'Coommeen nama qaajjessu dhiphina garmalee wal’aanuf oola'- qorannoo

Dawaan Ingudaayii(Coommee) wayita nyaatamu nama qaajjeessurraa hojjatamu torban 12 keessatti mallattoolee dhiphina garmalee fooyyeessu akka danda’e qorannoon yaalii gaggeeffame muli’se.

Dawaan abba miliigarama 25 Silosaayibin(psilocybin) jedhamu dhukkubsataa dhiphina garmalee qabu tokko miirri akka nama hirriba keessa jiruu akka itti dhagamu taasisa.

 Kunis wal’aansi gama xiinsammuun kennamu akka milkaa’u taasisa.

Haa ta’u malee, dhiibbaa cinaa(side effect) yeroo gabaabaaf hordofsiisu hanga tokko kan nama sodaachisuu fi deeggarsa itti dhiyeenya barbaachisudha jedhan qorattoonni.

Qorattoonni akka ibsanitti, qorannoowwan gurguddoo dabalataan gaggeessuun ammayyuu ni barbaachisa.

Sadarkaa addunyaatti namoonni miliyoona 100tti dhiyaatan dhiphina garmalee wal’aansa amma tajaajilarra ooleen hin wayyoofne qabu- Namoota kana keessa %30’n of ajjeesuu yaalu.

Saayintistonni miidhaa cinaan dawaan Silosaayibin jedhamu fayyaa sammuurratti waggootaaf qaqqabsiisu qorataa jiru.

Qorannoowwan dhiyootti gaggeeffaman abdii namatti horu, taatullee dhiibbaa cinaan hordofsiisan yeroo gabaa kanatti beekuuf rakkisaadha.

Jaarmiyaan saayikaatarii, saayikolojii fi niwuroosaayinisii Kolleejjii Kiing Landanitti argamuu fi jaarmiyaan 'Maudsley NHS Foundation Trust’ jedhaman akka himanitti, dhukkubsattoonni baayyeen wagga tokkoo oliif dhiphina garmalee keessa turan.

Dhukkubsattoota kana keessatti namoota umriin isaanii ganna 40tti dhiyaatanitu baayyata.

Barreessaa qorannichaa kan ta’an Dr Jeemsi Ruuker, dawaan kompaawundii ingudaayii ykn coommee keessatti argamurraa tolfamu kun ''kallattiin sammuurratti dhiibbaa uumee, wal’aansa dhiphinaaf karra bana.''

Wayita yaaliin kun gaggeeffama turettti dhukkubsattoonni dhiphina garmalee qaban siree bakka tasgabbii qabu kaa’amerra ciisaniitu sa’aatii jahaa hanga saddeetiitti akka abjootan taasifame.

''Abjuun isaanii waan gaarii ykn hamaas ta’uu mala,'' jedhan Dr Ruuker BBCtti himan.

‘’Abjuu isaanii keessatti mudannoo isaanii jajjabaa kan dura kessa darban, miiran isaanii yeroo sana ture arguu malu, jedhan.

Ogeeyyiin ammoo fayyaasaaniirratti haalli yaaddeessan mudatu yoo jiraate deeggarsa barbaachisaa ta’e yeroo sanatti ni kennuuf.

 Guyyoota ittanaan ykn torbanoota ittaanan keessatti dhukkubsattootaa deeggarsi saayikoolojii ni taasifamaaf.

''Dhukkubsattoonni ‘maali rakkinni koo? jedhanii of gaafachuurra gara maaltu na mudate?’ jedhanii of gaafachuutti ce’uu jedhan ogessii saayikoo-teerappii Nadaav Liyaam Modliin.

Dhukubsattonni muraasni isaaniirratti mallattoolee kan akka; bowwoo mataa, ol-locuu, dadhabbii qaamaa garmalee fi akka miira of-ajjeesuu yaadu fa’aatu mul’ate.