Reeffi namootaa Kaartum keessatti du'anii akkam godhama?

Loltootaafi taankii waraanaa

Madda suuraa, KHARTOUM MINISTRY OF HEALTH/FACEBOOK

Waraanaa cimaa magaala guddoo Sudaan -Kaartum keessatti torbanoota torbaaf gaggeeffameen booda, jiraattoonni waan takkaa yaadanii hin beekne isaan mudataa jira. Namoota ajjeeffamanii reeffiisaanii daandii magaalattii irra jiru waliin rakkataa jiru.

Akeekkachiisa: Odeessi kun qabiyyee isin jeequu danda'uu qabaachuu mala.

''Namoota sadii manumasaanii keessatti, kan hafan ammoo seensa daandiin irra jiraadhu irrattin awwaale,'' jedha Omaar, kan maqaansaa geeddarame.

"Karra saaqanii yoo saroonni reeffa namootaa fuunfatan ilaaluurra kana wayya.''

Hanga ammaatti namoonni meeqa akka ajjeefaman hin beekamu, garuu namoota nagaa dhukaasaan ajjeffaman dabalatee kumaa ol akka ta'an tilmaamama.

Waraanaa cimaa aanga'oota waraanaa lamaan (waraana idilee fi humnoota addaa (RSF)) jidduutti deemaa ture irratti dhukaasa dhaabuuf waliigalteen irra deddeebiin taasifamus ammalleen lafa awwaalchaa deemuun baayyee balaadha.

Omaar yoo xinnaate namoota 20 awwaaluu hima.

''Ollaan koo manumasaa keessatti ajjeeffame. Kanan godhu waanan hin qabneef manumasaa keessattiin qotee isa awwaale,'' jechuun BBCtti hime.

"Reeffi namootaa daandumarratti ho'aan boossosaa jira. Maal jechuun danda'a? Kutaaleen Kaartum tokko tokkoo amma gara bakka awwaalchaatti geeddaramaa jiru.''

Baatii darbe, bulchiinsa al-Imtidaad Kaartum keessatti Omaar daandii mana isaatti dhiyoo jirutti namoota afuriif bakka awwaalcha qoteera. Ollaasaatti namoonni gara biraa akkuma isaa raawwatan jiraachuu akka beeku dubbata.

''Namoonni ajjeeffaman baayyeen kan awwaalaman dhiheenya Yunvarsitii Kaartuum, buufata boba'aa Sedoon jedhamuttidha. Reeffii kaan ammoo dhiheenya daandii Mohammad Nagu'ibitti awwaalaman."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni meeqa akka ollaa ykn manasaanii keessatti awwaalaman ilaalchisee lakkoofsi mirkanaa'ee hin jiru, garuu ammoo Omaar ''hedduu ta'uu mala'' jedha.

Haamiid kan maqaansaa jijjiraamees mudannoo walfakkaataa qabaachuu hima. Miseensoota waraanaa sadii naannoo jireenyaa magaala Shaambaa, kan Kaartum irraa fageenya km 12 irratti argamtuutti awwaaluu BBCtti hime. Namoonni kunneen erga xiyyaarri waraanaa kufee caccabeen booda akka du'an hima.

''Akka carraa ta'ee naannichan ture. Namoota biroo shani fi ana taaneeti reeffa jarreen kanaa kaasuun lafa gamoowwan jireenyaatiin marfame tokkotti awwaalle.''

Wakkiila manneenii kan ta'e Haamiid, waggoota 20'f naannicha keessa kan jiraate yoo ta'u, kunis 'hojii dhiifamaa' akka ta'eetti amana.

''Bakki nuti reeffa itti awwaalluu barbaachisaa miti. Isaan awwaalutu hunda caalaa durfamu qabaata. Kana gochuun hojii tola-oltummaati. Imalli bakka awwaalchaa guyyoota fudhata, kanarratti ammoo qawween fagoorra xiyyeeffatan [isnaayippariin] bakka hunda jira."

"Balaa fayyaa dhabamsiisuun hawaasa gargaaruuf yaalaa jirra. Kunis itti gaafatmummaa amantaafi dudhaati.''

'Dhugaa awwaaluu'

Loltuu du'ee daandii Kaartum irra ciisu

Madda suuraa, Reuters

Kaayyoon isaa gaarii ta'ulleen, gochaawwan kunneen ragaa yakka waraanaa akka balleessan dubbatu Dr Atiyaa Abdullaah Atiyaa, itti-gaafatamaan waldaa oggeessota fayyaa.

Haalli awwaalcha 'ogummaa malee' kunis kan ''dhugaa awwaaluu'' ta'uu mala, sababiin isaas namoonni attamiin akka itti ajjeefaman irratti ragaa balleessuu waan danda'uufi jedhan.

Dr Atiyaan reeffii namootaa adda baafamuun haala kabaja qabuun bakka awwaalchaatti awaalamuu qabaatu jedhan.

Namoonni adeemsa awwaalchaa kana aanga'oota fayyaafi Fannoofi Addeecha Diimaa Sudaaniif dhiisuu qabuu jedhu.

''Haala kanaan namoota du'an awwaaluun sirrii miti. Adeemsi awwaalchaan bakka bu'oonni mootummaa, abbootii alangaa, kanneen reeffa qoratan fi Fannoo Diimaa jiraniitti raawwatamu qabaata. Akkasumas, saamuda qaccee sanyii (DNA) fudhachuun barbaachisaadha.''

Bakka sirni fayyaafi olaantummaan seeraa biyyattii keessatti jigee jiruutti adeemsa kana hordofuun attamiin ni danda'ama jedhanii akka amanan irratti wayita gaafatamaniitti, biyyootii alaa kana irratto gahee bahuu qabu jedhan.

Namoonni tola-oltummaa hojjatan lamaan, Omaariifi Hamiid osoo hin awwaaliin dura fuulaafi reeffa namootaa du'anii suuraa akka kaasan himu. Kunis gara fuulduraatti namoota kanneen adda baasuuf ni gargaara jedhu.

Garuu Dr Atiyaan haalli awwaalchaa of eeggannoo hin qabne kun dhibeen akka babal'atu gochuu danda'a jechuun akeekkachiisu.

''Reeffa boolla baayyee gadi hin fagaannee keessatti awwaalamnaan saroonni haaluma salphaan qotanii baasuu danda'u. Haala kanarratti adeemsi sirnaan awwaalcha raawwachuu hin hordofamne. Reeffii namootaa akka hin saaxilamne dhorkuuf meeshaalee jabaatoon kan akka suphee kaa'amu qabaatu,'' jechuun BBCtti himan.

Haata'u malee, Haamid lammiilee Sudaan hedduun bakki awwaalchaa sirriin attamiin akka qotamu fi eessatti akka awwaalamu ni beeku jedha.

''Yoo xinnaate lafa jala meetira tokkoo gadi fagaachuu qaba',' jedha.

Haala qindaa'aa ta'een reeffa awwaaluuf yaaliwwan gaggeeffamaa jiru. Namni ammatti Ahimad jennee waamnee kunis, Fannoo Diimaa waliin ta'un reeffa daandii irraa kaasuuf hojii tola-oltummaan hojjata.

''Fuulaafi qaamaa namoota du'aanii kaasuun kan bubbulee ykn haaraa ta'ulleen galmeessuun lakkoofsa keennaafiin jira.''

Reeffa hunda gara fulduraatti adda baasuun haala danda'amutti galmee akka qabatan dubbata.

Dr Atiyaan haa qeeqan malee, sababii biyyattii keessatti bu'uraaleen sirna fayyaa diigamaniif filannoon biraa akka hin jirree dubbata ummanni.

Reeffi Dr.Maagdaa Yuusuuf Gahaalii kan obboleettiishee waliin argame

Madda suuraa, KHARTOUM MINISTRY OF HEALTH/FACEBOOK

Caamsaa 11 irratti awwaalchi lammilee sudaan dubartoota doktaroota ta'an lama Mogdooliin fi Maagdaa Yuusuuf Gahaalii man-duubatti yoo raawwatamu viidiyoon mul'isu miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa ture.

Obbooleessi isaanii maqaan hin eeramen akka BBCtti himeetti, obboolaasaa lamaan mana keessatti awwaaluun ''falli tokkicha qaban'' akka ture hima.

''Osoo hin awwaalamiin guyyaa 12'f turanii'' jedha obboleessa isaanii imimmaaniin.

"Ollaan fooliin ajaa mana keessaa dhufaa jiraachuu waan gabaasaniif tola-ooltoonni boolla tokkotti achuma man duubatti isaan awwaalan.''

Aanga'oonni fayyaa ammoo, Fannoo Diimaafi Addeessa Diimaa waliin ta'uun reeffa namootaa gara bakka awwaalchaatti geessuuf hojjechaa jiru. Haata'u malee, waraanni deemaa jiru akka gareen awwaalu bakka sana hin qaqqabne gochaa jira.

Yeroo namoonni du'aafi jireenya gidduu ta'anii maatiii isaanii kabajaan awwaallachuuf carraaqaa jiranitti, utuu haalli hamaa ta'eefi dhumaatiin jirutti wa'ee yakkawwan waraanaa yaaduun waan hin fakkaannedha.

Seenaan dubartoota obbolaa lamaan boolla tokkotti awwaalamanii, wanta guyyaa guyyaan Sudaan keessatti nama mudachaa jiru kan agarsiisudha.

"Obbolaan koo durbaa boroos mana isaaniitti boolla tokkotti awwaalamani. Ani dhumni isaanii kana ta'e jedhee tasa yaadee hin beeku," jedha obboleessi.