Tajaajilaan Zimbaabuwee 'Raajii' Ubart Enjil Itoophiyaa dhufuunsaa maaliif falmii kaase?

Ubart Enjil

Lammiin Zimbaabuwee tajaajilaa Wangeelaa ta'ee, namni Ubart Enjil jedhamu tajaajilaaf gara Itoophiyaa dhufuun amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa biratti falmii guddaa kaasaa jira.

Erga gara Itoophiyaa dhufuunsaa dhagahamee kaasee miidiyaa hawaasaa irratti waa'ee barsiisa amantii inni hordofuu, amalaafi eenyummaa isaarratti falmiin guddaan deemaa jira.

Tajaajilaa lammii Zimbaabuwee kun gara Itoophiyaatti kan affeerame ammoo tajaajilaa Itoophiyaa "Raajii" Miraakil Takkaa jedhamuufi Finfinneetti waldaa Hiyaawu Tasfaa Yetaamiraat Agalgiloot Beetakiristiyaan jedhamu hundeessun kan tajaajilaa jiruutiin.

Raajii Ubart Engiil gara Finfinneetti kan dhufe tasa osoo qophii hedduu hin godhiin akka ta'eefi imalli isaa kun eebba addunyaa raajuun kan guutame akka ta'e miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti Kamisa kaleessaa sagantichi eegaluun dura ibseera.

Ubart Enjil gara Itoophiyaa dhufuusaa hordofee Tokkummaan Waldaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa fi Kaawunsiliin Amantota Wangeelaa Itoophiyaa ibsa baasaniin, namni kun 'raajii sobduu fi faallaa barsiisa amantoota wangeelaatti barsiisa jechuun morman.

Amantoonni isaanis bakka namni kun itti tajaajilu deemanii akka hin hirmaannefis ergaa dabarsan.

Paastar Tsaadiquu Abdoo pirezidaantii Tokkummaa Tokkummaan Waldaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa yoo ta'an, tokkummaan waldaalee isaan gaggeessan sababni Ubart Enjil mormee balaaleffateef faallaa barsiisa amantii Kiristaanaa waan barsiisuuf akka ta'e BBCtti himan.

"Ubart Enjil raajii sobaa qofa osoo hin taane, barsiisa amantii Kiristaanaa bu'uura ta'an irratti ijjannoo baay'ee dogoggora ta'e qaba. Tokkoffaa, Sadan Tokkummaa (Sillaasee) irratti ijjannoo baay'ee karaarraa maqe qaba.

"Lamaffaa nama hojii maallaqa karaa hin malleen horachuurratti baay'ee kan bobba'eedha," jechuun ibsawwan seenaa waldaa Kiristaanaa keessatti ibsamaa turan kanneen akka Ibsa Niqiyaa, Kelqedoon fa'aa keessatti dhugaa Kiristaanummaa lafa taa'an kan faallessu ta'uu dubbatan.

"Akka keenyatti [Ubart Enjil] Kiritaana jedheetuu of-waamuu hin qabu. Kiristoos Waaqa qofa nama hin taane jedha. Namicih raajii sobaa qofa osoo hin taane barsiisaa sobaatis," jechuun kanneen isa affeeranis akkasumasaa duudhaa fi barsiisa amantoota wangeelaa irraa warra miltiqan akka ta'an dubbatu.

'Gabaan isaanii waan qorreef isa affeeran'

Paastar Tsaadiquun akka jedhanitti, Itoophiya keessatti namoonni maqaa tajaajilaatiin uummata saamaafi burjaajessaa turan fudhatamni isaanii gadi bu'aa waan deemeef alaa nama affeeruun galii ittiin walitti sassaabu.

"Nama burjaajessuun waan isaan baasuu dideef, namoonni miidhamanis of-baranii deebi'uu waan egalaniif, amma akka duraanii miti.

''Aduun itti lixaa waan jirtuuf biyya alaatii nama fidanii humna argachuuf akkas godhu," jechuun Ubart Enjilis ta'ee kanneen isa affeeran yaadni isaanii maallaqa walitti sassaaburatti kan xiyyeeffatan ta'uu dubbatu.

"Namoonni kun yaanni isaanii mallaqa qofaadha. Barsiisa isaanii qofa osoo hin taane akkaatan jireenyasaanii Macaafa Qulqulluun ala kan ta'eedha. Baay'en isaanii jireenya qulqullina kan hin qabneedha," jechuun qeequ Paastar Tsaadiquun.

Ubart Enjil eenyudha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ubart Enjil lammummaansaa Zimbaabuwee yoo ta'u waldaa Good News Church jedhamu kan gaggeessu hordoftoota heddu nama qabuudha.

Mootummaa Zimbaabuwee biratti fudhatama guddaa qabaachurraa kan ka'e pirezidaantin biyyattii Emersan Manangaaguwaan Ameerikaafi Awurooppatti Dippilomaatii Olaanaa gochuun muudaniiru.

Dhiyeenya miidiyaan Aljazeeraa mata duree "Gold Mafia" jedhuun dookumentarii qorannoo hojjateen Ubart Enjil daddabarsa maallaqaafi warqee biyyattii gabaa gurraachaf dhiyeessuu keessatti harka dheeraa akka qabu agarsiisee ture.

Viidiyoo domentarii kana keessatti Ubart Enjil mootummaan Zimbabuwee bakka bu'ee mootummoota kamiyyuu wajjin walii galtee mallatteessuu akka danda'u osoo dubbatuu dhagahama.

Akkasumas biyyoota 85'tti ambasaaddara ta'ee hojjachuu akka danda'u akkasumas bakka bu'aa pirezidaantii Zimbaabuwee akka ta'es dubbata.

Zimbaabuwee keessatti pirezidaantii biyyattiitti aanee nama lammaffaafi aangoo guddaa akka qabu osoo dubbatuu dhagahama viidiyoo dhoksaan waraabame jedhame kanarratti.

Ubart Enjil TV tajaajila ittiin tamsaasu kan dhuunfaasaa nama qabuufi yeroo heddu waa'ee tapha kubbaa miilaa dabalatee raajii dubbachuun beekama.

Gara Itoophiyaa dhufuusaan wal-qabatee fuula Facebook isaarratti: "Galma sagantaan itti gaggeeffamu dafaa dhaqaabaa. Dawwannaan dhuunfaa Raajichaa eebba dhuunfaa afaan isin qabachiisu baatee dhufaa jira," jechuun barreesse.

Lammiilen yeroo saamamaniifi burjaajeffaman mootummaan eeguuf dirqama qaba'

Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyoo as maqaa Waldaalee Amantoota Wangeelan namootarratti saamichaafi mala garaa garaan burjaajin yeroo uumamu ni dhagahama.

Amantoonni burjaajii akkasiirraa eeguf tokkummaan waldaalee isaan gaggeessan maal hojjataa akka jiru kan gaafataman Paastar Tsaadiquun, isaan qofa osoo hin taane mootummaan lammiilerratti yakki akka hin dalagamne eeguf dirqama akka qabu dubbatu.

"Nuti mootummaa [gargaarsa] gaafachuun nurraa hin eegamu. Lammiilen yeroo saamaman, burjaajeffaman tiksuun dirqama mootummaati," jechuun namoota barsiisafi duudhaa Waldaalee Amantoota Wangeelan faallaa deemaa turan kan gorsanii deebisan akka jiran ibsan.

"Namoonni gowwoomsaa akkasiirraa akka of-eegan deddeebinee gorsina. Itoophiyaa keessatti waggoota shanan dura amma namoonni [gowoomsaa raajota sobaa] hubataa waan dhufan fakkaata," jedhan.