Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bishaan qulqulluu Makkaa Zamzam maali?
Boolli Bishaanii Zamzam masjiida guddicha Al-Haram Makkaa, Sawudii Arabiyaa keessatti argama.
Masjiidni kuni masjiida guddicha addunyaa kanaa yoo ta’u bakka qulqulluu Islaamaa, Kaabaa marsee argama.
Bishaan Boolla kana keessaa bahus uumaa waliin hidhata kan qabuu fi humna fayyisuu akka qabu musliimota addunyaa mararraa jiran miliyoonotaan amanama. Bishaan boolla kanaa daawwachuun qaama imala Hajjii yoo ta’u, musliimonni bakka kana dhufan hundis bishaan kana fudhatanii bakka irraa dhufanitti deebi’u.
Bishaan achii dhufe kunis maatii, hiriyootaa fi firootaaf rabsama. Kunis balaa, waan hamaa, dhukuuba ittisa jedhamee waan amanamuufi. Kana malees bishaan boolla kanaa kan dhumu waan hin taaneef akka raajiittis ilaalama.
Waggaa waggaan guutuu addunyaa irraa musliimonni hanga miliyoona lamaa tahan Hajjiif gara Makkaa akka imalantu himama.
Ta’ulleen lakkoofsi imaltoota Hajjii kanaa ol akka ta’uu malutu tilmaama. Sababni isaas namootni osoo hin galmaa’in dhufan, kanneen jiraattota naannichaa ta’anii fi biyyoota ollaarraa dooniin dhufanis waan jiraniif.
Zamzam Musliimotaaf maalif baayyee barbaachisaa ta’e?
Bishaan Zamzam kuni hawaasa musliimaaf baayyee barbaachisaadha. Sababni isaas barsiifata amantichaa fi seenaa keessatti hidda gadi fagoo waan qabuufi.
Hayyuun Islaamaa Imam Bukhari Abdullah Ibn Abbas bara 860tti Hadiisa kutaa ja’a qabu Sahih al-Bukhari qindeesse. Hadiisni akka qajeeltoo amantaatti tajaajila.
Hadiisni qabiyyeewwan barsiifata Nabiyyuu Mohaammad, jireenyaa fi hojiiwwan amantii bara jireenya isaanii keessatti hojjetan kan hammatuudha jedhamee kan amanamu yoo ta’u, kanneen isaan faana turaniin kan barraa’e.
Seeronni barsiifata kanarratti eeraman hojiirra oolmaa irratti hordoftoota Sunnii fi Shia gidduutti garagarummaa qaba.
Akka Barsiifata amantaa Islaamaatti, waaqni Bishaan boolla Zamzam kana waggoota kumaatama dura kadhannaa Hajar deebisuuf uume. Hajar haadha warraa Ibrahim (Abrahaam) yoo taatu inni ishee fi ilmashee qofaasaanii lafa onaa keessatti dhiisee waan deemeefi.
Taateen kuni surah Ibrahim keessatti kan caaffame yoo ta’u kitaabota amantaa Islaamaa hedduu keessatti bal’inaan barreeffameera.
Salih al-Bukhari keessatti Hajar, akkamittiin bsihaan argachuuf dhama’aa akka turte, Gaarren Saafaa fi marawa gidduu si’a torba erga fiigdee booda ergamaan Gabri’eel Koomee isaatiin dhiitee bishaan kuni akka burqeef barreeffamee jira.
Bishaan burqe kana sodaachuun Hajar ‘Zam Zam’ jechaa iyyaa turte. Hiikni isaas Afaan Arabaatin ‘yaa’uu dhaabi’ akka jechuuti. Sababa kanaanis bishaan kuni moggaasa Zamzam jedhu argate.
Guyyaa guyyaadhaan Konkolaattonni bishaan fe’an bishaan Zamzam kana liitira kuma dhibbaan kan lakkaa’amu Kuusaa mootii Abdulaaziz Sabeel Madiinatti argamutti geessu.
Hajjii waliin akkamiin walqabata?
Hariiroon imala Hajjii fi Bishaan Zamzam seenaa dheeraa kan qabudha. Hawaasa Musliimaaaf Hajjiin utubaa shanaffaa fi isa dhumaa amantaa Islaamaati. Kalaandara Islaamaa keessaayis ji’a isa 12ffaa Dhul Hijjah keessa raawwatama.
Bara kana torbee lammaffaa waxabajjii keessa kan eegalame yoo ta’u, dhuma ji’a Adoolessaa keessa xumurama jedhamee yaadama.
Ga’eessi musliima ta’e, kan qaamaa fi sammuun akkasumas garas imaluuf humna qabu kamuu bara jireenyaa isaa keessatti yoo xiqqaate si’a tokko bakka jiraatu kamirraayyuu imalee Hajjii hirmaachuun irraa eegama.
Umraan ammoo daawwaannaa gabaabaa yoo ta’u, sagantaawwan amantaa gaggabaaboo kan qabuu fi waggaa keessatti yeroo kamuu raawwatamuu kan danda’udha.
Yunvarsiitii Islamic Arabic Baangladeshitti Chaanselara itti aanaa kan tahan Mohammad Abdul Rashid, Ergamaa Ibraahim Kaaba erga deebisee ijaareen booda hawaasni Hajjii akka imalu ajajaa Allah irraa argateen ajajuu himan.
Sirnoonni Hajjii sagantaa Kaaba Marsuu, kan Tawaf jedhamu, gaarren Saafaa fi Marwa gidduu si’a torba duubaa fi fuulduratti tarkaanfachuu kan sa’I jedhamuun beekamudha.
Sirnoonni amantii kunneen guutumatti seenaa Hajar fi bishaan boolla Zamzam kan walqabatu yoo ta’u muuxannoo kana irra deebi’anii raawwachuudha.
Yeroo imalaa hajjii bishaan Zamzam dhuguun dirqama ta’uu baatulleen, akka Sunnah (barsiisa) nabiyyuu Mohaammaditti ilaalama.
Bishaan Zamzam akkamiin biyyoota biroo keessatti argamuu danda’e?
Tursitoonni yeroo daawwannaaf garas imalan Bishaan Zamzam Kana fudhatanii bakka irraa dhufanitti akka deebi’aniif kan heeyyamamuu fi jajjabeeffamu ta’ulleen hojii daldalaatiif oolchuun garuu angaa’ota Saawudi Arabiyaatin dhorkamaadha.
Faallaa kanaa Bishaan Zamzam karaa seera qabeessa hin taaneen UK keessatti gurguramaa akka jiru gabaafamaa ture. Caamsaa bara 2011, bishaan Zamzam jedhamuun qaruuraatti saamsamee fi elementii keemikaalaa qabu UK keessatti gurguramaa jiraachuu qorannoon BBC saaxilee ture.
Ergasii qondaalonni Sawudii Arabiyaa bishaan kanarratti too’annoo cimsuu fi qabiyyeen isaa dhugaatiif qulqulluu akka ta’u too’annoo cimsan.
Wiirtuun Ji’ooloojii saawudi Arabiyaa karaa dhaabbata qorannoo Zamzam jedhamuun qulqullina bishaan Boolla Zamzam kana too’ata. Bishaan kuni boolla keessaa erga baafameen booda gara wiirtuu calalliitti darba. Ergasii gara kuusaa darba.
Konkolaattonni fe’iisa bishaanii Bishaan Zamzam kana liitira Kuma dhibbootan guyyaa guyyaan gara Kuusaa mootii Abdulaziz Sabeel kan madinah jirutti geessu. Bishaan kuni masjiida Guddichaa fi masjiida Nabiyyuutti haala gaariin dhihaachaa jiraachuunis ni hordofama.