Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sa’uudii Arabiyaan hojjattoota baqattoota ta'anirraa uggura laaffisuuf
Sa’uudii Arabiyaan uggura kontraataa, kan jireenya hojjattoota baqattootaa miliyoona 10 ta'an irratti hojjatamu muraasaa akka laaffistu beeksifte.
Riifoormii haaraan taasifame kunis hojjattoonni damee hojiiwwan dhuunfaa hojjatan hayyama qaama isaan mindeessee osoo hin barbaachifne, hojii jijjirrachuufi biyyattii gadhiisanii bahuu kan dandeessisuudha.
Mootummaan Sa’uudii Arabiyaa ‘’ga’umsa iddoo hojii fooyyessuu fi dabaluu’’ akka barbaadaa ture himeera.
Gartuun mirgaaf falmu ‘Rights groups’ sirni isponsaraa ‘’kafala’’ jedhamee beekamu kunis kan hojjattoota miidhaafi dararaa saaxileedha jedhe.
Rogeessi tokkos foyya’iinsi amma taasifame gaarii ta’uu ibsuudhaan, garuu sirni ‘kafala’ ammas hafee jira waan ta'eef guutummaatti jijjiramuu qabaata jechuun waamicha taasiseera.
Ministeerri qabeenya humna namaa Sa’uudii akka jedhetti, foyya’iinsi taasifame kun namoota damee hojii dhuunfaarratti bobba’an hunda irratti baatii Bitootessa dhufuu irraa qabee hojiirra kan ooluudha.
Foyya’iinsa kanaanis hojjattoonni hojii jijjirachuu fi biyyaa bahuuf nama isaan qacare osoo hin iyyamsiisiin gara biyya alaattis imaluu danda’u jedhameera.
Hojjattoonni kunneen kallattiin tajaajila mootummaa kennuurratti iyyachuu ni dandeessisa.
Kana malees, kontiraanni hojii qaama isaan qacare wajjiin mallatteessan gama dijitaalaan galmeeffamee olka’ama.
Deetaan Minsteerichaa Abdullaa bin Nasiir Abutunayin, kaka'umsi hojii riiformii kunis humna hojjataa jajjabeessuufi iddoo hojii foyyessuurratti kan xiyyeeffateedha jechuun dubbatan.
Foyya’insi taasifame kunis mul’ata bara 2030tti biyyattiin hirkatummaa dinagdee boba’aa bu’uureffate jalaa bahuuf karoorsite galmaan gahuu deeggara jedhan.
Hiyuman Raayit Wochitti ogeettii qorannoo gameettii kan taate Rotanaa Bigum BBC'tti akka himtetti, ibsi ministirichaa‘’haala hojii godaantotaaf kan mijeessuudha’’jette.
‘’Ta’us, sirni ‘kafala’ guutummaatti hin dhorkamne’’ jechuun ibsite.
Akka isheen jettutti, ammas hojjattoonni Sa’ud Arabiyaa seenuuf qaamni isaan qacaru ispoonsara ta’uufi barbaachisaa.
Kanaafuu, qaamni isaan qacare yeroo fedhetti eeyyama iddoo jireenyaasaanii haaromsuu fi haquuf aangoo qabaata jette.
Rotanaa Bigum akka jettutti ,ammas mirgi hojjattootaa akka sarbamuu taasisa,warri qacaree ‘’aangoo akka isaaniirratti qabaatu taasisa’’jette.
‘’Hunda caala, foyya’iinsi taasifame godaantota hojii mana keessaa hojjatan hin dabalatne/hin ilaallatu,biyyatti keessatti hedduu miidhamoon garuu isaan ture’’jette.
Ms Bigum hojjattoonni mana keessa boqonnaa otoo hin argatiin ,yeroo dheeraaf akka hojjatan akka dirqisiifamuu ragaa hojjatoota hedduu galmeessinee qabna jette.
Kana malees kanneen gatii dafqa isaanii dhorkatamuu, manatti ugguramanillee akka tursifaman kaafteetti.
Hojjaattoonni kaan miidhaan saalaa fi reebichillee akka irra gahuu itti dabaltee kaafteetti.
Sa’ud Arabiyaa keessa godaantoota kuma dhibbaan lakka’aman kanneen hin galmoofne jiraatanis, carraa kana ni argatuu fi dhabuusaanii qondaaltonni biyyattii waan ibsan hin qabani jette Rotanaa Bigum.