Imalli xiyyaaraa yeroo isin jalaa haqamu ykn harkifatu mirgi kabachiifattan maal fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Jalqaba bara 2025tti haala qilleensaa cabbiiifi qorraa irraan kan ka'e biyyoota lixaatti balaliiwwan gariin danqamaa jiru.
Yeroo balaliin xiyyaaraa danqamuufi imalli haqamu qarshii kee deebifachuu dandeessaa? Mirgooti kabachiifattu maal fa'i?
Daandiiwwan xiyyaraa imaltootaaf beenyaa kennuu?
Yeroo imalli xiyyaaraa haqamu ykn harkifatu daandiiwwan xiyyaaraa dirqama eegumsa sii gochuu qabu.
Nyaataafi iddoo turtu sii qopheessuun dabalataan akka barbaachisummaasaatti lafa dhaquu kaayyeeffatteen si gahuu qabu. Kaffaltii dabalataa tokko malee dirqama balalii biraatti si ceesisuu qabu.
Lafa keessa turuuf erga qabattee booda sababa danqaa balaliin yoo itti hin fayyadamneefi kaffaltii kaardii liqaa(credit card) raawwatteetta yoo tahe maallaqa kee deebistee gaafachuu dandeessa.
Ergasii gaaffiin qarshii ''naa deebisaa'' kee kuni gara tajaajila wabii imalaatti(travel insuraance) adeemuu danda'a.
Haa tahu malee tajaajilli wabii imalaa hangam kaffaluu danda'a kan jedhu irratti waliigalteen hin jiru.
Dhaabbanni faayinaansiifi qorannoo gabaa UK Defaqto akka jedhutti imaammati tajaajila wabii imalaa baasii sababa danqamuun dhufu %94 kan kaffalu tahus harka 30 qofatu dhimmoota gargaraa hammata.
Balaliin yoo haqame qarshii koo deebiseen argadhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Balaliin haala qilleensaa hamaan qofa osoo hin taane sababa garagaraa biraan haqamuu ykn harkifachuu danda'a.
Fakkeenyaaf balaliin kee seera UK'n ilaalama taanaan daandiin qilleensaa fayyadamte qarshii kee deebistee argachuufi balalii biraan iddoo galma kee si geessuu keessaa si filachiisuuf dirqama qaba.
Kun egaa imalli dura dursees tahe, jala bu'ees yoo haqame imaammata hojjechuu qabudha.
Maallaqa tikeeta kee itti hin fayyadamiin hafte hunda deebiftee argachuuf mirga guutuu qabda.
Balalii dhaqaa-gala kutattee xayyaarrii kee balalii deebii yoo haqeef ammas mirga qarshii kee isa hafe deebisachuu qabda.
Lakkimmoo balalii biraan deebi'uu fedha yoo jettes daandiin qilleensichaa haala siif mijeessuu qaba.
Daandiin qilleensaa biraa yeroo dhihootti gara iddoo ati deemuuf kaateetti balalii qaba taanaan ykn malli geejibaa mijataa tahe biraa jira taanaan isa akka qabattuuf filannoon sii kennamuu qaba.
Daandiin qilleensaa nyaataafi iddoo turtiif kaffalaa?
Sababa balaliin haqameef biyya alaa ykn buufata daandii qilleensaatti danqamtee jirta taanaan daandiin qilleensichaa si gargaaruu qaba. Yoon danqamteef wantoota sii guutamuu qaban:
- Nyaataafi dhugaatii gahaa jedhamuu danda'u sii dhiyaachuu ykn kaffalamuu qaba
- baasii bilbilaa danqamuu kee wajiin dhufus daandiin qilleensichaa si danda'u qaba
- guyyaa itti aanu imaluuf siree qabachuu qabda taanaanis daandiin qilleensaa sun sii kaffaluu qaba.
- gatiin geejibaa bakka bultu yeroo deemtuufi deebitus sii kaffalama.
Daandiin qilleensaa fayyadamte kana yoo gochuu hin dandeenye ofii raawwattee boodarra gatii baaste gaafachuu dandeessa.
Abbaan Taayitaa Siviil Aveeshinii yeroo baayyee na gahee akka qabattuufi isa barbaachisuun ol akka hin baasne gorsa.
Balaliin imala fageenya gabaabaaf sa'atii lamaa ol, fageenya gabaabaaf sa'atii sadii ol akkasumas fageenya dheeraaf sa'atii afur ol eegdee akkuma yeroo balaliin haqamu beenyaa barbaachisaafi gahaa tahe argachuu qabda.
Sa'aatii shanii oliif eegdee kana booda yoo imaluu hin barbaaddu tahe qarshiin guutuu sii deebi'uu qaba.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo haala qilleensaa hamaa hoo?
Sababa qilleensa hamaa, hojjettoonni daandii qilleensaa hojii lagachuun ykn ammoo haala to'annoon ala taheen yoo danqamuun uumame beenyaa addaaf mirga siif hin kennu.
Haatahu malee, taatee rakkoo daandii qilleensichaati jedhamee fudhatmuun seera UK jalatti mirgoota tarreefamuu danda'an qabda.
Kun garuu kan raawwachuu danda'u buufata xiyyaaraa UK irraa daandii qilleensaa kamittiyyuu fayyadamtee gara buufataalee qilleensaa Gamtaa Awurooppaa kamittiyyuu deemta yoo taheef.
Mirgi ati qabaattus kan murtaa'u sababa balaliin itti haqamee fi yeroo hangam dura dursee sitti himame kan jedhu irrattidha.
Balaliin ati itti kaffalte akka haqame torbee lamaa gaditti yoo sitti himameef, yeroo balalii biraa siif dhiyaate irratti hundaa'uun beenyaa gaafachuu dandeessa.
Hammi maallaqaa sii deebifamus fageenya ati imaluuf karoorfatte irratti murtaa'a.
Balaliin harkifate hojii yoo na barfachiise hoo?
Sababa balaliin harkifateef galii ati dhabdu daandiin qilleensaa beenyaa siif hin kennu. Tajaajilli wabii imalaas akkasuma sababa danqamaan galii kee yoo dhabde siin kaffalu.
Balaliin waan harkifateef lafa hojii keetti akka barfattu si taasisa taanaan hojjechisaa keetti dubbachuu qabdaa jedhu ogeessonni seeraa.
Hojjechisaa kee waliin guyyaa boqonnaa keerraa akka fudhatamu ykn boqonna kaffaltii hin qabne akka baatu gaafachuu qabda.
Haala kanaan hojjettoota hafaniif dhaaboti dirqama kaffaluu hinqaban waliigaltee keessatti yoo eerame malee.












