Haati manaa hoogganaa duraanii IS Abuu Bakar al- Baagdaadii waan hanga yoonaa hin dhagahamne dubbatte

Haadha manaa duraanii hoogganaa garee Islaamik Isteet (IS) jechuun of waamanii kan taate Umm Hudayifaa, bakka itti hidhamtee jirturraa waa'ee jiruu fi jireenya dabarsitee dubbatteetti.

Dubartiin kun Abuu Bakar al-Baagdaadiif haadha manaa jalqabaati. Wayita inni Siiriyaa fi Iraaq bakkeewwan hedduutti gocha suukanneessa raawwachuun maqaansaa addunyaa walga'etti itti heerumte.

Amma mana hidhaa Iraaq jirti. Yakka shororkeessummaan walqabatuun shakkamtee qoratamaa jirti.

Umm Hudayifaan bara 2014 Raaqaa keessa abbaa manaashee waliin jiraataa turte. Iddoon Siiriyaa keessatti argamu kun yeroo sana maandhee IS isa cimaa ture.

Hoogganaan garee jihaadistii akkaan barbaadamu, Abuu Bakar al-Baagdaadii, irra jireessaan yeroosaa naannolee biraatti dabarsa ture.

Yeroo garii eegdotasaa manatti ergee ijoolleesaa dhiiraa lamaan akka fuudhanii isatti fidan ajajaa ture.

''Ijoollee qabatee bishaan daakaa barsiisuu akka deemu natti himaa ture,'' jetti Umm Hudayifaan.

Dubartiin kun TV dhoksaan daawwattu mana keessaa qabdi. ''Yeroo inni manaa ba'u eegeen bana. Inni garuu akka waan TVn kun hin hojjenneetti beeka,'' jetti.

Bara 2007 irraa kaasee addunyaarraa adda baatee, TV fi meeshaalee elektirooniksii kanneen akka bilbilaa fi kaan illee akka hin daawwanne yookiin hin fayyadamne dhorkamtee moggaatti dhokfamtee akka turte himte.

Eegdonni isaa erga ijoollee manaa fuudhanii ba'anii guyyoota muraasa booda wayita TV bantu ''waan hin eegne fi ishee raajeffachiise'' akka argite himti.

Abbaan manaashee Masjiida Guddicha Nuurii jedhamu kan kaaba Iraaq magaalaa Moosul keessatti argamutti ibsa osoo kennuu TV irraa argite.

Abuu Bakar al-Baagdaadii akka hoogganaa biyya Islaamaa ofiin of bulchitu ta'eetti ibsa kennaa ture.

Kun kan ta'e erga hidhattoonni isaa naannawa sana to'atanii tobanoota muraasa booda.

Abuu Bakar al-Baagdaadii hareeda guddifatee, uffata gurraacha dheeraa uffatee Muslimoonni hundinuu akka bira dhaabbachuun tumsan wayita gaafatu argite Umm Hudayifaan.

Wayita gareen IS Siiriyaa fi Iraaq keessatti akkaan babal'achuun addunyaarratti ijoo dubbii ta'etti namni kun hoogganaa ta'ee as ba'uun mallattoo garechaa ta'ee beekame.

Umm Hudayifaan kun ta'a jettee hin eegne. Ijoolleen bishaan daakuu leenji'uuf ba'an tasuma magaalaa Moosul keessatti argamuun guddoo ishee rifachiisuu himte.

Umm Hudayifaan jiruu akkasii dabarsite, ammas manaa hidhaa namoonni yakkoota adda addaa raawwatan keessatti hidhaman keessa jirti.

Dubartiin kun garee IS waliin hojjettee akka hin beekne himti. Wayita dubbattu mataallee olqabattee hin beektu. Fuullishee hundi haguugamee, naannawa funyaanshee qofatu mul'ata.

Yaadi Umm Hudayifaan BBCf kennite kun himata Yazidis irratti dhiheesse waliin wal falleessa.

Iraaq keessatti gareen hawaasa ganamaa warra Kurd- Yazidis jedhaman kunneen miseensota ISn gudeedamuu fi humnaa butamanii ukkaamfamuun akka irratti raawwate himatan.

Kana keessatti haati warraa duraanii hoogganaa IS kun qooda qabaachaa akka turtes eeraniiru.

Keessattuu shamarranii fi dubartoota butuun saal-quunnamtiif dhiyeesuudhaan ishee himatan.

Umm Hudayifaan bara 1976 maatii Iraaq sirna duriitti cichan irraa dhalatte, abbaan manaashee jalqaba wayita isheen itti heerumte maqaansaa Ibraahim Awaad al-Badrii ture. Bara 1999 irraa kaasee garuu maqaa Abuu Bakar al-Baagdaadii jedhamuun beekamuu eegale.

Dureen IS kun Yunivarsitii Baagdaaditti Seera Islaamaa ykn Shari'aa barate. Umm Hudayifaan akka jettutti yeroo sana ''nama amantii ture malee akkana fiinxaalessaa hin turre. Duudhaa duriitti cicha, garuu sammuu nama dhagahu qaba.''

Erga humni Ameerikaan durfamu Iraaq weeraree waggaa tokko booda bara 2004 humnoonni Ameerikaa al-Baagdaadii qabuun giddu gala kibba Iraaqitti argamu- Mooraa Bucca jedhamutti hidhan.

Al-Baagdaadiin namoota biroo miseensota gameeyyii IS fi garee jihaadistootaa ta'an biroo waliin hidhame.

Erga gadhiifamee booda waggoota jiran keessatti garuu akkaan jijjiirame jette Umm Hudayifaan.

''Miirri isaa akkaan jijjiirame, dafee aara, ni mufata, tarkaanfiitti ni ariifata.''

Kanneen al-Bagdaadii beekan kaan qabamee Bucca seenuusaa durayyuu garee al-Qaeda keessatti hirmaataa ture jedhu, isheen garuu kan gara finxaalessummaatti isa jijjiire hidhamuusaa kana jetti.

''Miidhaa xiin-sammuu achitti [mana hidhaatti] isa mudateen guddoo akka miidhame ibsaa ture,'' jetti.

Waan isa mudatee akkas isa dhiphisu baruuf wayita gaafattu ''yoo itti himes waan hubachuuf namatti ulfaatu akka isa mudate,'' qofa akka itti hime ibsite.

Ifatti dubbachuu baatus wayita hidhaa turetti ''miidhaa saalquunnamtii fi dararaa hamaaf saaxilameera,'' jette Umm Hudayifaan.

Namni biraan mana hidhaa US Iraaq keessa jirutti hidhamee ture aaruma sana keessa suuraalee akkaan suukanneessoo ta'an hawaasatti mul'isee ture.

Suuraaleen kunneen wayita humnoonni Ameerikaa hidhamtoonni akka gocha saalquunnamtii walirratti raawwatan dirqamsiisan mul'isu.

Himannaa dubartiin kun dhiheessitu Ministeera Ittisaa UStti dhiheessinus hanga yoonaa deebii hin kennine.

Kanaan booda akka inni garee hidhattootaa kanatti miseensa ta'e adda baasuuf hojii akka eegalte himti Umm Hudayifaan.

''Wayita inni manatti galu uffatasaa sakatta'uun eegale. Wayita inni qaama dhiqatu fi gara daree hirriibaa deemus hordofuun eegale,'' jette.

''Madaa yookiin miidhaa yoo qaamasaarraa qabaatellee jedheen qaamasaa ilaalaa ture. Hibboo natti ta'e.''

Garuu akkasis gootee homaa akka irraa hin argine himte.

''Yeroo sana haala isaa kana ilaaleen 'karaarraa maqaa jirta' jedheen itti himaa ture. Haallisaa kun gara hin taanetti isa geessaa jiraachuun itti hime.''

Umm Hudayifaan waan waliin dabarsan fi akkaan ishee qore hedduu ibsite. Akkamiin akka mana jijjiirratan, isa booda inni ammoo eenyummaa sobaa uffachuun akkamiin haadha manaa lammataa akka fuudhe ibsite.

Isheen waliin turuu hin barbaanne turte, garuu haal-duree inni kaa'etu gufuu itti ta'e.

Yoo walhiikan ijoolleen isa bira akka turan waan murteesseef, ijoolleesheef jecha dirqamtee biratti hafuu himte.

Wayita waraanni hamaan Iraaq bara 2006 hanga 2008 gaggeeffametti abbaan warraashee garee jihaadistii warra sunnii keessatti miseensa akka turee fi waraanicha keessatti akka qooda fudhate yaadatti.

Bara 2010 al-Bagdaadiin hoogganaa IS ta'e. Mataa dhaabbilee jihaadii Iraaq kan ta'e IS bara 2006 uumame.

''Amajjii 2012 gara kutaa Siiriyaa, Idlib godaanne. Hoogganaa garee kanaa ta'uusaa sirriitti kanan bare achitti,'' jette Umm Hudayifaan.

Yeroo kanatti uffata warri Afgaanistaan uffachuu eegale, hareeda dheereffachuu fi shugguxii baachuu eegale.

Sabab waraana Siiriyaan wayita kutaan kaaba-lixa Siiriyaa barbadooftu gara magaalaa baha biyyattii- Raqqa godaanan.

Boodarra magaalattii teessoo bulchiinsa IS- ''caliphate'' taate. Wayita abbaa manaashee TV irratti argite iddoo kana jiraachaa turte Umm Hudayifaan.

Harki abbaa warraashee dhiiga qulqullootaan laaqamee cubbamaa akka hin taane itti himaa, wal'aansoo waliin qabaa akka turte himti dubartiin kun.

''Akka amantii Islaamaatti qabsoon gaggeessuu qabdu jira. Kan akka namoota karaa qajeelaarratti waamuufaa,'' jettee gorsaa akka turte himti.

Abbaan manaashee akkamiin karaa kompiyuutaraa hooggantoota IS waliin walquunnamaa akka tures ibsiteetti.

Akkasheen jettutti kompiyuutarri isaa yeroo mara borsaa keessatti furtuudhaan hidhamee jira.

''Banee waan keessa jiru baruuf hedduu yaaleera. Waan ta'aa jiru hubachuuf guddoon tattaafadhe,'' jette.

''Garuu beekumsa teknooloojii waanan hin qabneef kompiyuutara seenuu hin dandeenye. Paasoordiisaa cabsee seenuun dadhabe.''

Umm Hudayifaan abbaa warraashee kana jalaa miliquufis yaalteetti, garuu hidhattoonni kellaa eegan akka isheen hin darbine dhorkan.

Qabanii manatti deebisan.

Waa'ee lola keessatti hirmaachuu abbaa waraashee wayita gaafatamtu, guyyaa tokkolee wayitanni waraanu argitee akka hin beekne himte.

Wayita IS Moosul qabatu inni Raqqa ture kan jette Umm Hudayifaa, boodarra gara Moosul imalee haasaa taasise jette.

Taatee kanaan booda al-Baagdaadiin intalasaa umrii waggaa 12 taate Umaayimaa, hiriyaasaa Mansuur jedhameef kenne.

Al-Baagdaadiin hiriyaansaa kun maatiisaaf gaachana ta'ee akka eegu waan fedhii guddaa agarsiiseef intalaasaanii kana kennuufii hime.

Umm Hudayifaan yaada kan mormitus, dhorkuu hin dandeenye.

Maddeen nageenyaa Iraaq akka BBCtti himanitti Umaayimaan sana duras umriishee waggaa saddeetitti Siiriyaatti dubbi himaa IS nama ta'eef kennamtee turte.

Akka madda kanaatti heerumni inni jalqabaa eegumsa maatiif haala mijeessuuf malee heeruma isa dhugaa miti.

Wayita al-Baagdaadiin qe'ee hin jirre nama maatii eeguuf kennamte malee quunnamtii saalaan wal hin qabatu.

Bara 2014 Umm Hudayifaan daa'ima dubaraa biraa deesse. Maqaanshee Nasiibaa jedhamti. Daa'imi kun dhibee onnee waliin dhalatte.

Wayita isheen dhalattu kana soddaan isaanii Mansuur shamarranfi dubartoota Yazidi sagal kan umriinsaanii waggaa sagalii hanga soddomaa ta'e qabee mana fideera.

Dubartoonnifi shamarran Yazidi kumaatamaan lakkaa'aman gareen IS harkatti garboomfatamuu fi kumaatamni harkasaaniitti du'uuf kun agarsiistuu guddaadha.

Umm Hudayifaan wayita dubartoonnifi shamarran haala kanaan butamanii qe'eesaaniitti guuraman akkaan rifachuu fi gocha kanattis ''qaana'uu'' himte.

''Abbaan warraa kiyya yakkamaa akka ture hin waakkadhu. Kanneen yakki kun irratti raawwate an gama kiyyaan dhiifaman gaafadha,'' jette.

Garuu yakka raawwatame kallattiidhaan isheetti maxxansuun sirrii akka hin taane ibsiteetti.

Al-Baagdaadiin bara 2019 kaaba-lixa Siiriyaatti wayita loltoonni US itti marsan meeshaa dhuka'u [fanjii] ofitti xaxuun ofis, ijoolleesaa lamas ajjeese.

Humnoonni US qe'ee maatii al-Baagdaadii erga marsanii booda dhukaasa tureen haadha manootii isaa afur keessa lama achumatti ajjeefamaniiru.

Wayita sana Umm Hudayifaan achi hin turre. Tarkiitti miliquun eenyummaa sobaan achi jiraachaa turte, garuu bara 2018 qabamte.

Bara kana ji'a Guraandhalaa keessa gara Iraaq kan ergamte dubartiin kun hanga yoonaa mana hidhaa Iraaq keessa jirti.

Intallishee hangafaa Umaayimaa jedhamtu ishee waliin mana hidhaa jirti. Intallishee umrii waggaa 12 ammoo iddoo turtii dargaggootaa keessatti to'atamtee jirti.

Ijoolleesaanii dhiirotaa keessaa tokko haleellaa Raashiyaan Siiriyaa naannawa Homs jedhamtutti raawwatteen du'e. Kaan ammoo abbaasaa waliin tuubboo keessatti du'e.

Ilmi inni boodaa harka warra daa'imman guddisanii jira.

Umm Hudayifaan amma mana hidhaa jirti, aanga'oonni jabeessanii qorataa jiru. Haadha manaa dursaa garee hidhattootaa waan taateef qofa yakkamtuu taatimoo tarii yakka isheen raawwataa turtetu qorannoodhaan saaxilama laata? Fuulduratti kan ilaallu ta'a.