Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna 'kaafaalaa': Seera biyyoota Arabaa 'gabrummaarra hin wayyu' jedhamu
Seerri kaafaalaa jedhamu biyyoota Arabaa garagaraatti hariiroo hojjettoota godaantota ta’aniifi namoota isaan hojjeechiisan gidduu jiru hoogganudha.
Hojjetaa godaane jechi jedhu mataan isaa ibsa barbaada. Hojjettoonni alaa hojjettoota godaantota ta’an irraa addadha.
Ulaagaawwan hojjetaan tokko biyya jiraatu keessaa karaa seeraa filamee hojiif gara biyya biraa deemee ‘hojjetaa godaane’ taasisan jiru.
Keessumaa namoonni yeroo murtaa’ef hojii hojjechuuf ala bahanii deebi’an maqaa kanaan waamamu.
Sirn kafaalaa maali?
Kafaalaan hiika hedduu qaba. Garuu gabaasa kana keessa ‘’sirna ispoonsaraa’’ jedhamee hiikamuu danda’a.
Hojjechiisaan tokko biyya biraarraa hojjetaa manaa qacaruun mirga hedduu goonfata.
Hojjetaan tokko nama isa hojjeechiisu jalaa yookiin to’annoo isaanii jalaa yoo bahe seerichi seera maleessa nama taasisa.
Kuni osoo hojjetaa rakkoon qunnamees ta’e osoo hin qunnamin waan turedha.
Seerri kuni UAE, Kuweet, Baahireen, Omaaniifi Sa’udi Arabiyaatti hojiirra oola. Akkasumas Jordaaniifi Libaanosis seera kana itti dhimma bahu.
Seera kanaan hojjettoonni manaa of ijaaruu hin danda’ani.
Walumaagala seerichi kanneen isaan hojjechiisan aangoo guddaa akka qabaatan waan godhuf hojjettoonni badiiwwan garagaraaf akka saaxilaman gochuu isaa qorannoowwan agarsiisan jiru.
Hojjettoota sirni kaafaalaa jala bulan keessaa garri caalu manneen namaa kan dalaganiifi hojii ijaarsa gamoof kan filatamanidha.
Namoonni baratanii gara biyyoota kanaa adeeman maqaa kanaan hin waamamani. Sababa kanaaf seera ‘hacuucu’ kana jala hin bulani.
Hojjettoonni godaantota ta’an seerota hojjetaafi hojjechiisaa biyyootni hordofanirraa ni qollifamu. Kuni seeraan kan tumamedha.
Seerri kun maaliif garbummaan wal bira qabame?
Lammiilee Itoophiyaa dabalatee hojjettoonni biyyoota kaanirraa biyyoota Arabaatti imalanii hojjetan sababa seera kanaan sarbama mirgaa olaanaaf akka saaxilaman amanama.
Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal dhaabbilee seerri kuni akka haqamu gaafatan keessaati.
Seerri kuni eyyama hojjetaa malee hojjechistoonni waliigaltee addaan kutuu akka danda’an eeyyama. Kunimmoo hojjettoonni hidhaaf akkasumas biyyaa akka ari’aman taasiseera jechuun qeqeera.
Akka seera kanaatti hojjettoonni manaa osoo biyya gadhiisanii bahuu barbaadanillee hojjechiisaan isaanii eeyyama barreessuufi qaba. Kanaan ala seeraan gaafatamu.
Kunimmoo egereefi lubbuu hojjettootaa harka hojjechistootaa akka bu’u taasisa. Sababa kanaaf namoonni baay’ee seera kana ‘gabrummaa ammayyaa’ jechuun ibsu. Akka dhaabatus gaafataa turani.
Dhihoo qorannoo hojettoota manaa godaantota ta’aniifi Libaanos jiranirratti taasifamerra kanneen qooda fuudhatan keessaa 69% yoo xiqqaate haleellaan saalaa si’a takka isaan qunnameera.
Kanneen haleellaan saalaa irra gahe keessaa 75% kan ta’an sanada bu’uura seeraa qabu akka hin qabne dubbatani.
Sirna kaafaalaa keessa hojjechistoonni paasportii namoota hojjechiisan fudhatanii ol kaa’un waan baramedha. Kanaaf hojjettonni manaa socho’u hin danda’ani.
Kaanimmoo waliigaltee isaanii akkasumas viizaa isaanii osoo hin haaromsisiin hafu.
Hojjettuun tokko mana nama ishee hojjechiisu keessaa dhiistee yoo baateefi isaaniis ishee gadhiisuuf eeyyamamaa yoo hin taane ‘seeraan ala’ jedhamti. Kunis hidhaa ishee buusa.
Qorannoo Libaanos keessa taasifameen dubartiin tokko geejjiba dhaabbati taaksii tokko dhiheessurra yeroo turtetti waan ishee qunname akkanaan himti.
Namichi daandiirraa maquu isaa agartee ‘maaliif’ jettuunis ‘waan bareedduufi natti tolteef’ jechuun akka itti dubbate himti. Akka konkolaataa dhaabu gaafattus ‘diduu’ dubbatti.
Eegasii balbala duubaan akka baatu erga dhaadatte booda akka ishee buuse himti.
Dubartoonni hedduu manaafi gabaatti akkasumas daandirra haleellaan saalaa akkanaa akka isaan qunnamu dubbatu.
Hedduun isaanii gara seeraa hin deeman. Akka qorannoon mul’isutti gara caalu hojjechistoota dhiiraatu haleellaa akkanaa raawwata.
Firri hojjechistootaas qooda fudhatu. Osoo hojjettoonni baduuf yaalanis paasportiin isaan bira hin jiru.
Osoomallee paasportiin harka isaanii jiraate hojjechistoonni hojjettoonni manaa baduu isaanii gaafa baran seera bira deemanii kontiraata isaanii kutu.
Battaluma hojjettoonni manaa haleellaan irratti raawwate godaantuu jedhamtee seeraan barbaadamti.
Sababa kanaaf hojjettonni callisa filatu. Badiifi haleellaa biroofis saaxilamu.
Dudduube seera kanaa
Sirni kaafaalaa biyyoota naannawicha jiran koloniin kan bitaa turte Biritaaniyaan walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa akka haaraatti kan beeksifte ta’u qorannoon ni mul’isa.
Kuni keessumaa boba’aan biyyoota kanatti argamuu hordofee hojjettoota hojii akkanaarra hirmaachuuf biyyoota biroorraa dhufanirra hojiirra ooluu seenaan ni ibsa.
Bara 1950 keessa keessumaa hojjettoota Afrikaafi Eshiyaadhaa deemaniifi hojjechistoota bulchuuf bal’inaan hojiirra ooluu jalqabe.
Seerri kuni biyyoonni Arabaa walabummaa isaanii argatanii waggoota 50 boodallee hojiirra oolaa jira.
Seera kana Qaaxaar bara 2019 haqxeetti.
Biyyattiin kan kana goote hojjettoonni ijaarsa istaadiyeemii Waancaa Addunyaaf qophaa’urratti hirmaatan seerri kuni isaanirra oolfamuu isaatiin mormiin erga itti cimee boodadha.
Hojjettoonni guyyaa biyyoota Kibba Eeshiyaarraa dhufan haala jireenya hamaa keessa jiraachuu eeruun seera kana mormaa turani.
Maaltu raawwatamuu qaba?
Biyyoota naannoo galoo galaana Galfitti hojjattoota biyyasaaniirra bahanitu argama.
Hojjattoota kana keessaa hojjattoonni kumataamaan lakkaa’aman sababa ifatti hin beekamnen lubbuu dhabu, motummoonni biyyoota naannichaa garuu maaltu du’asaaniif ka’umsa akka ta’e sirnaan hin hordofan jedhu dhaabbiileen mirga namoomaa.
Dhaabbileen mirga namoomaa seerri mirga namoomaa baqattootaa eegu akka bahu yaalaa jiru.
Dhaabbileen mirga namoomaaaf falman seerri mirga namoomaa sarbu geeddaramee, hanqinoonni gama seeraatiin mul’atan furamanii, qaamonni hoji raawwachiftu seerota fooyyeffaman akka hojiitti hiikan gorsu.