Kopheen umurii waggaa 6,000 argame

Madda suuraa, UNIVERSITY OF ALCALÁ
Saayinstistoonni Awurooppaatti kophee marga irraa hojjetame jedhan umuriisaa wagga 6,000 tahu arguu himan.
Kopheen kun siliipperii [Sandals] yoo tahu, meeshaalee manaa namootni dur itti fayyadamaa turan biroo waliin argame. Argannoon kun holqa Ispeen keessatti argamu keessaati.
Jaarraa 19ffaa keessa namoota albuuda baasaniin holqicha keessaa argamus amma qorannoo haaraan irratti gaggeeffamuun kopheen kun umurii hagas gahu qabaachuu himan.
Holqicha keessa jiidhinsi xiqqaa fi bubbee qabbanaa’aa [qorraa] jiraachuun kophee kana dabalatee meeshaaleen argaman kunneen osoo hin boososiin akka turan taasieeera.
Qorattootni meeshaalee argaman keessaa kan akka qembee fi kaan irrattis qorannoo dabalataa gaggeessaniiru.
Meeshaaleen kunneen ''Kibba Awurooppaa keessaa meeshaaleen kunneen umurii dheeraa kan qabanii fi haala gaariin tursiifaman isaan jalqabaati,’’ jedhan qorattootni.
Gartuu qorattoota keessaa tokko kan taate Maariyaa Hereeroo Otaal, ''teeknoloojiin adda addaa fayyadamnee fi ragaaleen meeshaalee dheedhii galmaa’anii jiran dandeettii hawwaasni durii qabu agarsiisa,’’ jette.
Teeknoloojiin qorannichi umurii meeshaalee argaman 76 adda baasuuf fayyadaman isa duraan jedhame irra waggoota 2000 oliif caalmaa akka qabu agarsiisa jette.
Inumaayyuu meeshaaleen tokko tokko umurii waggoota 9,000 oliifaa qabu. Kopheen siliipperii amma qoratame, marga adda addaa irraa kan hojjetamanidha.
Garuu dabalataan kophichi gogaa fa’aa of keessaa qaba. Kun ammoo meeshaaleen kunneen akka bara Niyolitik turanii fi kophee gogaa irraa hojjetame bara 2008 Armeeniyaatti argameefi umurii waggaa 5,500 qaba jedhame akka caalu agarsiisa jedhan.












