Saayintistoonni 'halluu haaraa 'namni takkaa argee hin beekne arganne jedhan

Gareen saayintistootaa halluu haaraa namni kamiyyuu kanaan dura takkaa argee hin beekne arganne jedhu.

Qorannoon kun yaalii qorattoonni US carallaa leezarii gara ija namaatti gadhiifame hordofuun halluu kana 'argine' jedhan.

Namoonni yaalii kanarratti hirmaatan caralllaan kun seelii retiinaa ijasaanirratti argamu dammmaksuu hordofee halluu cuquliisa gara magariisaatti dhiyaatu, kan saayintistoonni "olo" jedhanii waaman arguu himan.

Ogeeyyiin muraasni garuu halluun haaraan jiraachuun isaa ''falmisiisaadha'' jedhan.

Argannoon kun Jimaata darbe barruu 'Science Advances' jedhamurratti kan maxxanfame yoo ta'u, qorannichaa gargaaranii kan barreessan hayyuun Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa Pirofeesar Ren Nig '' hawwataadha'' jechuun ibsan.

Hayyuun kuni fi waahillan isaanii bu'aan qorannoo kun halluu adda baasurratti qorannoon dabalataa gaggeessuuf gargaraa jedhanii amanu.

Namoota shanan yaalii kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Profesar Nig, BBC tti akka himanitti, halluun olo jedhamu ''halluu qabatamaan arginu kamiyyuurra adda'' jedhan.

Yeroo yaaliin kun gaggeeffamutti, qorattoonni carallaa laazerii ija hirmaatattoota qorannichaa tokkoon tokkoon isaaniitti ibsan.

Hirmaattonni qorannoo kanaa shaniidha - dhiira afur fi dubartii tokko - hundi isaanii rakkoo halluu adda baasanii arguu hin qaban.

Hirmaattota keessaa sadii - Prof Nig dabalatee - qorannoo kanaa wal tumsanii barreessan.

Akka waraqaan qorannoo kun jedhutti, namoonni yaalii kanarratti hirmatan meeshaa Oz jedhamu kan daawwitii, laayizarii fi meeshaalee optikaalaa of keessaa qabu keessa ilaalan.

Meeshaaleen kun kanaan dura qorattoota yaalii hirmaatan muraasan hojjatame.

Meeshaan kun garee saayintistoota 'UC Berkeley' fi qorattoota Yunivarsiitii Waashingitaniin hojjatame.

Retinaan duuba ijaa argaman yoo ta'u, tishuu bakka ifti jirutti odeeffannoo arginu sassaabuu fi adda baasuuf gargaaru.

Retinaan ifa gara dhaamsa elektironawaa kan jijjiiru yoo ta'u, sana booda karaa narvii agartuu(optic nerve) dhaamsa gara sammuutti dabarsa. Haala kanaan waa argina jechuudha.

Retiinaan seelii koonii jedhaman kan of keessatti hammate yoo ta'u, isaanis seelii halluu adda baasuuf gargaariidha.

Ija keessatti seelonni koonii gosa sadii kan qaban yoo ta'u - S, L fi M jedhamu - tokkoon tokkoon isaanii dheerina-dambalii halluuwwan akka cuqulisaa, diimaa fi magariisa adda baasuuf adda baasuuf fayyadu.

Akka waraqaa qorannoo kanaatti, "ifaan kamiyyuu seelii koonii M yoo dammaqse seelota cinaatti argaman kan seelota koonii L ykn S dammaqsuu qaba", sababiin isaas hojiin isaanii wal fakkaata.

Haata'u malee, qorannoo kana keessatti, caralallaan laazerii kun seelota koonii M qofa dammaqse.

Seelonni koonii kun ''dhaamsa halluu qabatamaan nuti arguu hin dandeenye gara sammuutti erga" jedha barruun kun.