Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Nama ta'aa, namummaan haa dursu' - duree amantaa Islaamaa Muftii Haji Umar Idiriis eenyu?
Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii Muftii Haaji Umar Idriis dhukkuba isaan mudateen wal'aansa argachaa utuu jiranuu Dilbata Onkoloolessa 19, 2025 du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gabaafameera.
Abbootii amantii Itoophiyaa, hordoftoota amantaa adda addaa biratti jaallatamaa fi kabajamaa kan turan Hajii Muftii Umar erga du'uu isaanii dhaga'amee booda ibsi gadda miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa jira.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Pireezidaanti Taayyee Atsiqesillaasee, Kantiibaa Adaanech Abebee fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroos du'a duree amantii isaaniitiin gadda qaban ibsaniiru.
Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaas du'aan boqachuu Muftii Hajjii Omar Idriisi'n gadda itti dhaga'ame ibsuun, "Abbaa mallattoo nagaa, jaalalaa fi tokkummaa'' jedheen.
Yeroo tajaajila isaaniitti tokkummaa fi nagaan ummataa akka dursu, nama gara laafinaafi jaalalaan hojjtaa ture" jechuun ibsiteetti. Namummaa gaarii qabaniif yaadannoo lammiilee Itoophiyaa hundaa keessa akka jiraatu ibse.
Muftiin jalqabaa Haji Omar Idris ALI Caamsaa 21, 1929 naannoo yeroo sanatti Wolloo jedhamuun beekamu keessatti dhalatan.
Ijoollummaa irraa kaasee barnoota amantaa Islaamaa hordofuun kan guddatan Hajii Omar, barnoota amantaa Wallotti eegalan itti fufuuf gara Finfinnee dhaqan.
Finfinneettis barnoota amantaa isaan barbaachisu barsiisota adda addaa irraa erga fudhatanii booda barnoota amantii kana barsiisuu eegalan.
Hundeessitoota dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa bara Dergii keessaa tokko kan ta'an Haaji Omar Idriis ALI bara 1967 miseensa mana maree fi dura taa'aa Ulamaa'ota ta'uun tajaajilaniiru.
Ergasii itti gaafatamummaa adda addaa irratti tajaajilaa turan.
Waggoota 25 oliif tajaajilaa kan turan Majilisni magaalaa Finfinnee dureen amantaa kun gaaffii amantii guutuu biyyattii keessatti ka'u kamuu deebisuuf dandeettii akka qabu ibsuun maqaa Muftii jedhu kenneef.
Waggoota 10 dura yeroo dura taa'aa Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee turanittis waldhabdee Muslimoota jidduutti uumamu marii fi beekumsaan furuuf carraaqqii guddaa akka godhan abbootiin amantaa ni dubbatu.
Bara hoggansa mootummaa FDRE mormii guddaa hawaasa muslimaa irraa mootumma irratti ka'uun wal qabatee, hidhaa bakka bu'ootni amantaa raawwatamaa ture akka dhaabatuuf gumaacha guddaa gochaa turaniiru.
Haji Omar hayyoota fi maanguddoota Musliimaa biroo waliin ta'uun yeroo Koreewwan dhimmaa furmaataa Muslimoota Itoophiyaa waggoota afurii oliif mana hidhaa turanitti mootummaa fi koreewwan kanneen walitti araarsuufi dhiifamni akka taasifamuuf ga'ee guddaa ba'aniiru.
ALI bara 2011 Haaji Omar Idriis Pireezidaantii Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoot Islaamummaa Itoophiyaa ta'uun filataman.
Muftii Haaji Omar Manni Maree Ol'aanaa seeraa qabeessummaa akka argatu keessatti gahee olaanaa taphachuu, abbootiin amantii kan himan.
Hojiin isaani kunis kabajaa fi maqaa gaarii Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa kan guddise yoo ta'u, manni marichaa biyya keessaas ta'e idil-addunyaatti aangoo of bulchuu fi itti gaafatamummaa akka qabaatu kan taasise ta'uutu himama.
Namoonni hedduun Muftiin jalqabaa Haaji Omar Idriis "nama tokkummaaf of kennanii fi gaaddisa biyyaa turan" jechuun ibsu.
Tokkummaa hawaasa muslimaa cimsuuf umurii isaanii guutuu kan of kennan tattaaffiin isaanii yeroo hunda nagaa fi tokkummaa hawaasaa eegsisuuf akka ta'e ibsama.
Haaji Omar Idris kitaabota amantaa 50 ol akka barreessan himama, isaan keessaa tokko qofatu maxxanfamee
Haaji Omar Qur'aana kabajamaas hiikaniiru
Dureen amantii kun ALI bara 2011 Yunivarsiitii biyyatti hangafaa yuuniversiitii Finfinnee, irraa gumaacha biyyattiif taasisaniin doktoorummaa kabajaa badhaafamaniiru.
Duuti Muftii Haaji Omar Idris hawaasa muslimaa Itoophiyaa fi lammiilee Itoophiyaa hunda biratti gadda guddaa uumeera.
Hedduun isaanii ''kasaaraa'' fi ''gadda guddaa'' isaaniif gadda qaban kan ibsan yoo ta'u, Ministirri Muummee Abiy Ahmad ammoo ''yeroo hoggansa isaanii gareewwan adda addaa tokkoomsuu fi Manni Maree Olaanaa Islaamaa seeraan beekamtii akka argatu gochuuf'' gumaacha godhaniif yeroo hunda akka isaan yaadatan dubbataniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adanech Abebe gama isaaniitiin, "Abbaan keenya nama baay'ee gad of qabuun, nama jaalala biyyaa qabuu fi hundaan jaallatamaa, dhaggeeffata, fi kabajamaa ture" jechuun ibsan.
Dureen amantaa kun geggeessaa hawaasa muslimaa qofa osoo hin taane lammiilee Itoophiyaa hundaaf gorsaa fi qajeelfama kennaniin jaalatamummaa fi kabaja kan qaban ta'uu Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Itoophiya kan ibse
"Nama taaa, namummaan haa dursu" jechuun gorsaa fi qajeelfama lammiilee Itoophiyaa hundaaf kennan akka yaadatamanis manni marichaa kan hubachiise.
Muftiin guddichi Haaji Omar Idris Pireezidaantii Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa duraanii fi akkasumas Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa keessatti tajaajilaniiru.
Sirni awwaalcha Mufti Haaji Omar Idiriis Wixata Onkoloolessa 20, 2025 akka raawwatamu ibsameera.