Masjiidii Moosuul guddichi arkiteektoota Masriitiin ijaaramuuf

Gareen arkitektoota Masrii saddeeti masjiida guddicha Moosul al-Nuur kan waggoota afur dura milishoota ISn barbadaa'ee deebiisanii ijaaruuf dorgomii mo'atan.

Gareen milishootaa kunis Waxabajjii bara 2017tti ture wayita motummaan deebiisee magaalattii qabachuuf yaalaa turetti masjiida jaarraa 12 keessa ijaaramee kana barbadeessanii turan.

Waggoota sadiin dura ammoo ogganaan garichaa Abu Baakar al- Baaghdaadi masjiidicha keessaa labsii dabarsee ture.

Ijaarsii masjiida kanaatiis qaama sochii pirojaktii Moosuul deebisanii ijaaruuf UN'n qabameeti.

Arkitektooti Masrii saddeettan fi kanneen dizaayinaan isaan waliin hojjatan dhaabbilee 123 keessaa filataman.

Lollo Magaalaa Moosul qabachuuf baatiiwwan sagaliif taasifameen magaalattii irra caalaa barbadeesseera. Namoonni nageenyaa kumaatamni kan ajjeefamn yoo ta'u, kanneen kuma 900 ol ta'an ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru.

Ijaarsii masjiida kanaas ''adeemsa magaalaa waraanaan barbadoofte deebiisanii ijaaruu keessatti tarkaanfii isa guddaadha'' jedhan Audreey Azuulaay dureen ejansii aadaa motummoota gamtoman UNESCO.

Bakkeen kadhanaa masjiidichaa kan osoo hinbarbadaa'iin duraa yoo fakkaatu, fayyadama ifaa umamaa fi bal'ina lafa dubartoonni itti kadhatan irratti hanga tokko jijjiramni ni jiraata jedha ibsi UNESCO.

Masjiidii guddichi kunis maqaa Nuur al-Din Mahamuud Zaangiin nama humnootii Isilaamaa barsiiftoota Kiristiyaanaa irratti tokko taasisuun beekamuutiin kan moggaafameedha. Namni kunis Masjiidichi bara 1172tti akka ijaaramuf ajajan.

Masjiidii beekamaan kunis tibba wal waraansa Moosuuliitti garmalee barbadaa'e.

Hojiin deebiisanii masjiida kana ijaarutiis dhuma bara kanaatti akka eegalamu eegama.