, abbootin alangaa federaalaa, Booying waggoota sadan ittaananiif waliigaltichaaf kan bitamu yoo ta'e, himannaa yakkaa akka irraa dhaabu beeksisee ture.
Haa ta'u garuu, osoo yeroon jedhame hin dhumin dura rakkoon biraa xayyaara Booying omishe mudate. Xayyaarri daandii qilleensa Alaaskaa Boying Max 9 osoo balaliirra jiruu qilleensarratti balballisaa irraa cabe bu'e.
Kuni ammoo Booying nageenya xayyaarota omishuu eeguf waadaa gale eeguu hin dandeenye jechuun Biiron Haqaa bara darbe ibsee ture.












