Halluu ibsaa akkamiitu hirribaaf filatamaadha?

Yaadni ifti nam-tolchee iskiriinii namoonni halkan akka hin rafne taasisa jedhu sirrii mitii jedhu qorattoonni waa'ee ibsaa hirriba nama qabsiisuu qoratan.

Akka qorattoonni Yunivarsiitii Maanchsitar jedhanitti ifti cuqulisaa meeshaalee kanneen akka bilbilaafi kompitara irraa argannu rakkoo ijoo hirriba keenyaa miti.

Dhimma kana qorachuuf hantuuta ifa garaagaraatti baasan.

Argannoon qorannoo kanaas ibsaan sun hangam ho'aa fi ifaa dha waan jedhu irratti murtaa'a jedha.

Qorannichi maaliif barbaachise?

Namni hundi marsaa rafuu fi dammaquu uumamaa qaba.

Qaamni keenyi naannoo keenya waliin wal simee gatii jiraatuuf guyyaa dammaqaa yoo tahu halkan immoo miira hirribaatu itti dhagahama.

Haatahu malee, qorattoonni yeroo dheeraa dhaaf ibsaan nam-tolchee marsaa uumamaa kana jeequ danda'a jechaa turan.

Ifti cuqulisaa bilbilaafi fuullee kompitara keessaa bahu dhibbaa addaa akka qabu himama ture.

Gareen qorattootaa kun ifa ibsaa guddaafi xiqqaa irra kaa'uun halluusaa immoo cuquliisaafi keellootti geeddaraa hantuutatti agarsiisan

Akkuma eegame halluun ifaa tahe hirriba qabsiisurra dammaqsaa taheetu argame.

Yeroo halluun ifa kanaa gara cuqulisaatti geeddaramu miira hirribaa akka fide dubbatu qorattonni kunneen.

Hogganaan qorannichaa Doktar Diim Biraawon argannoo isaanii waan addunyaa uumamaa walii wal-sime dha jedhan sabiibnsaa, miira hirribaa akka nutti hin dhagahamne kan godhu ibsaa halluu ifaa tahe qabuufi ho'a dha jedhan.

''Guyyaa ifti unuun qaqqabu birqabaan adii ykn keelloo yoo tahu qaama keenya irrattis dhiibbaa guddaa qaba. Halkanis yeroo dhufu naannon halluu cuqulisaa gatii qabaatuuf qaamni keenyi isatti of sirreessa.

Kanaaf ifti qaama keenyarratti dhiibbaa akka hin qabaanne yoo feene halluu cuquliisaa fi dimismisaatti geeddaruu qabna.

Ifti halluu adii fi keelloo qabu immoo dammaqnee fi sa'aahoo taanee akka turru nu gargaara.

Haala amma jirruun yeroo baayyee namoonni fuullee kompitaara isaanii gara keellootti geeddaru jedhu Doktar Biraawon

''Haa tahu malee halluu geeddaruun dhiibbaa sirrii hin taane qabaata,'' jedhu

Hantuutni halkan halkan dammaqxuu haa taatuyyuu malee dhiibbaa ifti hoosiftoota irratti qabu wal fakkaataadhas jedhaniiru.

Qorannoo dabalataa akka barbaachisuu hin dubbatanii hin hafne qorataan kun.