Dhaabbanni boba'aa mootummaa Saawudii maallaqa riikardii olaanaa ta'e buufate

Madda suuraa, AFP
Dhaabbanni boba'aa mootummaa Saawudii guddichi Araamkoon bara 2022tti bu’aa doolaara biiliyoona 161 argachuu beeksise.
Gatiin boba'aa dabaluufi oomisha boba’aa baay'inaan dhiyeessuun bu'aa rikardii olaanaa ta'e kana galmeessisuuf sababa akka ta’e himameera.
Bu’aan dhaabbatichi bara 2022'tti argate kuni kan bara duraatiin wal bira yoo qabamu %46.5 dabaleera.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as gatii boba’aa haalaan dabaleen dhaabbileen boba'aa dhiheessan buufataa jiru.
Baruma walfakkaatutti dhaabbanni boba’aa Ameerikaa, Moobiil, doolaara biiliyoona 55.7 argachuu beeksisee ture.
Kubbaaniyyaan boba’aa Biritaaniiyaa Sheel ammo doolaara biiliyoona 39.9 argateera.
Dhaabbanni boba’aa Saawudii kuni galii nuusa bara darbe keessa bu’aa argate doolaara biiliyoona 19.5 bara kana kanneen dhaabbaticha keessaa qooda qabaniif akka dhiyeessu beeksiseera.
Maallaqa kana keessaa gara caalu mootummaa Saawudii kan gahee harka 95 dhaabbaticha keessaa qabutu fudhata.
Ibsa dhaabbatichi kaleessa baasen, bu’aa olaanaan argate gatiin dikitaa waan dabaleef, baay'ina oomisha gabaaf dhiyeesseefi fooyya’insa oomisha qulqulluu irratti agarsiiseen kan deeggarame ta’u himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin dhaabbatichaa fi hojii gaggeessaa muummeen Amiin Naasir dhaabbatichi gara fuuladuraatti rakkoolee boba’aa wajjiin walqabatan furuudhaaf oomishaalee boba’aafi keemikaalaa babal'isuun alatti, teknoloojiiwwan faalama qilleensaa gadaanaa qaban irrati akka dalagu ibsaniiru.
Dhaabbanni Araamkoo kan addunyaarratti dhaabbata Ameerikaa Appil itti aanuun dhaabbati qaalii ta'e kuni, dhaabbilee bal'inaan qilleensa faaluun maqaansaanii ka’u keessaa tokkodha.
Dhaabbatichi bu’aasaa beeksisuu hordofuunis barreeessituu Olaantuu Aminastii Intarnaashinaal, Angas Kaalaamaardi yaada kennaniin, faalama qilleensa addunyaatiif madda tokkoffaa kan ta’e boba’aa gurguruudhaan waggaa tokko keessatti bu’aa biiliyoona 161 ol argachuun naasisaadha jedhan.
Itti-gaafatamtuun tuni itti dabaluun, bu’aan kunis wayita sadarkaa addunyaatti qaala’insii jireenyaa dabaleefi Raashiyaan Yukireen irratti weerara raawwachuun gatiin boba’aa ol ka’eetti ta’unsaa caalaa dhimmicha naasisaa taasisa jedhan.












