Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Arsenaalii fi Maan Yuunaayitid booda maaltu jedhame?
Taphattootakoon baay'ee booneera. Taphicha irratti karaa hundaa gootummaan taphatan. Qabxii argachuun nuuf mala ture. Ammas isa itti aanu irratti xiyyeeffanna,'' jedhe leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Ruuben Amoorim.
Maanchister dirree isaa irratti caalmaa taphaa %61 agarsiiseera. Kubba 22 gara galchii Arsenaalitti yaalaniiru.
Isaan keessaa kubbi torba qiyyeefannaa isaanii kan eeggatan turan. Ciminni karra eegaa Arsenaalii fi ittisni isaanii garuu qabxii sadii argatanii akak bahan isaan gargaareera.
Arsenal looked uncharacteristically open at times in the first half, with Arteta extremely animated in his technical area.
Amoorim bara kana tokko jechuun qophii mataa isaanii taphattoota waliin taasisuun dorgommii kana jalqaban. Oldi Tiraafoordi irratti injifatamanis Maanchister Yuunaayitid caalmaa taphaa haala akkasiin fudhachuun yoo taphatu waggoota dheeraa booda kan jalqabaa tahuu xiinxaltoonni himan.
Amoorim ''na amanaa, barri kun nuuf adda taha'' jechuun dhaadatan.
Karra eegaan Yuunaayitid Andiree Onaanaa taphaaf qophii tahus isa dhiisuun Baayidiriin kan filatan Amoorim dogogora isaan mo'amanii bahan. Rakkoon Yuunaayitid ammayyuu karra eegaa akka tahe xiinxaltoonni himaniiru.
Maanchister Yuunaayitid karra eegaa isaa duraanii waggoota 12'f kilebicha keessa ture Deevid De Heyaa deebisee fiduu akka barbaadu gabaafameera.
Karra eegaa Aston Viilaa fi Doonaaruumaaf maallaqa guddaa baasuurra kilebicha keessa turuun taphoota 500 ol irratti kan hirmaate Deevid De Heyaa deebisuu fedha qabu jedha gabaasni har'a bahe.
Arsenaal taphattoota haaraa mallatteessisuun of ijaaraa jira. Garuu gahumsa eegamuun gadi taphachuu Arteettaan hin haalle. Akkasis tahee garuu Oldi Tiraafoordi irratti qabxii sadii argatanii bahuun waan guddaa akka tahe hima.
Arteettaan taphoota itti aananiif haala taphaa isaanii fooyyessanii akka dhufanis taphaan booda himaniiru.
Amoorim garuu gahumsi taphattoonnikoo agarsiisan garee kamiyyuu Piriimer Liigii keessaa mo'achuu akka dandeenyu nutti agarsiiseera jedhan.
Yuunaayitid taphattoota sarara duraa ciccimoo mallatteessiseera. Isaan keessaa Biriyaan Embuumoo gahumsa addaa Arsenaal irratti agarsiise.
Maatiyaas Kuunaa ammoo deeggartootaan ''kun kan jalqabaati. Sichi waan addaa agarsiifna,'' jechuun abdii qabu ibse.
Beenjaamiin Sheeskoo tapha jalqabaa isaa jijjiramee galuun erga taphatee booda akka gammade himuun taphoota itti aananiif akka qophaa'an hime.
Viiktar Giyookeres kubba shan qofa tuquun dirree keessaa bahe.
Maartineeliin taphataa biraa dadhabina agarsiise yoo tahu Arsenaal shaampiyoonaa tahuuf kan taphatu yoo tahe taphoota itti aanan irratti wantoota sirreessu hedduu qabaachuu xiinxaltoonni himaniiru.
Yuunaayitid karra eegaa jabaa hin qabu. Bara jijjiirraa taphattootaa tokkotti waan hundaa guutuu hin dandeenyu jedhe kilebichi ibs akana dura kenneen.
''Yoo taphataa sarara gidduu bitte kan sarara duraa meerree jedhamta, yoo taphataa sarara duraa bitte karra eegaan maaf hin bitamne jedhamta, kanaaf bara tokkotti waan hundaa guutuun hin danda'amu'' jedhe Amoorim.
Taphataan duraanii Kirsitaal Paalaas Kiliintan Mooris ''Maanchister Yuunaayitid dhugumatti rakkoo qaba. Karra eegaa Aston Viilaa Emii Maartinez mallatteessisa jedhamee hamatama. Doonaaruumaanis akkasuma gabaarra jira. Osoon Yuunaayitid tahee karra eegdota kanneen keessaa isa jabaa tokkon fida,'' jedhe.
''Onaanaan bara darbe dogogora gurguddaa hojjechaa ture. Karra eegaan taphataa dhumaa itti abdattu waan taheef dogogora uumuu hin qabdu,'' jedhe.
Arsenaalitti yoo deebinu xiinxaltoonni Giyookers garee Arsenaalitti madaquu qaba jedhu. Garee guutuu akka Giyookeresiif mijatu gochuuf dhama'uurra taphatichi haala tapha Arsenaalitti madaquu qaba jedhan.
Giyookeres yeroo jijjiiramee dirreetii bahuu fi maqaan isaa waamamu deeggartoonni Maan Yuunaayitid itti kolfaa turan.
Yuunaayitid taphataa kana barbaadaa akka ture himama. Dhumarratti Arsenaal malee jedhe. Yuunaayitid Sheeskoo mallatteessise.
Giyookeres Kooventarii fi Biraayitan keessa taphateera. Gahumsa gaarii irra kan gahe garuu Ispoortiingi Liisban erga galeeti.
Arsenaal haala taphaa akka isaaf tolutti sirreessamoo haga itti madaqutti Kaayi Haaverti fayyadama kan jedhu kan ilaallu taha.