Badhaasni Noobeelii fayyaa nama jijjiirama tirannaa dhala namaa qorateef kenname

Haftee dhala namaa durii

Badhaasni Noobeelii Xiin-sammuu fi fayyaa Piroofeesar Savaantee Paaboo qorannoo jijjiirama tirannaa dhala namaa irratti raawwateef kenname.

Koreen badhaasichaa akka jedhetti hojii hin danda’amne fakkaatu qaccee sanyii dhala namaa durii lafa kanarraa bade Niiyaandartaal hubachuu danda’eera jedhe.

Sanyii dhala namaa dur hin beekamne Denisoovaans jedhamus abuureera jedhan.

Hojiinsaa seenaa jiijjiirama tirannnaa dhala namaa fi akkatti pilaaneetii kanarra facaane beekuuf gargaareera.

Lammiin Siwiidiin qaccee sanyii qoratu gaaffii bu’uuraa jedhamu deebisuu yaale-eessaa dhufne, firoonni dhala namaa kaan lafarraa badanii akkamiin Homoo Saappiyaans jiraachuu itti fufuutti milkaa’e.

Bara 1990 akkatti qacceen sanyii dhala namaa hojjetu qoratamaa ture, sun garuu samuuda DNA aslii tahe fudhachuudhaani.

Piroofesar Paabo garuu qaccee sanyii durii, bututeefi kan akaakilee keenyaa qorachaa ture. Baayyeen namaa waan danda’amu miti jechaanii ture.

Inni garuu yeroo jalqabaaf lafee waggaa 40,000 turerraa qaccee sanyii (DNA) tartiibeessuu ykn duraa duubaan kaa’uu danda’eera.

Bu’aan qorannoosaa firri sanyii namaa baay’inaan Awurooppaa fi Lixa Eeshiyaa keessa jiraate- dhala namaa amma jiruufi chimpaanzii irraa adda akka tahe agarsiisa.

Hojiinsaa sanyii dhala namaa amma jiru Hoomoo Saappiyaansi irratti haa xiyyeefatuyyuu malee, firoota keenya lafarraa badanillee ni qorata.

'‘Sanyii dhala namaa lubbuun ture kanaafi warra lafa kanarraa badan maal adda godha kan jedhuuf bu’uura kenneera,’’ Koreen Noobeelii.

Wal-bira qabaan DNA Niyaandartaaliifi dhala namaa amma jiru kan agarsiise DNA namoota Awurooppaafi Eeshiyaa fakkaata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunimmoo Hoomoo Saappiyaansiin waggoota 70,000 dura Afrikaa irra yeroo goodaane Niyaandartaalii waliin saal-quunnamtii raawwate ijoollee godhachuusaati.

Ilmoon namaa 1-4 tahu DNA isaa Niyaandartaal irraa gatii dhufuuf dandeettii qaama keenyaa infekshiniif saaxilamuu irratti dhiibbaa godheera.

Achii dhuftee dhala namaa irratti immoo bara 2008tti gumaachisaa kan mul’ate. Saayintistoonni quba waggaa 40,000 Deenisoovaa jedhamu Saayibeeriyaa keessatti argatan. 

Piroofeesar Paaboon DNA samuuda quba kanaa qorachun sanyii dhala namaa kana dura hin beekamne Denisoovaans jedhamu ifatti baase. 

Kunis sanyiin nama ammaa Hoomoo Saappiyansiin warra Deenisoovaan jedhaman waliinis sanyiinsaa makameera. Namoonni Kibba Eeshiyaa harka 6 DNA sanyii Deenisoovaan qabu.

Qaccee sanyii dhaalame kuni iddoo hamma oksijiinii xiqqoo jirutti jiraachuu nama dandeessisa namoonni kunis uummata Tibeet ammaati.

Pirfoosera Paabon oduu gammachuu kana kaleessa ganama dhagahe.

Hoggansi Piroofeesar Perlmaaan,Toomaas koree Nobeelii, ''yeroo itti himnu baayyee gammadee, jecha dhabee ture,’’ jedhe.

Paabloo nama naamusa saayinsii qabu dha jedhe. Badhaasa kanaan doolaara 800,000 argate. Abbaasaa immoo bara 1982tti badhaasa damee wal-fakkaataan argatee ture.

Sanyiin Niiyaandartaal Hoomoo Saappiyaans jedhamu hamma tahe wal makuun boodarra nama ammayyaa wajjin dorgomuu ijaa hin dandeenyee lafarraa bade jedhama.