Lakkoofsi dubartoota anqaaquu sanyiisaanii boodaaf olkaawwatanii dabale

Adeemsa anqaaquu cabbeessanii kaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Lakkoofsi dubartoota waggoota booda maatii horachuu abdachuun anqaaquu isaanii mala saayinsiitiin bakka cabbii keessa ol kaawwatanii dabaluu qorannoo haaraan ifa godhe.

UK keessatti dhaabbanni dhimma walhormaata dhala namaafi miciree hordofu Human Fertilisation and Embryology Authority jedhamuakka jedhutti, bara 2021 keessa dubartoonni 4,000 ta'an anqaaquu isaanii bakka cabba'aatti olkaawwataniiru.

Bara 2019tti ammoo dubartoota 2,500tu olkaawwatanii turan.

Dhaabbanni tola-ooltummaarra hojjetu tokkos sababni lakkoofsi kun dabaleef weerara Covid-19n walqabachuu mala jedheera.

Ogeeyyiin fayyaa garuu bu'aa fi miidhaa gocha kanaarratti hubannoon ni barbaaachisa jechuun akeekkachiisu.

Dhaabbata tola oolaa Progress Educational Trust fertility jedhamu keessatti daayireektara kan ta'an Saraah Noorkroos yeroo uggura sochii dubartootni gariin waayee walhoruu yaadaa turanii jedhu.

''Hariiroon hawaasummaa daangeffamuun isaa dubartoonni gariin waayee walhormaataa akka baayyisanii yaadan, filannoowwan walhoruuf qabanis bal'isuuf murtee godhaniiru.''

Lakkoofsi anqaaquu olkaawamanii haa dabaluyyuu malee, lakkoofsi dubartoota anqaaquu isaanii namoota kaaniif arjoomanii garuu hir'iseera jedha gabaasni kun.

Bara 2019 keessa dubartootni anqaaquu 1,500 namni kaan akka fayyadamu gumaachanii turan. Bara 2021 garuu kan gumaatame 1,400.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Helen Henerii waggaa 10 dura wayita nama gaanna 34 turte anqaaquu ishee hanga ta'e namaaf gumaachitee, ofiifis olkaawwattee ture.

Yeroos hariiroo jaalalaa yeroo dheeraa keessa turte. Namni waliin jiraattu garuu ijoollee horachuuf fedha hin qabu ture.

''Ergan arjoomee booda, miirri badii hojjechuu natti dhagaahamuu jalqabe. Waan sirrii akkan dalagee natti dhagaahamuu dide. Haati daa'ima kanaa gaarii yoo ta'uu baattewoo? hireen mucaa bakka kunuunsa yeroo yoo ta'ewoo? Yoo itti dhiifamewoo? jettee of ceepha'uu eegalte.

Waggoota booda arjooma anqaaquu isheetiin mucaan dubaraa Mudde bara 2021 dhalattee akka jirtu barte. ''Mucaan dhalattee arguun koo miirri akkan balleessetti natti dhagaahamaa ture akka badu godhe.''

Heneriin amma michuu haaraa qabattee ijoollee mataa ishee horatteetti. Anqaaquun bakka cabbaa'aa tursiifattes itti hin fayyadamne.

''Adeemsa uumamaan atattamaaniin garaatti baadhe, mucaa koo dubaraa jalqabaa waggaa 39'ffaa koorrattiin argadhe, ammas ji'a Muddee keessa umrii koo waggaa 44 irratti ilma argadheen boqonnaarra jira'' jetti.

Ijoollee ofiin deesse lamaanitti addunyaa bal'oo keessa obboleettii karaa baayiloojikaalaa dhalatte akka qaban ittin himaa jitti.

''Mucaa kana gaafa tokko ijaan arguuf rabbiinan kadhadha. Hawwiikoo dhumaa keessaa isa tokkodha.''

Helen Henerii

Madda suuraa, Helen Henerii

Dhiyeessituu sagantaa Televiziyoonaafi Poodkaastara kan taate Viikiiy Paatisan ammatti ijoollee horachuuf qophii miti jechuun anqaaquu ishee tursuuf murteessiteetti.

Anqaaquu olkeesse keessaa sadii sanyii dhiiraa nama jaalalaan wajjin jirtu irraa fudhatameen walnyaafamee micireetti jijjiiramee taa'eera. Kunis carraa ilmoo namaa ta'uu dhibbeenta 20 qaba.

Vikiiyin anqaaquuwwan biroo sadii ammoo osoo sanyii dhiiraa waliin wal hin argiin akka turu murteessite. Kunis booda ilmoo namaa uumuuf carraa dhibbeentaa 10 qaba jedhameera.

Waldhaansa kana wayita argattutti yaada kenniteen ''odeeffannoon amanamaan, gahaan hin jiruu'' jetteetti.

Abbaan taayitaa Human Fertilisation and Embryology Authority milkaahinni waldhaansa kanaa umrii dubartootni anqaaquun isaanii akka tursiifamu itti kennan irratti hundaa'aa jedha.

Dubartootni waggaa 35 gadi yeroo jiran anqaaquu isaanii bakka tursiisaa galchu yoo ta'e carraan milkaahuu isaa ni dabala jedha.

Ogeessi da'umsaa fi gadameessaa Bassel Wattar namoota waldhaansa kana fedhaniif odeeffannoo kennuuf hojiin dabalataa ni barbaachisa jedhan.

''Fuulduratti maatii ijaaruu ilaalchisee carraan jiru kun fayidaa fi dhiibbaa maalii akka qabu hubannoo hawaasaa xiqqaa jiru jijjiiruu barbaachisa'' jedhan.