Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waadaa najalaa cabsaniiru'- Isaak, Niwkaastilii fi Liiverpuul gidduutti maaltu deemaa jira?
Aleeksaander Isaak ''waadaan naaf galame cabeera'' jechuun Niwkaastiliin himate. ''Hariiroon keenya haala kanaan itti hin fufu'' jedhe Isaak kilebicha keessaa bahuuf dhiibbaa gochaa akka jiru ibse.
Niwkaastil, gatii Liiverpuul Isaakiin mallatteessisuuf paawondii miliyoona 110 dhiyeesse erga fidhachuu didee guyyooni gara 20 darbaniiru.
Ergasii Isaak Niwkaastil waliin wal dhabdee keessa jira. Taphas tahe shaakala irratti gareee Niwkaastil waliin argamee hin beeku.
Isaak yoo kileba guddaan tokko isa barbaadee fi gatii madaalu dhiyeesse akka bahu naaf eeyyamamuu qaba jedhee amana.
Kibxata Isaak miidiyaa hawwaasaa isaa irratti akka maxxansetti, sababa sirna badhaasa taphattoota ciccimoo Piriimer Liigii waggaa kanaa kan Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz [PFA] kennu irratti hin argamne ibse.
''Yeroo warri kaan dubbatan yeroo dheeraaf calliseera,'' jedhe Isaak.
''Callisnikoo kun akka namoonni kaan akka barbaadan sagantaa mataa isaanii deemsisan eeyyameera. Inumaayyuu waan karaa keessaa [icciitiin] waliigalle sana akka hin ibsine osoo beekanii kana godhu,'' jedhe.
''Dhugaan jiru waadaan naaf galameera. Kilebichi ejjennoon koo maal akak tahe yeroo dheeraaf beeka. Waan amma dhagahamaa jiru akka waan hin beekneetti fakkeessuun jiru.
''Yeroo waadaan cabee amantaan dhabamu, hariiroon qabnu itti fufsiisuu hin dandeenyu. Anaaf waan murteessaan bakka kanadha. Jijjiiramni ana qofaaf osoo hin taane qaama hundaaf kan barbaachiseef kanaafidha'' jedhe.
Ibsa Isaak Inistaagiraamii isaa irratti maxxanse hordofee, Niwkaastil ''gaddineerra'' jedhe.
''Aleeksi kilebicha waliin kontiraata qaba. Akka gadhiisee bahuuf murtoo hoggansi kilebichaa dabarse hin jiru.
''Taphattoota keenya ciccimoo tursiisuu barbaanna. Hawwii taphattoota keenyaa ni hubanna, isaan dhaggeeffannas. Akka Aleeksii fi bakka bu'oota isaatti himnetti jalqaba kan ilaalcha keessa galchinu fedha Niwkaastil Yuunaayitididha, garee keenyaa fi deeggartoota keenyaati. Akkuma isin beeksisaa turre gurgurtaa taphattootaaf haalli nu barbaachisu hin guutamne.''
Liiverpuul erga jalqaba gatii madaala jedhan dhiyeessanii Niwkaastil fudhachuu didee deebi'anii hin gaafanne.
Niwkaasti ganna kana Jaakob Raamsee paawondii miliyoona 40 tahuun Aston Viilaa irraa, Maalik Tiwaaw AC Miilaan irraa paawondii miliyoona 34.6 tahuun, Aantoonii Eelaagaa paawondii miliyoona 55 tahuun Nootiingihaam Foorest irraa mallatteessisan.
Isaan kanneen keessaa tokkoyyuu taphataa sarara duraa lakkoofsa sagal taphatu miti.
Kaalum Wiilsan kilebicha keessaa baheera. Kanaaf Niwkaastil haga taphataa sarara duraa argatutti Isaakiin gurguruu hin barbaanne.
Liiverpuul gatii kan dhiyeessu yoo Niwkaastil taphattoota sarara duraa lama argate qofa akka tahe maddeen BBC himaniiru.
Liiverpuul marsaa itti aanuun paawondii miliyoona 120 dhiyeessa jedhamee eegama.
Eedii Haaw taphataa sarara duraa argachuun rakkoo tahuu hin haalle. Bakka Isaak miti, bakka Koolum Wiilsan nama bu'yyuu hanga ammaatti hin arganne.
Bireentifoordi irraa Yoonee Wiisaa mallatteessisuuf gaafatanis paawondii miliyoona 40 garuu kaffaluu hin barbaanne.
Wiisaan garee Bireentifoordi Niwkaastiliin 3-1'n mo'ame keessa hanbisameera.
Taphatichis jijjiirraa kana barbaada.
Woolvis irraa Joorgen Israandi Laarsenis xiyyeeffannoo Niwkaastil keessa galeera.
Woolvis ammoo taphaticha gurguruu hin barbaadu. Laarsen bara darbe ergisaan Woolvisiif taphachaa turus kan dhaabbiidhaan mallatteesseefii ji'a darbe ture.
Maatiyaas Kuunaa fi Ayit Nuurii kan dhabe Woolvis bara kana taphataa biraa gurguruu akka hin barbaanne ibseera.
Taphattoonni Niwkaastil barbaadaa ture akka Jaayoo Peedroo, Huugoo Ekitiikee fi Beenjaamin Sheeskoo, Cheelsii, Liiverpuulii fi Maanchister Yuunaayitid galan.
Kun rakkoo guddaa itti taheera. Dabalata ammoo taphataan sarara duraa cimaan gatii isaa qaalii waan taheef maallaqa sanas taphataa amansiisaa hin taane irratti baasuu hin feene.
Isaak yoo hin gurguramne akkamiin garee Niwkaastilitti makama?
Kun waan ulfaataa tilmaamuuf rakkisudha. Leenjisaan kilebichaa Edii Haaw karri isaanii Isaakiif banaa tahuu himaa turan.
Garuu murtoon dhumaa kan Isaak tahuu himan. Isaak garee Niwkaastil waliin osoo hin taane qofaatti shaakala hojjechaa jira.
Niwkaastil ibsa baaseen ''Niwkaastil kileba kubba miilaa ittiin boonanidha. Aadaa fi duudhaa keenya itti fufsiisuu barbaanna. Hunduu akka maatiiti. Aleeksi qaamuma maatii Niwkaastil waan taheef yeroo gare ekanatti makamuuf qophii tahu dhufuu danda'a'' jedhe.
Deeggartoonni Niwkaastil tapha Astoon Viilaa daawwachuuf yeroo deeman ''Ofittoo'' jechuun Isaakiin balaaleffataa turan.
Kun garee sanatti deebi'uuf ulfaataa tahuu mala.
Amma Niwkaastil taphataa barbaadu gabaa irraa argachuuf rakkataa jira. Yeroonis dhumaa jira. Liiverpuul ariitiin deebi'uun gatii hin dhiyeessine.
Yeroon Isaakittis dhumaa jira. Kun taphatichaaf haalicha wal xaxaa taasiseera.