Meeshaaleen hambaa dhagaa ilmaan namaa duriin tolfaman Keeniyaatti argaman

Madda suuraa, Reuters
Qorattoonni hambaa (Arkiyoolojistoonni) Keeniyaatti dhagaa umurii dheeraa qabu fi dhalli namaa dur itti gargaaramaa ture qotanii baasan.
Meeshaalee dhagaarraa bocaman kanatti dhalli namaa waggoota miliyoona 2.9 dura itti gargaaramaa turuu qorattoonni himan.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, damee hortee nama durii warreen gara jalqabaa ta’anitu itti gargaaramaa ture, warreen Hoomoo Saappiyaansi hin taanetu meeshaa dhagaarraa tolfaman kanatti fayyadamaa ture jedhan.
Meeshaan dhagaa kun roobii ittiin qaluu ykn jaji'uufi biqiltoota hundeen isaanii lafa jalaa qotamuu fi fuduraalee ittin tumuuf akka itti gargaaramaa turan qorattoonni beeksisaniiru.
Kana malees, ilkaan gurguddaan hortee nama durii kanneen guutummaatti dachee kanarraa badanii 'Parantiropus' jedhamanii bakka dhagaan kun argametti waliin argameera.
Saayintistoonni jalqabarratti meeshaan dhagaa kun Oldowan jedhamu ta'uu hin hafne jedhanii yaadanii turan.
Oldowan dhagaa horteen nama durii Hoomoo Saappiyeensi qofti itti gargaaramaa turedha.
Hoomoo Saappiyeensi gartuu fira dhiyoo dhala namaa amma jiruu akka ta'etu himama.
Haa ta'u malee, lafeen Hoomoo Saappiyeensi homtuu iddoo hambaan kun qotamee argame Nyayangaa, Dhiya Keeniyaatti hin argamne.
Bakka sanatti ilkaan ha'oo hortee nama duriitti hidhata qabu kan biraa, Parantirpus jedhamuu lama fi dhagoota 330 ta'anitu argame.
Parantirpus - gartuu qamaleewwanii fi sanyii danaa nama fakkaatutti dhiyaatan qaban keessatti ramadamanidha.
''Meeshaalee argaman kanaan ilkaan arbaatiin caala ittiin waa hunkuteeessuun ni danda'ama. Meeshaan kun ilkaan daadee leencaa caala waa kutuu danda'a '' jedhan Pirofeesar Riik Potis.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirofeesar Riik Potis, Godambaa biyyaaleessaa seenaa uumamaa Ismiizsoniyaan jedhamurra yoo ta'an, akkasuma barreessaa qo'annoo kanaati.
Pirofesarri kun akkas jedhan:'' Meeshaaleen Nyayangaatti argaman Paarantirpus waliin hidhata qabaachuun tarii yaada eenyutu jalqaba meeshaalee Oldowaan jedhaman akka tolche gaaffii kaasa,'' jedhan.
Kolleejjii Quwiinsi, Ameerikaa magaalaa Niwuyorkitti argamutti atiroppolojistii kan ta'an Toomaas Pilummer, tarii k meeshaa kana ka tolche Hoomoo Saapiyeensi qofa ta'uu dhiisuu mala, garuu horteen nama durii fagoo ta'an biroos nyaata isaanii teekinoloojii Oldowan jedhamuun mijeeffatu jedhan.
Toomaas Pilummer waraqaa qorannoo barruu saayinsiirratti maxxanfame kana ogeessa dursan ta'uun eerameera.
Argannoowwaan dhiyoon meeshaalee Oldowan jedhaman ilaallatu akka agarsiisanitti, meeshaalee dhagaa gara jalqabaatti horeen namaa durii itti gargaarame jedhame amanamu 'crude stone' kan umrii ganna miliyoona 3.3 qabu caala fooyyee qaba.
Waggaan miliyoonni 3.3 jechuun horteen Hoomoo otoo dachee kanarratti hin argamiin duradha.
Yeroo sanatti sanyiin homiindi biroo dachee kanarratti umaman keessaa tokko horteen Awustiraaloppitikasidha.
Hambaan lafee Awustiraaloppitikas kan taate''Dinqinash ykn Luusiin bara 1974 naannoo Affaar Itoophiyaatti argamuutu yaadatama.












