Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni hedduun maaliif dhiphina keessa seenu?
Hojii baayyee mijatu argachuuf iyyannoo galfattan haa jedhamu. Waajjirichi af-gaaffiidhaaf isin affeeran. Achinis af-gaaffii jalqabaa darbuun kan lammaffaatiif waamamtan.
Qoramaata isa marsaa jalqabaa darbuu keessaniitti ni gammaduu? Ykn af-gaaffii lammataa nan kufa jechuun yaaddoo keessa galtu?
Nama yoon af-gaaffii lammataa hin dabarree ta’e, ‘‘nama cimaa miti’’ jechuun kan yaaddoftaniidhaa?
Fakkeenya biraa kaasuudhaaf ammo, hiriyyaa keessaniin barreeffama gabaabaa ergtaniif haa jennu. Hiriyaan keessan garuu osoo deebii isiniif hin kenniin ture.
‘‘Gaddisiiseen ta’innaa? Na waliin wal dhabeetii laata?’’… jechuun sammuu keessa dhiphistu immoo ykn hiriyaan keessan ergaa keessaniif deebii kan hin kenniine yeroo waan hin arganneef ta’a jechuun yaaddu?
Fakkeenya biraatiin namoonni waraannii niikilaaraa ni ka’a jedhanii jeeqamuu? Yoo weerarri akka Covid-19 ka’e hoo jettanii yaaddooftuu? Ykn gatii shaqaxaa kan ammaa caalaa dabaluu danda’aa lata? Jettanii yaaddoftuu?
Gaaffilee armaan olitti ka’an hundaaf deebii keessassan eeyyeen kan jedhu yoo ta’e, barreeffama kana keessaa odeefannoo isin fayyadan hedduu argattuu dubbiifadhaa.
Haala qor-qalbii kana fakkaatuuf saayinsiin catastrophising ykn waan hamaa yaaduu jedhaan.
Kun haala wanti hamaan itti mudachu danda’u ol kaasanii (harbeessanii ilaaluu) jechuudha.
Kunis amala yeroo hunda wanti ta’ee bu’aa badaa qabaachuu mala jechuun yaadda’udha.
Kaanaadaa Albartaatti oggeessi saayikoloojiifi gorsaan Dr Paatiiriik Keelan akka jedhaniitti, haalli qora- qalbii akkasii kuni skan waan hamaa qofaa ol kaasee namatti mul’isuudha. Kunis fayyaa sammuu jeeqa.
Kanaan walqabatees dhukkuubbii, miira hamaa fi dhiphina kan cimsu akka ta’e qorannoowwan ni mul’isu.
Waqxii amma keessa jiruu kanattis dhiphina koronaavaayirasiin uumeen akkasumas rakkoolee siyaasa fi diinagdee idil-addunyaa yaaddoo hedduutti olaanaa uumeera.
Keessattuu namoonni sammuu isaanii waan hundaa karaa faallaatiin yaadan qaban, yeroo kanatti dhiphina cimaa keessa galaniiru.
Haala qor-qalbii kanainjifachuuf oggeessoonni kitaaboota adda addaa akka dubbisaniif gorsu. Mee gorsawwan ittaanan haa ilaallu.
Dhiphiina irraa bilisa ta’uu
Hanga walllakkeessa jaaraa 20ffaa’tti oggeessoonni qor-qalbii dhukkuba sammuu kan ilaalan, mala Cognitive Behavioural Therapy jedhamuuniidha.
Yaadni kunis ka’umsa kan taasifate yaaddoowwan namoonni ukkaamsanii qabataniifi fedhiiwwan hamacaman ture.
Sodaawwaniif yaadniiwwan ukkaamsaman kunneenis baayyinaan kan uumaman ykn kan gabbifaman umuurii ijoolluummaatti akka ta’ee fi qabiyyeen isaanii irra caalaan kan quunnamtii saalaatiin wal qabatan akka ta’e Foroyid ni amana.
Fedhiiwwaniifi sodaawwan qabiyyee saal quunnamtii qabanis rakina xin-sammuu akka uuman oggeessoonni ni dubbatu.
Oggeessoonni akka Albarti Aliis fi Aroon Beek fa’i garuu xinxala Fooroyid fa’iin adda ta’e uumaniiru.
Isaanis yaada miira daa’imummaa ukkaamfame barbaachuu irra rakkoo sammuu ammaa irratti xiyyeefatu wixineessan.
Qorattoonni dhiheenya kanaa xiyyeeffanna isaanii kan irra kaawwatan miirawwan gara dhiphinaatti geessan irratti. Fakkeenyaan soda haa fudhannu.
Namni xiyyaaraan deemuuf soda qabu tokko, wayita balaliinsa irra jiruutti yoo xiyyaarichi xiqqoodhuma socho’uutti dhiphina olaanaa keessa gala. Waa’ee du’aas irra deddebiin yaada.
Faallaa kanaan ammo namni soda keessa hin jirre tokkoo, yoo hojjattoota balaliinsichaa irratti miira jeeqamuu hin agarreetti sochiin xiyyaarichaa hangas umamuuyyuu hubachu dhiisu danda’a.
Namoonni miira yaaddoo hamaa itti baayyatu rakkoolee sammuu gara biraatiif akka saaxilaman qorannoowwan ni mul’su.
Dr Paatriik akka jedhaniitti, namoonni akkasii kunneenis hojiisaanii irratti dogongora xiqqoo yoo hojjatan, ‘‘baqqaa ari’atamuufan’’ jechuun jeeqamu.
Dhiphina harii’atamuufan jedhu qofaa irrattis hin dhaabbatan. ‘‘Ergan hari’atameen booda haalan itti maatiikoo bulfadhurratti nan rakkadha’’ yaaddoo jedhuutti ce’u danda’u.
Yeroo tokko tokkoos dhiphinsaanii to’annoon ala bahuun hojiisaanii raawwachuuf haalli itti dadhaban jiraachu mala.
Fayyaa akka agarsiiftuutti osoo fudhannee
Namoota miirri dhiphinaa isaa rakkisu osoo qaamni nafasaanii ta'e kan dhukkubsate ta'e, ''kaansariidhaan qabameera jechuun'' yaaddoo keessa galuu malu.
Mallattoo qaama irratti mul'atu yeroo hunda dhukkubbii waliin wal qabachisuun rakkoo gara biraati.
Namni bakka namoonni walitti qabamaniitti dubbachu sodaatu, sodaa isarraa ka'un onneensaa yoo rukutee nama hin dinqu.
Namni kun nama dhiphatu yoo ta'e garuu onneensaa yoo dhahu sodaanneen jechuun alatti, ''rakkoo onneetu na mudatee'' jechuu danda'a.
Sodaan sun ammoo rakkoo qor-qalbii garabiraa hordofsiisee dhufuu mala.
Biyya Jarmaniitti qorataa xin-sammuu kan ta'an Baarnaabaas Ost akka jedhaniitti, namoonni mallattoolee xixiqoo qaamaa irratti mul'atu harbeessuun kanneen hiikan wantoota dhugaa qabatamaan oliitti cimsu.
Yoo boowwon mataa isaan qabe, namoonni 'dhiphina kaansariin na qabe'' jedhu fakkaatu keessa galan sodaan isaanii madda dhukkubichaa qofaan hin dhaabbatu.
Dhukkubicharra yoomuu akka hin fayyineetti yaadu.
Namoonni waa'ee dhukkubbiisaanii akkuma yaadda'aniin ammoo sammuun saanii dhukkubicha dandamachu dhadhabuun itti cimaa adeema.
Saayintistoonnis kanaan ''ibiddarratti boba'aa naquu'' jedhuun.
Maaliif namoota kaan caalaa dhiphattu?
Namoonni sababii garaa garaatiif kaan caalaa dhiphachu danda'u. Dhiphinni sanyii waliinis wal qabaachu danda'a.
Gama biraatiin ammoo maatii ykn naannoo irraa dhaalama.
Daa'imti maatii waanuma salphaa walxaxaa taasisee ilaalu keessatti guddate tokkos rakkoolee harbeessee yoo ilaalee nama hin dinqu.
Fakkeenyaaf namoonni erga oduu waa'ee kufaatii dinagdee ykn waraanaa dhagahaniin booda, waa'ee carraa of yaaduu eegalan xiqqaa miti.
Qorannoon UK keessatti hojjatame tokko, namoota 30 filachuun akka wantoota isaan yaaddeessan sadii akka barreessan gaafataman.
Akkasumas wallakkaansaanii oduu gaarii, kaan isaanii ammoo oduu gaarii hin taanee akka dowwatan taasifaman.
Achinis namoonni kunneen waa'ee rakkoosaanii akka dubbataniif gaafataman.
Namoonni oduu badaa ilaalan, rakkoosaanii baayyee harbeessanii yoo himan, kanneen oduu gaarii ilaalan ammoo ilaalchisa faallaa kennan.
Qorannoo kana irraa kan hubannus, baayyifnee oduu badaa kan dhaggeeffannuu yoo ta'e, rakkoon qabnu cimee akka nutti dhagahamu taasisa.
Fallisaa maal?
Dhiphina irraa bilisa ta'uun akka danda'amu oggeessoonni xin-sammuu ni mirkanneessu.
Jalqabarratti sammunsaanii sodaawwan umeen yoo harkifamu beekuudha.
''Af-gaaffii hojii nan kufa'' ykn ''xiyyaarri kufu mala'' yknis ''dhibee akkasiin qabameera ta'a'' yaadni jedhu yoo itti dhufu dhaabbatanii yaaduu barbaachisa.
Yaadawwan baraa irra waan gaariin mudachu akka danda'u ofiitti himuun barbaachisaadha.
Sammuun tilmaamaan osoo hin taane sababaan akka yaadu shaakkalchiisuun dirqama ta'a.
Dhimma tokko dandeettii keenya guutuu irra goonee hanga hojjanneetti maaliif kufaatii yaadna?
Maaliif sammuun keenya waan qabatamaa hin taaneen akka dhiphatuuf karaa bannaaf?
Kana malees kufaatii akka dhuma jireenyaatti ilaaluudha.
Yoo waan tokko hin milkoofne ta'e akka waa irra baratamutti fudhachuun gara boqonnaa jireenyaa ittaanuutti darbu barbaachisa.
Wayita wanti tokko nu mudatuutti dafanii murteedhaaf fiiguun barbaachisaa miti.
Sammuun keenya waan gaarii akka yaadu taasisuun ni gargaara. Rakkoo caalaa furmaataa akka maddisiisuu gargaara.
Haaloota madaaluun jireenya fooyya'aa jiraachuf ni gargaara. Sammuun sadaa akkasumaan umamuu keessaa bahee akka tartiibaan yaadu shaakkalchiisuun akka barbaachisu oggeessoonni ni gorsu.
Gara yaada gaarii yaaduutti deebii'uun salphaa miti. Ta'us, irra dedebiin yoo shaakalame ni danda'am.
Fakkeenyaaf, kana dura bu'aansaa waan hammaa ta'a jettanii yaaddanii haalli dhumnisaa bareede tokko yaadaa.
Taateewwan akkasii irra dedebiin galmeessaa. Sammuun waan hamaa yaadu keessaa akka bahuuf leenjiisaa.
Waan tokko raawwachun dura rakkoon mudachu mala jechuun yaaduu irraa of qusadhaa. Haala akkasitiin dhiphina sammuufi yaaddoo hin barbaachifne irraa bilisa ta'u dandeessu.