Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoota hojiif gara biyyoota alaa imalaniif maaltu yaadame? Yaaddoon jiru maali?
Itoophiyaan lammilee ishee gara Sa'udii Arabiyaatti imalaniif leenjii bilisa ta’ee fi umriidhaan hin daangeffamne kennuu kan eegalte Bitootessa 11, 2023 ture.
Leenjiin kun kan kennamu namoota biyyootii alaatti carraa hojii argachuu fedhaniif yoo ta’u, hanga ammaatti wiirtuuleen leenjii 70 ol ta’an qophaa’aniiru.
Namoota leenjii kana fudhachuuf fedhan keessaa dursi kan kennamu kanneen biyyootii Arabaa adda addaatti imalanii deebi’aniifidha.
Leenjii kana irratti Afaan dabalatee, aadaa, amantaa fi haala hojii biyya deemuuf fedhamee kan of keessatti qabatudha.
Dhuma leenjii kanaatti qormaatni ykn madaalliin taasifamuun, waraqaan ragaa ni kennama.
Marsaa jalqabaa irratti namootni kuma 67 ta’an leenjii kana xumuraniiru.
Leenjii marsaa lammaffaa irratti ammo namootni kuma 68 ta’an hirmaataa jiru.
Leenjiin kun hojjettoota manaa kuma 500 ta’an gara biyyootii Giddu Galeessa Bahaa, keessumaa Sa'udii Arabiyaatti erguuf walii galtee taasifameen booda kennamaa kan jiru ta’uun himameera.
Ministeera Dandeetti Hojiitti, hogganaa kominikeeshinii kan ta’an Obbo Abdurrahmaan garuu, lakkoofsa namoota barbaadamanii addatti eeruun gaaffiin Sa'uudii irraa dhaabbatichaaf dhihaate akka hin jirre BBC’tti himaniiru.
“Miidiyaalee hawaasummaa irratti kuma 500 jechuun odeeffannoon raabsamaa jiru maddi isaa kan beekamu miti,” jedhu.
Waajjirri kun waggaa kanatti carraa hojii miiliyoona 3.7 ta’u uumuuf karoorfateera.
“Kana keessaa kuma 100 kan ta’u qofadha biyya alaatti fayyadamna jennee kan karoorfannee jiru,” jechuun karoora mootummaa ibsaniiru.
Sababa weerara koronaavaayirasiin adda citee ture malee, waliigalteen Sa'uudii Arabiyaa waliin kan taasifame bara 2018’tti ture.
“Amma akka haaratti ka’aa kan jiru mirgi bu’uuraa hojjettootaa akka eegamuuf jechadha,” jedhu hoogganaan kun.
Lammiileen Itoophiyaa hojiif gara sanatti imalan, waliigaltee turtii hojii isaanii irratti hundaa’uun waggaa lamaa hanga sadiitti turuu ni danda’u.
Walii galteen kun lammilee dhiyeenya Sa'uudii irraa gara biyyaatti deebi’an hin ilaallatu.
Sababni isaas lammileen kun seera malee achi turanii kan deebisaman waan ta’aniif akka ta’e kan himan hogganaan kun, “gara biyyootii biraatti garuu imaluu ni danda’u,” jedhu.
Yeroof fedhiin Sa'uudii Arabiyaan dhiyeessitee hojjetoota manaa fudhachuudha.
Akka Obbo Abdurrahmaan ibsanitti, “yeroo dheeraa booda garuu kanneen leenjifamanii fi kanneen garii leenjii argatan gara biyya alaatti erguuf qophiin taasifamaa jira. Leenjiin jalqabamees qaama kanaadha.”
“Waligalteen kun hojjachiiftota ni to’ata”
Kanaan dura carraan hojii kan argamu waliigaltee mootummaa, eejansii hojjetoota qunnamsiisu ykn nama dhuunfaa gidduutti taasifamuun ture.
Kana keessatti hirmaannaan mootummaa ‘hedduu’ kan jedhamu hin turre.
Amma garuu beekkamtii mootummaatiin carraa ittiin imalanitu mijeeffamaa jira.
Minsitirri Dandeetti Hojii Aadde Mufariyaat Kaamil, kanaan dura Qataar, Yordaanos, Sa'uudii Arabiyaa fi UAE waliin waliigalteen seeraa akka ture ibsuun, gara fulduraatti biyyootii Afrikaa biroo fi Awurooppaa waliinis waligalteen ni taasifama jechuun dhiyeenya miidiyaalee biyyattiitti himaniiru.
Itoophiyaan lammileen isheef kaffaltiin foyya’aa akka kennamu, mirgaa fi nageenyi isaanii akka eegamuuf biyyootii adda addaa waliin walii galuu ishee kan ibsan ministirri kun, mootummaanis mirgi fi bu’aan lammilee isaa biyyoota alaa keessa hojjetanii akka eegamuuf hordoffii akka taasisu dubbataniiru.
“Walii galteen taasifamu kun hojjachiistota ni to’ata. Guyyaa tokkofillee miindaan isaanii osoo hin kaffalamiin buluu hin qabani. Nageenyii fi fayyinni isaanii akka eegamu ni taasifna,” jechuun Obbo Abduramaan BBC’tti himaniiru.
Baanchi Yimar hundeessituu Waldaa Godaansaa Yenyaa Lenyaa jedhamuudha. Baanchiin yeroo ammatti jiraattuu Kaanadaa taatus, waggootii torbaaf Libaanositti mana namaa keessa hojjetaa turte.
Waldaan kun xiyyeeffannoon isaa lammilee Itoophiyaa Libaanoositti hojjetuu manaa ta'anii jiran ta'us, lammilee hojjetoota manaa ta'uun biyootii biroo keessa jiranis ni gargaara.
Mirga namoomaa lammilee kanaa eegsisuu fi hojii tola ooltummaa irratti waldaan kun akka bobba’ee jiru hundeessituun kun ni himti.
Mootummaan lammilee keessumaa gara Saawudii Arabiyaatti erguuf qophaa’uun isaa sirri miti jettee yaaddi Baanchiin.
Hojjettoonni lammii Itoophiyaa ta’anii sawudii jiraatan sarbamni mirga namoomaa kan irra ga’u hojjechiiftootaan qofa osoo hin taane hanga sadarkaa mootummaattis akka ta’e ibsiti.
“Waggotii kunii oliif humna namaa qisaasessuu, mana hidhaa keessatti dararuu, qabeenyaa isaanii samaani biyyaa ari’uu dabalatee sarbamni mirga namoomaa hedduun irratti gaggeefamaa jira. Qamoolee nageenyaa, eegdota mana hidhaa motummaan bobbaasudha kan lammilee saamanii fi sarbama mirga namoomaa irratti raawwatan,” jechuun kun jalqaba furamuu qabuu akka qabu ibsiteetti.
Yaddoon ishee inni biraa sirna Kaafaalaa jedhamu, kan hojjetoota gara biyyattii galchuu fi qacaruuf gargaarudha. Qacarrii hojjetoota waliin wal qabatee kun hojii sirna wabii ykn “ispoonsariidha.”
Adeemsa sirna kanaan, hojjechiisaan tokko yemmu biyya biraatii hojjetoota mana qacaratu mirga hedduu akka qabaatu taasisa.
Hojjettuun manaa tokko to’annoo nama ishee qacaree jala qofa ta’uuni biyya jirtu sana keessatti hojjechuu kan dandeessu. Ta’us mana ykn bakka hojii hojjechiistota ishee keessaa yoo baate, sirni Kaafalaa jedhamu kun akka isheen baqattuu taatu ishe taasisa.
To’annoo kun ammo hojjettuun kun kanneen ishee qacaraniin yoo miidhaan irra ga’ellee, filannoo akka hin qabaannee taasisuun sirna dirqamsiiaa fi hin jijjiiramnedha.
Sirni Kaafalaa kun biyyootii akka Libaanos, Yoordaanos, UAE, Kuweet, Baahireen, Omaan fi Saawudii Arabiyaa keessatti hojiirra ni oola.
Sababa seera kanaan hojjetoonni gurmaa’uu hin danda’ani. Walumaa galatti jireenyi isaani to’annoo hojjechiiftota isaanii jala akka ta’u waan taasiseef, miidhaa adda addaaf akka saaxilaman gochuu isaa qorannoowwan agarsiisan hedduun jiru.
Hojjetoonni baqattoota ta’an seera hojjetaa fi hojjachisaa biyyattii irraa fageeffamanii jiru. Kun akkanumaan waan barame osoo hin taane kan seeraan kan kaa’amedha.
“Sirna Kaafalaa kanaan lammileen keenya Saawudii kan galan maqaa ispoonsaroota isaanitiinidha. Kan ilaalaamanis akka garbaatti waan ta’eef, kun garbummaa ammayyaadha,” jetti Baanchiin.
Eejansiiwwan ykn qacartoonni “ hojjetoonni akka buufata xiyyaaraa keessaa ba’aniin waraaqaa eenyummaa, paaspoortii fi ragaalee qaban hunda sakkata’anii kan harkaa fudhan. Kana gochuu mootumman biyyatti dhorkus kan kabachiisu eenyuyyu hin jiru,” jechun yaaddoo ishee ibsiti.
Obbo Abduraaman akka jedhanitti, adeemsa amma fayyadamamaa hojiirra jiruun, “lammileen seeraan deemanii haalli isaan mudatuun yoo waliif hin galan ta’e gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif haalli mijeeffameera,” jedhu.
“Mana hojjetan keessaa baduun yakkadha”
“Saawudii qofaaf jennee wanta qopheesine miti. Gidduugaleessa Bahaa jedhameetu kan hojjetamaa jiru. Kanaani hojii seeraan ala ta’e dhorkuu fi biyyis akka irraa bu’aa argattu gochu danda’uudha,” jedhan Obbo Abduuramaan.
Lammilee Itoophiyaa hojiif jecha gara biyya alaa deemaniin wal qabatee gaaffiin ka’u inni biraan, miindaan isaanii hojjetoota lammii biroo waliin yoo madaalamu gadi aanaa ta’uu isaadha.
Turtii Saawudii Arabiyaatti qabaatanitti feedhiin hojjetootaa guddaa akka jiru mirkaneessuu kan himan Aadde Mufariyaat gama isaaniin, hojjetootaaf daballiin miindaa hiika qabu akka taasifamu, mirgaa fi nageenyi isaanii akka eegamuuf haasofneerra jedhu.
Walii galteen kun kanaan dura hojjetoonni kaaraa seeraan alaa yemmuu jiraatan, rakkoolee akka isaan kunuunsa seeraa hin arganne taasisan kan furu ta’uu himu.
Adeemsi lammilee akka kanaan duraa fedhii nama dhunfaa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, sirna mootummaa fi mootummaa gidduutti gaggeefamu, kan deeggarsa cimaa fi hordoffii irratti hundaa’e ta’a jedhu.
“Jireenya isaanii akka haaraatti eegaluun itti cimeera”
Sa'uudii Arabiyaatti haala seeraan alaan manneen hidhaa adda addaatti haala yaaddessaa ta’e keessa lammileen Itoophiyaa akka jiran dhaabbileen mirga namoomaa irra daddeebiin gabaasa baasaniin eeraniiru.
Baanchiinis, haalli lammilee Itoophiyaa biyyotii adda addaatti hojjettoota manaa ta’anii jiran hamaa ta’uu isaa ibsuun, “ rakkoon ture osoo hin furamiin lammilee walakkaa miiliyoonaa ta’an dabalataan erguun sirrii miti,” jetti.
“Mootummaan Itoophiyaas ta’e kan Sa'uudii mirga isaanii ni eegna jedhanis, dandeetti ittiin hojjetoonni hedduu haala isaan keessa jiranii fi rakkoo isaanii baran hin qabani.”
Dabaluunis, kanaan dura biyyootiin walii galtee wal fakkaata taasisan jiraatanis, jireenya lammilee isaanii irratti homaa fooyya’iinsa akka hin mul’isne Baanchiin dubbatteetti.
“Namni tokko mana keessatti balballi itti cufamee gadi hin ba’u yoo ta’e, bilbila fayyadamuurraa kan dhorkamu yoo ta’e, maal akka isa mudatu baruun hin danda’amu. Kanaaf mirgaa fi bu;aa lammilee keenyaa eeguun rakkisaa ta’a,” jetti.
Kanarra, kanaan dura dhaabbile mirga namoomaan kan heedduu kaafamee fi “ mirga hojjatootaa ni sarba” jedhamuun biyyootiin akka haqaniif isa gaafatamaa ture “sirna Kaafalaa kaasuun barbaachisaadha” jetti.
“Sirni Kaafalaa yoo ka’e, hojjetaan kamiyyu mana kireeffatanii, hojii isaanii hojjetanii mana isaaniitti akka deebi’an, qacartoota isaanii biras taa’anii hojjechuu yoo fedhan sana gochuuf ofiin akka murteessaniif carraa ni uuma.”
Kanaanis eeyyama jireenyaa fi hojii isaanii akkasumas ragaaleen seeraa isaanii hundi isaan harka waan ta’uuf, miidhaa fi balleessaaf carraan saaxilamuu isaanii kan hir’isu ta’a kan jettu Baanchiin, wantoonni kun jalqaba sirra’uu akka qaban himti.
Kanaratti imbaasiwwan biyyootii kunneen keessa jiran, haala hojjetoonni keessa jiran kan ittiin to’achuu fi hordofuu danda’an adeemsi qophaa’uu isaa Ministeerri Mufariyaat Kamaal dubbataniiru.