Miidhaa fayyaa cimaa baallee ijaa nam-tolchee keewwachuun qabu

Baalleen ijaa umamaan faayidaa olaanaa qaba. Fakkeenyaaf, baakteeriyaafi vaayirasiin ija keessa akka hin seenneef irraa eeguuf hojii barbaachisaa ta'e hojjetti. Wantoonni miidhaa qaqqabsiisuu malan kunneen qilleensaan ija keenya keessa akka hin seenne irraa fageessuun, akka ija dunuunffannu nu taasisa.

Kunis iji keenya dhangala'aa akka gaariitti akka qabaatu taasisa.

Haata'u malee, baallee ijaa nam-tolchee kallattiin baallee ija keenyaa irratti maxxanfamuun akka dheeratu (Eyelash extensions) hojjatama.

Rifeensi keemikaalaan maxxanfamu kunis rakkoo fiduu danda'a. Kana malees, baalleen ijaa nam-tolcheen waan akka kuulaa, eegee fardaafi pilaastiikiirraa hojjatama.

Akka keemikaalli alarjii qabuufi hin qabne adda baasuuf ogeeyyiin miidhaginaa ija irra osoo hin kaa’iin dura baallee ijaa nam-tolchee harka ykn gurra duuba irraatti maxxansu.

Haata’u malee, alarjiin yoo hin jiraannellee keemikaala ittiin qabsifamu sana keessa jiru naannoo ijaa kan gubu yoo ta’u, dhiibbaan isaas qola ijaa gubuu danda’a.

Haalli akkasii akka isaan mudate dubartoonni parsantaa 60 ta'an ibsaniiru.

Dubartoota baallee ijaa nam-tolchee hojjisiifatan keessaa harki 40 ammoo dhukubbiin alarjii akka isaan mudate dubbatan.

Maxxansituun qeensa nam-tolchee dhaabuuf oolu baallee ijaatiifis faayidaarra yoo oolu hubatameera.

Dubartiin tokkos osoo dhangala'aa cimaa ta'een baallee ijaa nam-tolche qabsiisuuf yaaltu baalleen ijaa umamaashee walitti qabatee hafeera.

Sababa fayyadama baallee ijaa nam-tolchee iji namoota garii walitti maxxanuun gabaafameera.

Akka qorannoon tokko agarsiisutti, dubartoonni dhibbeentaa 60 ol ta’an, erga baallee ijaa nam-tolchee fayyadamanii booda, dhukkuba ijaa (keratoconjunctivitis) jedhamuun qabaman.

Dhukkubni kun iji yeroo akka dhiita'uu godha.

Akkasumas, dubartoonni dhibbeentaa 40 alarjii maastishiin qabamuu qoranoon kun argissisa.

Keemikaala kaansarii fidu

Keemikaalli baallee ijaa nam-tolcheen ittiin maxxanfamu formaldehyde jedhama.

Kemikaalli kun kanneen kaansaariidhaaf nama saaxilan keessaa tokkodha jedhame.

Qorannoon tokko keemikaala qabsiiftuu baallee ijaa nam-tolchee tajaajilawwan daldalaafi ogummaaf hojjataman 37 qorateera.

Kanneen tajaajila ogummaatiif omishaman 20 keessaa kan parsanataa 75 ta'an keessatti keemikaalli kaansarii nama qabsiisan argameera.

Kanneen maxxansuu tajaajila daldalaatiif oolan 17 keessaa afur keessatti keemikaalli argameera.

Maxxansiituuwwan kanneen keessaa akka keemikaalli keessatti argamu ifatti kan hin ibsnees jiru.

Keessattuu miidhaan keemikaalli kun agartuu ijaarraan gahus hanga agartuu balleessuu akka qaqqabu qorannoon ni ibsu.

Yeroo baayyees rakkoon fayyaa baallee ijaa nam-tolchee dhaabsifachuun wal qabatee ka'u blepharitis jedhama. Innis gubaa huuba ijaarratti dhagahamudha.

Kutaaleen fiixee ijaarratti keemikaala maddisiisanis, keemikaala baakteeriyaan ija keessatti akka walitti hin qabamneef ittisu gadhiisa. Kutaan ijaa kunis kan baalleen ittiin biqiiludha.

Jijjiramni baallee ijaa uumamaa irratti taasifamus kemikaalonni kunneen hir'achuun baakteeriyaan akka kufamuuf daandii banaaf.

Baakteeriyaan yoo ijaratti kuufamu rakkoon fayyaa styes jedhamu ni mudata.

Kana malees, yoo baalleen ijaa nam-tolchee kaawwatamu kan tolfame bakka qulqulina hin qabneetti yoo ta'e, ilibiisoonni akka ijarratti kuufaman taasisa.

Keessattuu, rakkoon ijaa kunis yeroo baalleen nam-tolcheen kaawwatamu, namarraa namatti darbuu danda'a.

Walumaagalattis baallee namtolcheen ogeessaan kan kaa'amuufi kaafamu yoo ta'elleen, baallee uumamaa irrati dhiibbaa taasisuunsaa hin oolu.