Gatiin boba’aa dabalaamoo hir’ataa jira?

Doonii boba'aa feetee imaltu

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni zayita boba’aa gara biyyoota birootti ergan gurguddoon oomisha boba’aa akka hir’isan beeksisan.

Biyyoonni boba'a oomishanii gara biyyoota birootti ergan kunneen tibbana oomisha isaanii hir’isuu beeksisu hordofee gatiin jikita boba’aa qaala’eera.

Jikitni boba'aa ( Brent) barmeelli tokko 6%'n dabaluun doolara 85 qaqqabeera.

Biyyoonni boba’a oomishan kanneen akka Sa’ud Arabiyaa, Iraaq fi biyyoonni naannoo galoo galaana-Gulf walumaagalatti guyyattii barmeela miliyoona tokko oomisha isaaniirraa xiqqeessan.

Raashiyaa fi biyyoonni miseensota OPEC biroo amma xumura bara kanatti barmeela walakkaa miliyoonaa hir’isuuf jiru-Tarkaanfii kana Ameerikaan qeeqxetti.

OPEC eenyu?

OPEC - Dhaabbata biyyoota boba’aa gara biyyoota kaanitti erganiiti.

Gartuu biyyoota 23 ta’anitu jikita boba’aa gabaa addunyaarratti gurguramu murteessa.

Isaan keessa biyyoonni 13, harki caalan isaanii biyyoota Baha Giddugaleessa ta'ani fi biyyoota Afrikaatu qooda ijoo keessaa qaba.

Dhaabbanni kun bara 1960 akka waldaa oomishtootaa fi dhiyeessitoota boba’aatti hundeeffame.

Yeroo amma kanatti biyyoonni miseensota OPEC jikita boba’a addunyaa 30% oomishu.

Sa’ud Arabiyaan biyyoota boba’a oomishanii gara biyya alatti ergan keessaa ishee guddoo yoo taatu, guyyaatti barmeela miliyoona 10 ol guyyaatti oomishti.

Bara 2016 yeroo gatiin zayita boba’aa xiqqaatee turetti gartuun kun biyyoota boba’a oomishan biroo waliin OPEC+ hundeessan.

Biyyoonni dhaabbatichaa haaraan Raashiyaa kan of keessatti hammate yoo ta’u, Raashiyaan guyyaatti barmeela miliyoona 10 ol oomishti.

Waliigalatti biyyoonni miseensota OPEC+addunyarratti jikita boba’aa 40% oomishu.

Dhaabbatichi zayita boba’aa baayinaan gabaaf dhiyeessun gatii boba’aa hir’isuu danda’a.

OPEC+ maaliif oomishasaa xiqqeessa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tibbana dhaabbatichi guyyatti boba’a barmeela miliyoona 1.16 kan hiri’se yoo ta’u, Onkoloolessa 2022 ammoo dhaabbatichi dhiyeessii boba’aa guyyaatti barmeela miliyoona lamaan hir’isee ture.

Dhiyeesiin boba’aa tibbana xiqqaate kun gatiin boba’aa 5% sadarkaa addunyaatti akka dabalu taasisa.

Jarmiyaa Annisaarra kan hojjattu Aadde Keetii Duriyaan’’ kuni waanta eegame hin turre,’’ jette.

Sababiin isaa Aadde Keetii, Sa’uud Arabiyaan ‘’ bara kana amma xumuraatti oomisha ishee otoo hin xiqqeessin akka itti fuftu beeksistee turte’’ jetti.

Bara 2020tti weerara koronaa hordofuun OPEC+ oomisha bob’aa barmeela miliyoona sagaliin akka hir’isuu beeksisee ture.

Biyyoonni uggura sochi wayita labsan gatiin jikita boba’aa garmalee gadi bu’ee ture.

Raashiyaan biyya ollaa ishee kan taate Yukireen weeraruu hordofee garuu gatiin boba’aa barmeelli tokko dolaara Ameerika 130 caale.

Bitootessa 2023tti ammoo barmeelli tokko gatiin isaa naannoo doolara 70tti gadi bu’ee ture.

Gatiin zayita boba’aa dabaluun tarii gatiin peetiroliyeemii biyya Ingilziittis ta’ee addunyaa guutuurratti tarii akka dabalu taasisu mala.

Kun ammoo qala’iinsi jireenyaa ittuu akka dabalu dhiibbaa uumuu mala.

Ameerikaan tarkaanfii dhaabbanni OPEC+ fudhate’’kan gorfamu miti,’’ jette.

Putiin fi barreessaa OPEC Mohaammad Barkindo

Madda suuraa, Getty Images

Zayita boba’a Raashiyaa maaltu mudate?

Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee, biyyooni Gamtaa Awuroppaa Raashiyaarraa boba’a bituu dhiisan.

Ameerikaa fi Inigiliziinillee tarkaanfii walfakkaatu fudhatan.

Raashiiyaan amma jikita boba’aa gara Indiyaa fi Chaayinaa, biyyoota qoqqobbii warra Lixaa jala hin jirretti ergiti.