Iraaq keessatti waa'ee iddoo qulqulluu Muslimoonni Shi'aa Hajjiif itti imalan kana beektuu?

Iddoon akkaan ija namaa hawwatu kun yeroo tokko giddugaleessa addunyaa jedhameera. Kanneen gara iddoo hafuura qulqulluu kana imalan seenaa durdurii hedduu dhagahu.

Iddoon kun waggaatti kan namoonni lakkoofsaan hedduu ta'an hajjiif itti imalan ta'uus kan hubatu warra achi deeme.

Iddoon arkiyooloojii Iraaq keessatti beekamaa ta'e Nippur jedhamu kun waggoota 7,000 dura handhuura amantiiwwan ganamaa turte.

Iddoon kun magaalaa Baagdaad irraa gara kibbaatti kiilomeetira 200 fagaatee argama.

Iddoo qulqulluu handhuura qarooma Mesoppotaamiyaa taate kanatti fagoo fi dhihoorraa namuu waggaadhaan itti yaa'a.

Mootiin Sumeeriyaa waaqa addunyaa isa ganamaan asitti akka eebbifame dhugeeffatu.

Warri Sumeeriyaa durii, giddugala Iraaq ammaa kana keessa jiraataa turan, madda qarooma addunyaa akka ta'an hundi keenyayyuu ni beekna.

Magaalaa jalqabaa kan hundeessan, hojii qonnaa jalqaba kan eegalan warra Sumeeriyaa kana.

Muka soofanii geengoo bocan. Duuba barreeffama, herrega darbees sa'aatii daqiiqaawwan 60n lakkaa'amu addunyaaf gumaachan.

Amantii tokko jalatti walga'uu fi iddoo qulqulluutti sirna kadhannaaf ba'uus kan eegalan warra Sumeeriyaati.

Egaa dhawaata dhawaataan qaroominni Sumeeriyaa yeroon irra darbuun qarooma biraa, warra waaqota biroo waaqessaniin, dhaalame.

Waggoota kuma hedduu booda dacheen maqaa Mesoppotaamiyaan beekamtu Iraaq jedhamtee moggaafamte, amantiin Islaamaa ammoo addanatti amantii bu'uuraa ta'ee as ba'e.

Waaqi itti amanan jijjiiramus kanneen gara iddoo qulqulluu Nippur imalan garuu waan namoonni durdurii raawwachaa turan ammallee inuma raawwatu.

Yeroo ammaa iddoo arkiyooloojii Nippur irraa gara lixaatti kiilomeetira 100 irratti magaaonni dirree waaqeffannaa of keessaa qaban, Najaf fi Karbala, jedhaman ni argamu.

Magaalonni kunneen iddoowwan amantii Islaamaa warra Shi'aa keessaa isaan murteessoodha.

Kanneen iddoowwan kunneen daawwatan seenaa amantii Islaamaa dur durii irraa kaasee jiruu fi kan amma jiru ilaalchisuun hubannoo ga'aa argatu.

Nippur: Iddoo dhaloota Waaqaa jedhamu

Warri Sumeeriyaan durii, Nippur walitti hidhata dachee fi samiiti jedhanii amanu. Tulluun dachee bal'iinsa habalakaa qabu kanarraa mul'atu qe'ee Enlil jedhamee dhugeeffatama.

Enlil waaqa Sumeeriyaan akkaan murteessaa ta'ee fi hoogganaa hawaa yookiin samii fi wantoota keessa jiraniiti (cosmos) jedhamuun amanama.

Nippur giddugala siyaasaa ta'ee hin beeku, garuu magaalaa kana to'achuun akkan faayidaa qaba.

Sababni isaa Enlil mootolee bulchiinsota Mesoppotaamiyaa kaaniifis gonfoo kennaa ture jedhamee waan amanamuuf.

Bakki kun bu'aawwan hafuura qulqulluun walqabatan akkanaa qabaachuun ammoo amantoonni hedduun garas imaluun akka daawwatan taasiseera.

Hawaasi Sumeeriyaa durii amantii takka jalatti gurmaa'uu fi sirna barreeffamaa addunyaaf gumaachaniiru.

Arkiyooloojistoonni (qorattoonni hambaalee durii) meeshaalee barreeffamaa kuma 30 ta'an Nippur keessaa qotanii baasaniiru, ammallee kan qotamee hin baane hedduu ta'uus ibsan.

Kun seenaa Nippur iddoo kaanirraa adda taasisa.

Hambaa iddoo amantii

Nippur giddugala bahaa keessatti iddoo amantiif itti yaa'an akkaan murteessaa ta'uu waggoota kuma torba dura, giddugalli Iraaq iddoo amantiif itti ba'an akkaan murteessaa ture.

Guyyuu hordoftoonni amantii Shi'aa kumaatamaan lakkaa'aman Iraaqfi addunyaa mara irraa magaalota iddoo amantii ta'an, Karbala fi Najaaf, ni seenu.

Namoonni amantiif iddoowwan qulqulluu kunneenitti ba'an hedduun lammiilee Iraan.

Hordoftoonni amantii kanaa Iraan irraa gareedhaan gara magaalota kunneenii imalan jalqaba magaalaa Najaf erga seenanii booda gara iddoo qulqulluu- Karbala imalu.

Suuraan armaan gadii kun wayita isaan iddoowwan amantii Karbala keessa jiran keessaa tokko seenuun waaqeffatan mul'isa.

Islaamummaa fi Iraaq

Iraaq qarooma durii keessatti qooda olaanaa addunyaaf gumaachite qofa miti, amantii Islaamaa babal'isuu keessattis qooda guddaa qabdi.

Keessattuu uumamuu damee Shi'aa fi Sunnii keessatti ka'umsi Iraaq.

Qoodamiinsi kun bara 632 erga Nabiyyuu Muhammad (SAW) boqotanii booda eenyu hoogganaa amantii Islaamaa ta'a kan jedhurraa eegale.

Gareen tokko, kan boodarra garee Shi'aa jedhamuun hanga yoonaa waamamu, durbii fi soddaa Nabiyyuu Mohammad (SAW) kan ta'an Alii Ibni Abi Xaalib yookiin Imaam Alii ta'uu qaba jedhe.

Imaam Alii bara 661 naannawa Kufa jedhamu keessatti boqochun handaara magaala Najafitti awwaalame.

Yeroo dheeraa keessa iddoowwan amantii hedduun awwaala kana marsanii ijaaraman. Bakkichis addunyaarratti iddoo amantii warra Shi'aa isa beekamaa ta'e.

Sulula nageenyaa Iraaq

Najaf iddoo amantii awwaalcha Imaam Alii ta'uun alatti iddoo awwaalchaa guddaa addunyaarratti beekamuudhas.

Namoonni miiliyoona shan caalan asitti awwaalamanii jiru.

Bakki kun Wadi us Salaam jedhama. Sulula Nageenyaa jechuudha. Umrii waggaa 1,400 caalu kan qabu bakki kun kiilomeetira iskuweerii 10 bal'ata.

Muslimoonni Shi'aa hedduun addanatti awwaalamuu fedhu, awwaalchisaanii kan Imaam Aliitti akka kalaawu barbaadu.

Guyyaatti awwaalchi 80-120 ni raawwatama ture. Bara 2014 fi 2017 gidduu lakkoofsi kun 150-200 ta'eera.

Kunis erga hidhattoonni Shi'aa akkasumas loltoonni idilee Iraaq garee jihaadistii -Islaamik Isteet (IS) ofiin jedhu loluu eegalaniiti. Yeroo sana IS kutaa Iraaq harka 40 to'atee ture.

Kanneen IS waraanuuf gara adda waraanaa deeman, dursanii dirree Imaam Alii seenuun kadhannaa raawwatu, yoo du'an asitti akka awwaalamuu qabanis gaafatu.

Karbala- magaalaa qulqullittii

Najaf irraa gara kaabaatti kiilomeetira 80 irratti magaalaan iddoo amantii (qulqullittii) jedhamuun beekamu kan biraan Karbala jedhamu jira.

Asitti ammoo dirree waaqeffannaa murteessoo lamatu jiru. Iddoo tokkotti awwaala imaama Shi'aa sadaffaa- Huseen Ibni Aliitu argama.

Huseen Ibni Alii ilma ilma Nabiyyuu Mohammad (SAW).

Waraana Karbala irratti loltoonni dursaa Umayyad- Yazid I bara 680 handaara Karbalatti ajjeesan.

Suuraan armaan gadii baaxii iddoo waaqeffannaa kanaa agarsiisa. Kanneen bakka kanatti imaluun sirna kadhannaa raawwatan Muslimoota Shi'aa ta'anis iddochi garuu hundaaf banaadha.

Karbala keessatti iddoon waaqeffannaa biraan Al Abbaas jedhamus jira. Al Abbaas ilma Alii Ibni Abii Xaalib yoo ta'u, Huseen Ibni Alii waliinis obbolaadha.

Waraana Karbala irratti Huseen Ibni Alii waliin turan, adda waraana tokkottis du'an.

Dirreen waaqeffannaa iddoo awwaalcha Al Abbaas akkuma bakka awwaalcha Huseen Ibni Alii nama hundaaf banaadha.

Dirreen waaqeffannaa Najaf fi Karbala guyyuu namoota hedduun daawwatamus, lakkoofsi daawwattootaa akka malee kan heddummaatu waqtii Arbaeen (Arba'iin) jedhamu keeessa.

Yaadannoo Imaam Huseen fi Al Abbaas adda waraanaa Karbalaatti ajjeefamanii waggaatti guyyoota 40f gaggeeffamu xumura irratti sirna imalaa guddaatu gara dirreewwan kunneeniitti gaggeeffama.

Bara 2023 keessa namoonni miiliyoona 25 ta'an sirna kana raawwataniiru, kun Arba'iin sirna guddicha namni hedduun irratti hirmaatan jedhamuun addunyaarratti akka beekamu isa taasiseera.

Gocha waaqeffannaa falmisiisaa

Imaam Huseen Ibni Alii waggaa 1,000 dura adda waraanaa Karbalatti ajjeefamus, hordoftoonni isaa hanga yoonaa akka waan isa beekaniitti gadduuf.

Hedduun wayita awwaalcha isaa bira ga'an imimmaan dhangalaasu.

Kaan karaa adda ta'een miirasaanii mul'isu. Gocha of adabuu- Tatbir jedhamu ofirratti raawwatu.

Hanga dhiigi isaanii dhangala'utti sibiilaan of tumu. Gochi kun falmisiisaadha. Dureewwan Shi'aa gochi kun miidhaa qaama ofiirraan ga'uu waan ta'eef dhorkaa akka ta'e himu.

Yeroo ammaa namoonni garas imalan qaamasaanii miidhuu dhaabaniiru, garuu miira gaddaa fi gadadoo gadi fagoo keessa of galchuun of miidhuu ittuma fufan.

Ammoo of miidhanii dhiiga ofirra dhangalaasuu dhiisan sibiilaan akka dibbeetti of tumuu hin dhiisne. Namni suuraa armaan olii irraa argitan meeshaa ittiin of miidhu qabatee gara iddoo waaqeffannaa kanaa imaleera.

Karbala fi Najaf bara Saadaam Huseen

Hoogganaan duraanii Iraaq, Saadaam Huseen, Muslima Sunnii ture. Duraan Muslimoonni Sunnii uummata Iraaq keessaa dhibbeentaa 40, bulchiinsa Saadaam Huseen jalatti garuu aangoon mootummaa hundi sunnii harka gale.

Saadaam Huseen warri Shi'aa lakkoofsaan hedduu ta'an sochii lootee seentummaa babal'isuun aangoosaa akka qoran sodaa qaba ture.

Kanaaf warra Shi'aa kana humna cabsuu eegale. Imala gara Karbala fi Najaf dhorke.

Bara 1991, erga waraanni Galoo Galaanaa xumuramee booda, lammiileen Iraaq Shi'aa ta'an fincilatti seenan.

Bulchiinsi Saadaam Huseen finciltoota kunneen guddoo miidhe, humna fayyadamee cabse.

Eegdonni isaa Karbala irratti haleellaa raawwachuun namoota hedduu ajjeesan (lakkoofsa sirrii argachuun hin danda'amne).

Yeroo ammaa garuu gamoowwan haleellaa irratti raawwatameen barbadaa'an suphamuun dirreen waaqeffannaa kun bakkasaatti deebi'eera.