'Dhiibbaa dhiigaa dhiphinaan dhufuuf callisaan of-dubbii taasisuun furmaata'

Namoota callisaan of-dubbii taasisaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni dhiibbaa dhiigaa dhiphinaan dhufu hir'isuuf guyyaatti daqiiqaa 45f callisaan of-dubbii taasisuuf yaalu qabu jedha qajeelfamni haaraan.

Gorsa Hawaasni Dhiibbaa Dhiigaa Idiladdunyaa dabarse keessaa; yeroo fudhachuun muuziqaa caqasuu, yoogaa hojjechuu fi haalota qalbeeffachuu keessatti argamu.

Qajeelfamoonni kanneen akka tamboo aarsuu dhaabuu fi soodda/soogidda hir'isuun ammallee ni gorfamu.

Waraqaa qorannoo Joornaalii Haayipparteenshin irratti bahe kanaan, qajeelfamoonni haaraa "qaamaa fi qalbii" gorfaman ifa tahaniiru.

Kanneen qorannoo kana keessa hirmaatan keessaa ogeessi dhiibbaa dhiigaa Uk keessaa Piroofesar Biraayaan Wiiliiyaams BBC wajjin turtii taasisaniin, "Namoonni of gargaaruuf waan hedduu gochuu danda'u," jedhan.

"Hundi keenya al takkaa aara galfannee qalbeeffachuun, guyyaa keessatti sa'aatii walakkaa ofii koof barbaaduun qaba jechuu qabna. Ofitti deebi'uu fi mukaa'uurraa bilisa gochuu tahuu danda'a.

Kunis tarii muuziqaa dhaggeeffachuu, lafoo deemuu fi jiimii deemuun shaakala taasisuu tahuu danda'a."

Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf maal gochuun qaba?

nama gammachuun muuziqaa dhaggeeffachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Dhiibbaa dhiigaa olka'aan sababoota du'aa umrii malee keessaa isa ijoodha.

Onnee fi ujummoo dhiigaarra dhiibbaa uuma. Kanaanis adeemsa keessa dhukkuba onnee, dhibee onnee tasaa (heart attack) fi istirookiif saaxiluu danda'a.

Addunyaa gubbaa gaheesonni biiliyoona tokko ol tahan dhiibbaa dhiigaa olkahe qabu - kunis namoota afur keessaa tokko akka jechuuti.

Ogeeyyiin biyyoota 18 irraa babbahuun qoratan kunniin, waan gorsan:

  • Maloota dhiphina guyyuu hiri'isan kanneen akka; callisaan of-dubbii taasisuu (meditation), hargansuu cimaa, yoogaa fi haalota qalbeeffachuu yaaluu.
  • Galata galchuu shaakaluu - waantota eeyyentaa (positive) tahan irratti xiyyeeffachuu. Qalbiin keenya akka gammaduuf waan dansaa raawwachuu.
  • Yoo xiqqaate daqiiqaa 25f muuziqaa qabbaneessu caqasuu - kanas torbanitti al sadiif raawwachuu.

Pirof Wiiliyaams akka jedhanitti, sammuu keenya muddamaafi jaatanaawuu guyyuurraa kaasuun daran barbaachisaa fi fayyaa sammuufi onneef gumaacha.

Barmaatileen dadansoo biroon shaakala qaamaa gochuu fi hirriiba gahaa argachuudha. Kanaafis appiiwwan kanaaf qophaa'an fayyadamuun hordofuu dandeessu jedha qajeelfamni kun.

Pirof Wiiliyaams dabaluun: "Dheerina hanga rafnu callaa moti, qulqullinni (akkaataa) hirriibaas [ilaalamuu qaba].

"Ragaan waan agarsiisu namoonni sa'aatii torbaaf hirriiba bareeda tahe rafuun isaanirraa eegama."

Kana malees qorannooo kanaan:

  • Qurxummii nyaachuu ykn zayita qurxummii Omega-3 fudhachuun gargaaruu akka danda'u
  • Fayyaan garaachaa daran barbaachisaadha - piroobaayotikoota fudhachuu fi soorata faayibar of keessaa qaban baay'isuun ni gorfama
  • Shaayii fi buna muraasa dhuguun homaa miti. Haatahu malee, dhugaatii si'eessan jedhamuun gurguramaniifi kaafenii hedduu ofkeessaa qaban baay'isuun hin gorfamu
  • Shaayee liquorice irratti ofeeggannoo godhaa - dhiibbaa dhiigaa olkaasuu danda'a
  • Juusiin hundee diimaa fi poomagiraaneet waan dansaati. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf gargaaru - tarii waan naayitireetii of keessaa qabaniif tahuu mala.