Amantoota kadhannaa paastarootaan raajii argachuuf liqii keessa galan

Madda suuraa, Getty Images
Kitaabni qulqulluun akkuma ‘raajoota sobarraa of eegaa’’ jedhu, Keeniyaatti namoonni baayyeen paastaronni akka kadhataniif gaafachuuf jecha liqaa keessa galaa jiraachutu himama.
Evaaliin Okoloo paastariin tokko akka kadhatuuf jecha liqaa fudhatte. Liqaan doolaara hedduu akka irra jiru yoo dubbattu immimaaniin.
Evaaliin magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii ollaa hiyyeeyyii keessa jiraatan Kiibeeraa jiraatti. Ammattis ijoolleeshee afur jiraachisuu rakkataa jirti.
Baatiiwwanifis maallaqa homaatu akka hin qabne BBCtti himte. Yeroo tokkos kadhannaan paastarii akka jireenya fooyyeessu dhaggeesse.
Isheenis erga deemtee paasitarich ijaan agarteen booda, innis shiliingii Keeniyaa kuma 15 (dolaaraa 115) akka geessituuf gaafate.
Kennaan maallaqaa kunis ‘‘harsaa sanyii’’ jedhamuun beekama. Kunis kanfaltoo dureewwan amantaa raajii raawwataniif kanfalamuudha.
Evaaliinis maallaqa kana hiriyaa ishee irraa liqeeffatte. Paastarichis kadhannaan isaa cimaa waan ta’eef maallaqichi torban tokko keessatti deebiifte akka argattu itti himee ture.
Raajiin jedhame garuu osoo hin ta‘iin hafe. Siriyyuu maallaqni liqeeffate yeroo jedhameetti waan hin kanfaliniif dhallisaa dabale.
Ammaan tanattis liqaan isheerra jiru doolaara 300 ol gaheera. Attamiin akka kanfaltu garuu hin beektu. Hiriyaan ishees hin dubbistuun. Isheen hojii hin qabdu.
‘‘Haala cimaa keessa waanan jiruuf gutummaatti abdii kutadheera‘‘ jetti.

Madda suuraa, Evaarliin Okeelloo
Furmaatawwan raajii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keeniyaan qaala’insaan hubamaa jirti. Gatiin nyaataa baatiiwwan 12 darban keessatti %16n akka dabale odeeffannoon waajjirri istastikisii biyyattii ni mul’isa.
Akkasumas ragaan Baankii Addunyaa lammiileen Keeniyaa hojii hin qabne waggoota torban darban dachaan dabalu hima.
‘‘Hedduun abdii kutannaan jiraataa jiru‘‘ jedhan Yunivarsitii MultiMedia Keniyaatti barsiisaa Sosholoojii kan ta’an Dr Gilaadiis Niiyaachiiyoon.
Namoonni rakkoo cimaa keessatti argamanis rakkoosaaniitiif furmaata kan jedhan raajii akka ta’e dubbatan Doktarri tun.
Raajiin kun jireenyasaanii keessatti akka ta’uuf liiqeeffachuun kanfaluuf kan hayyaman hedduu ta’uu dubbatti.
‚‚Waaqni akka isaan hiyyummaa keessa jiraataniif akka hin barbaadne itti himama. Kanaafis sanyii akka facaasan itti himama‘‘ jedhu.
Barnooti kun kan Wangeela Badhaadhinaa jedhamurraa fudhatame ta’u dubbatu.
Namoonni amantaa bu’ura barsiisa badhaadhinaa hordofanis Waaqni qabeenyaafi fayyinaan isin eebbifa kann jedhudha. Amnatoonnis amantaasaanii agarsiisuuf maallaqa akka kennan jajjabeefamu.
Waaqni dachaadhaa deebiisee akka isaan eebbisu itti himama. Bu’urri wangeela kanaas Ameerikaadha. Kaka’umsi olaanaa kann mul’ates jaarraa 20ffaa irratti ture.
Dhuma baroota 1970 fi 1980tti paastaroonni Naayijeeriyaa dhimma kanarratti caalaa hubannoo argachuuf jecha gara Ameerikaatti imalan.
Barsiisni kunis waggaa digdamaafi soddooma dura Afriikaa keessatti babal’achu qofaa osoo hin taane beekkamtii olaanaa argachaa dhufe.
Kanaafis lallabdoonni wangeelaa Ameerikaa bebbeekamoon akka Reeyihaardi Boonkee fa‘i gahee olaanaa bahaniiru. Beekkamtiin yeroo sana argatee dabalaa dhufee hanga yoonaa itti fufeera.
Dr Gilaadiis, lammiilee Keeniyaa akka liiqaa fudhatan kan kakkaasuun dhimmi biraa beeksiisa dhiyeessii liiqaa karaa moobaayiliitiin itti ergamudha jedhu. “Namoonni callisanii liiqaaf yoo gaafatan battalatti maallaqa argatu’’ jedhu.
Dargaggoonni wagga 26 Deeniis Oliippii waggoota sadiif hojii barbaade. Hojii argachu waan hin dandeenyeef hiriyaasaa deeggarsa gaafate.
‘‘Batasikaana kadhannaan itti taasifamu akkan deemuuf na gorse. Erga kennaa kenniiteen booda siif kadhatu, isaan boodas hojii ni argatta’’ jechuun akka gorse dubbata Deeniis.
Baatiiwwan sadiif torban torbaniin Dilabata buusii akkan kennu natti himamee, waliigalatti gara doolaara 180 kenneera jedha. Ergan qusannaan koo dhumeen boodas hiriyootaafi appiiwwan liqaa irraa gara doolaara 120 liiqeeffadheera jedha.
‘‘Paastarichi hojii ni argatta kan naan jedhe amaneen ture. Kanaaf wayitan maallaqicha liiqeeffadhu akka deebiise kanfalu yaadeen ture’’ jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Haata’u malee, Deeniis hojii osoo hin argatiin wayita hafuu akka sobame shakku eegale. Xiqqoo osoo hin turinis dhaabbileen maallaqa xixiqqaa liqeessaniif akka deebiisee kanfaluuf hordofu eegalan.
‘‘Yeroo tokko tokkoos bakka ta’e jiruu fa’i, naaf bilbilanii maallaqicha deebiisi naan jedhu. Ani garuu kan deebiisuuf omaa hin qabu,’’ jedha.
‘‘Liqaa sana deebiisu malee tarkaanfii attamii akka narratti fudhachu danda’an waanan hin beekneef sodaachuun eegale. Himatamuu yknis poolisiin toatamudha? Maala akka ta’e hin beeku’’ jedha.
Akka carraa ta’e Deeniis hojii sa’aatiin kanfalamu argachu danda’e. Kanaanis dhaabbileefi hiriyootasaa liqeessaniif deebiise kanfalu danda’eera.
‘‘Ammas Waaqaatti nan amana. Gara fuulduraatti namoota akkasii irra of eeguu qofaadha’’ jedha.
Akka maallaqa kennan dhiibbaa gochuu
Amantoonni raajii abdachuun liiqaaf kan saaxilaman Keeniyaatti qofaa miti. Ameerikaatti miseensa waldaa Naayijeeriyaa kan taatee dubartiin tokkoofi abbaan warraashee, bataskaanni isaanii maallaqa kennaa jedhamuun rakkoo olaanaa keessa seenanii akka turan dubbatti.
Dubartiin batasikaanittiifi abbookaatowwan isaatiin isheera gahu malu sodaachuun maqaashee akka hin waamne waan nu gaafatteef Saaraa jennee waamneera.
Batasikaanni Saaraan keessatti waaqeeffataa turte, amantootaafi paastaroonni galiisaanii irraa harka 10 kanfalu qabaatu. Kunis kan ‘‘firii jalqabaa’’ jedhamuun waldittiif kennamuun alatti.
Hoggantoonni naannichaas ji’aan hangam walitti buusuu akka qaban murteessu. Amantoonis hanga maallaqni sun guutuutti akka buusaniif dhiibbaan irra gaha. Kanaanis paastariin Naayijeeriyaa mummeen isaan eebbisu jedhamu.
‘‘Maallaqa firii’’ jedhu kanfaluudhaaf namoonni kaardii liqaa (credit card) fayyadaman akka jiran dubbatti. ‘‘Yeroo tokkos dubartiin tokko bataskaanaaf maallaqa waanan kanfaluuf waan dhuma ji’aatiin na qaqabsiisu dhabe wayita jettu dhagahe beeka’’ jetti.
Kanaafu Saaraan akka jettuutti, paastarichi bataskaanaa kennuun kiraa manaatiif kanfaluu kan caalu ta’u amantootatti himaa ture.
Kanneen maaliif raajii akka hin argine gaafataniin ‘‘Sirriitti hin kadhanne. Haala gahaa ta’ee sanyii hin facaafne. Amantaa gahaa hin qabdan’’ jechuun akka itti himaa turu yaadatti. Dhumarrattis, Saaraafi abbaan warraashee waldittii irraa adda of baasan.
Abdii dhumaa
Waldaalee akkasiin akka maallaqa kanfalaniif dhiibbaa irraan gahan keessatti warri kaan maaliif miseensa ta’u?
Yunivarsitii Kaambirijiitti Gargaara Pirofesara Kiristaanoota Idil-addunyaa kan ta’an Dr Yoorig Yaawustayiin, amantoonni haala abdiin galameefiin raawwatamu baatulleen sababiin maallaqicha kanfaluu itti fufaniif jira jedhu.
Amantoonni akka Saaraa sadarkaa jidduugalaarratti argamaniifi gara sadarkaa dureessuummaa olaanaa keessa seenuu barbaadan, wangeelli badhaadhiinaa ‘‘sooreessaafi milkaa’ina diinagdee argachu akka danda’an’’ waan itti agarsiisuuf ni hawwatamu.
Kanneen hiyyummaa keessatti argamanis barsiifni kun hawwachu danda’a jedhu.
‘‘Rakkoo irra akka jirtan ni beekna. Furmaanni rakkoo keessan kana furu qabna jechuun bataskaan lallabu caalaa kan nama hawwatu hin jiraatu,’’ jedhu.
Haata’u malee namoonni maallaqa yoo hin qabaannee liiqeeffachuun maaliif kanfalu? Jechuunan gaafadhe Dr Yoorgiin.
Innis, ‘‘Haala salphaa ta’een bilbila harkaasaaniitti fayyadamuun liqeeffachu waan danda’aniif deebiisani kan kanfalan itti fakkaata’’ kan jedhan doktarri kun, ‘‘kana duuba garuu abdii kutannaatu jira. Tarii kun abdii keenya dhumaati jechulleen danda’u,’’ jedhu.
Evaaliin rakkoo ishee mudateef jecha amantaa ishee hin dhiifne. ‘‘Bataskaanni gaarii miti hin jedhu. Bataskaanni gaariidha. Kan nama dogongorsan paastaroota. Maallaqa kan gaafatan isaaniidha,’’ jetti.












