'Lammiilee Itoophiyaa 18 'garbummaan' gurguramuuf turan baraare'-Poolisii Keeniyaa

Lammiileen Itoophiyaa 18 biyyoota Galoo galaanaatti ''garbummaan'' gurguramuuf turan Keeniyaatti baraaraman.

Daayirektoreetiin qorannoo yakkaa Keeniyaa lammiileen Itoophiyaa hundi isaaniiyyuu dhiira ta'an kun Keeniyaa keessa qaxxaamuruun gara biyyoota galoo galaanaatti dabarfamuuf turan jedheera.

Namootni kun ''achitti garba godhamanii gurguramu'' jedha Poolisiin Keeniyaa.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin qarqara magaalaa Naayiroobii naannoo Atii Riiver jedhamutti mana tokko keessaa qabaman.

Akka Poolisiin Keeniyaa jedhutti garee Yakkoota qindaa'oo Daangaa Ce'an to'atan sakattaa godhaniin qabaman.

Lammiileen Itoophiyaa hojii barbaacha karaa seeraan alaa gara biyyoota Arabaa imalan hedduun dararaa hedduuf akka saaxilaman, darbees irra deddeebiin akka garbaatti kan gurguraman amma dura BBC'n gabaasee ture.

Waggoota dhiyoo keessa Sa'uudii Arabiyaan duula hojjettota hayyama malee biyya ishee jiran baasuu eegalteen walqabatees dargaggoonni kumootaan lakkaawwaman manneen hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu himachaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa mootummaa Saawdii wajjin dubbachuun lammiilee kana biyyatti deebisuuf duula guddaa gochaa turuunis ni yaadatama.

Daddabarsa namaa seeraan alaa kana wajjjin walqabatee Lammilee Keeniyaa sadii to'achuus gareen yakka qindaa'aa daangaa qaxxaamuru to'atu ibseera.

Namootni yakka nama daddabarsuun kanaan shakkaman Huseen Mohaammad nama ganna 32, Hasan Ibraahiim Godaanaa nama ganna 35 fi Carii Dullachaa nama ganna 40 ta'uu Daayireektoreetiin Yakka Qindaa'aa Keeniyaa ibseera.

Shakkamtootni kun buufata Poolisii Mutaayigaa akka jiraniifi lammiileen baraaraman 18 to'annoo jala turanii ragaan imalaa isaanii sakatta'amaa akka jirus beeksise.

Oduun kun kan dhagaahame lammiin Keeniyaa ganna 24 Diyaanaa Chepkemooyi jedhamtu Sa'uudii Arabiyaatti harka hojjechiistota isheetti hammeenyi irratti raawwatee biyyatti erga deebiteeti.

Dubartiin kun lammiileen Keeniyaa haala hamaa isheen keessaa baate keessatti biyyoota Baha Gidduugaleessaa keessatti danqamanii akka jiraniifi mootummaan Keeniyaa akka isaan gargaaru waamicha gooteetti.

Waajirri Haajaa Alaa biyyattii gama isaan namoota hojii mana keessaa hojjechuuf gara gara Sa'uudii imalan wajjin walqabatee rakkoon isa mudachuu ibseera.

''Lammiileen Keeniyaa hojii damee kanaan gara Sa'uudiitti nama akka hin ergine irra deddeebiin himneerra. Nu dhagahuu dhiisuu filattan'' jedhan aanga'aan Ministeerichaa Machaariyaa Kamaa'uu.

Lammiileen biyyattii miidiyaa hawaasaa gubbaatti yaada qoodaniin mootummaan waan irraa eegamu hin baane jechuun qeeqan.