Maatii rukuttaa onnee ilmasaanii du'ee waggaa sadii booda dhaga'an

Madda suuraa, KEIRON TOVELL
Maatiin ilmasaanii kutaa qaama isaa gumachee, erga inni du’ee waggaa sadii booda, rukkuttaa onnee isaa dhaga’uu danda’aniiru.
Maatiin UK kaawuntii Norfook irraa ta’n, ilmasaanii ga’eessa ganna 30 Kit Bileek, nama karaa wal’aansaatiin jijjiirraa onnee ilmasaanii argate waliin qaamaan wal argan.
Maanguddoo ganna 64 kan onneen wal'aansaan jijjirameef, Tim Heed waliin yoo wal arganiitti, isteeteskooppii fayyadamuun rukkutaa onnee isaa dhaggeeffatan.
Ilmiisaanii Kit Bileek bara 2020tti yoo lubbuun isaa darbeetti, kutaan qaama isaa afur namoota biroof akka ooluuf gumaache.
Wanti arge kunis “hanga tokko jabina naaf kenneera,” jettti harmeen Bileek, Aadde Jeen.
“Kiit ilmikoo Mr Tiim'n gargaree jireenya isaa rakkisaa ture jijjiiruu akka danda’uu yaaduun isaa baayyee nama ajaa’iba.”

Madda suuraa, BLAKE FAMILY
Obbo Heed dhiibee onnee dadhabsiisu dilated cardiomuophathy jedhamuun erga hubamee booda onnee Kiit Bileek galfameef.
Osoo wal’aansa kana hin argatiin dura waggootii shaniif dhukkubsachaa kan ture Heed, abdii dhaburraan kan ka'ee du’uu barbaadee akka ture hima.
Maatii Kit Bileek waliin wayita wal arganiittis lamaanuu “miiraan guutamanii” akka ture hima.
“Bayyee cimaa ture. Akkan onnee ilma isaanii qabu utuun beekuun isaan ilaalaa ture.
“Dhimman tibba ani keessa darbeefi maatiin nama ani onneessaa argadhee kun haala akkamii keessaa akka jiran guyyaa ani itti hin yaadne hin jiru.”
Kiit Bileek yeroo lubbuun isa darbe galmee qaama gummachitootaa irratti hin galmoofne ture, ta’us maatiin isaa narsii waliin erga haasa’anii booda qaama isaa gumachuuf murteessan.
Taajaajila Fayyaa Biyyaleessa UKtti (NHS), waajjirri Dhiigaafi wal’aansa jijjirraa qaamaa akka jedhutti, ji’oota ja’an darbe keessa UK keessatti namoonni 1,643 wal’aansa jijjirraa qaamaa kan argatan yoo ta’u, namoonni 7,219 garuu ammallee wal’aasa kana eeggachaa jiru.
Torban gumaacha kutaa qaamaa Fulbaana 18 waggaa waggaa kabajamuu kan eegalu yoo ta’u, galmee biyyaalessaa irratti gumaachitoonni kuma 25 haaraan ni galmaa’u jedhame abdatama.

Madda suuraa, KEIRON TOVELL
Narsiin wal’aansa qaama gumachuu Hospitaala Yunivarsitii Norfok & Norwich keessaa hojjettu, Naataalii Ashlii: “ Namoonni gumaacha kana yoo deeggaru ta’e, galmee gummachitoota irratti akka galmaa’uuf akka murteessan waamicha dhiyeessina.
“Dabalataanis kana gochuuf kan barbaadan ta’uusaatiif akka maatii isaanii waliin hasa’an gaaffanna,” jetti.
Bara darbe dhukkubsattoonni 439 ta’an wal’aansa jijjiirraa qaamaa osoo eeggatanii lubbuun isaanii darbeera.
Namoonni 732 ta’an biroon ammoo dhukkubbiin isaanii waan hammatteef, wal’aansa kana argachuun bu’aa waan hin buufneef galmee kanarra kaafamaniiru.
Namni wal'aansa jijjirraan qaamaa taasifameef Obbo Heed, “amma jireenyakoo nan jaalladha, bayyee gaariidha,” jedhan.
“Amma jireenya akkuma nama kaaniin jiraadha, hojii ooleen gala,” jechuun jijjirama fayyaa argate hima.












