Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalattoonni Tigraay kaampii Affaar keessa tursiifaman qe'eetti deebifamuu eegalan
Dhalattoonni Tigraay kumaan lakkaa'amaniifi baatiiwwan darbaniif kaampii Naannoo Affaar keessa tursiifaman gara qe'ee isaaniitti deebifamuu eegaluu kanneen deebifaman keessaa muraasni BBC'tti himan.
Kunneen waraana Kaaba Itoophiyaaf adeemaa tureen walqabateeti kan bakka tokkotti ugguraman.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Waxabajjii keessa ibsa baaseen dhalattoonni Tigraay 9000 ta'an haala mijataa hin taane keessa akka jiran ibsee ture.
Dhalattoonni Tigraay kunneen ji'a saddeetiif lafa tursiisa magaalaa Samaraa turani.
Mudde 09 humnoota Tigraayiifi humnoota nageenyaa Affaar gidduu waraanni adeemsifamuu hordofee dhalattoonni Tigraay sababa ‘nageenyi keessan bakka eegamu isin geessina,’ jedhuun bakka biraatti geeffamuu namootni kana dura kaampicharraa BBC'n dubbise himaniiru.
Jiraattonni kana dura BBC'n dubbise deeggarsa gahaafi wallaansa akka hin argannee ibsuun, daa'immaniifi maanguddoonni umuriin saanii hanga waggaa 90 kaampicha keessa jiraachuu dubbataniiru.
Bakkichi ho'aa ta'uufi bakka akkasii kana keessatti walitti dhiyaatanii hanqinni bishaanii osoo jiruu jiraachuun ulfaataa akka tahe himan.
Komishiniin mirgoota Namoomaa bakki tursiisa dhalattota Tigiraay ''lubbuu isaaniif balaa qaba'' jedheera kana dura.
Kunneen tibbana konkolaattotaan magaalaa xiqqoo karaa gara Maqalee gessuufi Ab'aalaa jedhamtutti deebifamani.
Haala kana kan mijeessaa jiru UN, adeemsi kuni torbanoota fudhata jedhe.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii 'buqqaatota biyya keessaa' jechuun isaan ibse.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa garuu kana dura saba sabummaa isaaniin irratti xiyyeeffatamani, 'seeraan ala' bakka tokko tursiifaman jedhe.
Ab’alaa keessa wanti mudate maali?
Akka nami BBC'n dubbise jedhutti, yeroos maanguddoota, dubartoota ulfaa, qaroo dhabeeyyii dabalatee walumaagala dhalattoota Tigraay kuma 15 ta'an qabamanii buufata poolisiifi mana hidhaa keessa akka turan taasifaman.
Eegasii konkolaataa gurguddaan fe'amanii gara Samaraa geeffaman.
''Lola booda humnoonni nageenyaa Affaar jiraattota homaa hin beekne raadiyootuu turte, TPLF waliin qunnamtii qabda turte, jechuun himatanii namoota beeknu baay'ee ajjeesaniiru,'' jechuun himata.
Jiraattonni BBC'n dubbise kaampii keessa namootni du'uullee himu.
Aangawoonni Afaar dhimma kana irratti deebii kennan hin qabani.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa baatii 20 dura humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaarratti haleellaa raawwataniin eegale.
Eegasii gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti babal'achuun lammileefi qabeenyaarratti badii guddaa geessiseera.
Yeroo ammaa mootummaafi TPLF waraana badii guddaa geessiseefi biyyoota ollaa sodaachise mariin xumura itti tolchuuf sochiitti jiru.