Mootummaan Itoophiyaa meeshaa waraanaa Somaaliyaatti fe’amuun yaaddahuu ibse

Meeshaan waraanaa humnoota alaatiin Somaaliyaatti fe’amu rakkoo nageenyaa duraanuu gaarii hin turre daran hammeessuun meeshaaleen kunneen shororkeessitoota harka gala jechuun yaaddoo qaban ibsan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqesillaasee.

Ambaasaaddar Taayyeen kana kan jedhan Kora Waliiaalaa 79ffaa dhababata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Niiwu Yoorkitti gaggeeffamaa jirirratti Itti-gaafatamtuu Ijaarsa Nageenyaafi Dhimmoota Siyaasaa UN Roozmarii Dekaarloo waliin dhimma Somalaiyaa kaasanii wayita dubbatanittidha.

Carraaqqii walirraa hin cinne Itoophiyaan shororkeessummaa loluurratti gochaa jirtu kan ibsan Ambaasaaddar Taayyeen, ATMIS -[Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Afrikaan] booda sadarkaa itti gaafatamummaa, hanga humni sun gahu, deeggarsa maallaqaafi qindoomina jiru dabalatee yeroon barbaachisu kennamee erga sirriitti irratti dubbatamee booda murtaa’uu akka qabu jala muranii dubbataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen humna alaa meeshaa waraanaa Somaaliyaatti fe’aa jiru maqaa kaasuu baatanis, Masiriin waliigaltee waraanaa Somaaliyaa waliin taasiste hrodofee meeshaa waraanaa ergaafiif akka jirtu gabaasaalen ni mul’isu.

Somaaliyaan meeshaalee waraanaa gurguddoo garagaraa Masiriirraa akka argatteefi dabalataanis yeroo itti aanu eeggacha jiraachuu aanga’aan Somaaliyaa tokko Dilbata mirkaneessaniiru.

Osoo maqaan isaanii hin eeramiin BBC Somaaleetti kan dubbatan aanga’aan kun, guyyoota darban keessa dooniitiin fe’amee ulaa galaana Moqaadishoo meeshaa waraanaa qaqqabe kana mootummaan Somaaliyaa kan hidhatu ta’uu eeraniiru.

Meeshaaleen waraanaa gara Somaaleetti ergaman kunneen misaa’eloota farra xiyyaaraa, madfiiwwafi meeshaaleen waraanaa xixiqqaa ta’uu aanga’aan kun dabaluun ibsaniiru.

Meeshaan waraanaa guddaa kun karaa ulaa galaanaa Moqaadishootiin gara Somaaliyaa galuu isaa ilaachisuun sabaa himaaleen biyyattii gabaasaa kan jiran yoo ta’u, fuula miidiyaalee hawaasaa garagaraa irrattis suuraawwan kana agarsiisanis qoqqodamaa jiru.

Aanga’aan mootummaa Somaaliyaa BBC Somaalee dubise meeshaa waraanaa amma gale kanatti dabalataan yeroo itti aanutti taankii akka eegan ibsaniiru.

Somaaliland ammoo meeshaaleen waraanaa dhiyeenya keessa Masirii irraa gara Moqaadishootti fe'amaa jiran rakkoo nageenyaa hamaafi walxatataa duraanuu Gaanfaa Afrikaafi qaxanaa sana keessa jiru daran hammeessa jechuun yaaddoo guddaa qabaachuu ibsiteetti.

Ministirri dhimma alaafi tumsa idil-addunyaa Somaaliilaand ibsa baaseen, bulchiinsi Somaaliyaa meeshaaleen waraanaa Moqaadishootti fe'amaa jiran kana to'achuufi sirriitti qabachuuf humna isaa waan hin qabneef akkaan yaaddoo itti ta'uu eeree jira.

"Meeshaan waraanaa to'annoo tokko malee naannawaa akka kana gadhiisii ta'etti fe'amuun qaamoleen garagaraa achi keessa jiran fedhii isaanii guuttachuuf hidhacuu waan barbaadaniif, dorgommii meeshaa waraanaa daran hammeessa.

Mootummaan Somaaliilaand, keessumaa meeshaaleen waraanaa kunneen harka garewwan finxaaleyyii warra akka al-Shabaab fi milishoota gosaa galuu waan danda'aniif hokkara hammeessuun qaxanicha tasgabbii dhorka," jedheera ibsi kun.

Rakkoo qaxanaa kana keessa duraan jiru akka caalaa hammeessu hubatee hawaasni addunyaa dursee akka tarkaanfii fudhatuufis gaafateera Ministirri dhimma alaafi tumsa idil-addunyaa Somaaliilaand.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baatii Adooleessaa keessa baaseen, meeshaaleen waraanaa seeraan ala karaa daangaa Somaaliyaatiin to'annoo tokko malee Gaanfa Afrikaa seenaa jiran baayyee yaaddessaa ta'uu himee ture.

Masiriin waliigaltee waraanaa Somalaiyaa waliin taasifteen loltootashee Somaaliyaa keessatti bobbaasuuf fedhii akka qabdu ibsuu hordofee, Itoophiyaan mormii qabdu dhageeessifteetti.

Torbanoota muraasa dura xiyyaaronni waraanaa Masirii lama Moqaadishoo galuun isaanii yeroo gabaafametti, Itoophiyaan gocha kana nagaa qaxanaa kanaa kan jequdha jechuun, Somaaliyaan humni alaa gara daangaa bulchiinsa ishee akka seenuuf hayyamuu hin qabdu jechuun mormii dhiyeessa turteetti.

Amajji darbe Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa argachuudhaaf ishee dandeessisu Somaaliland waliin wal mallatteessuun booda Somaaliyaa waliin atakaaroo keessa galuun ni yaadatama.

Rakkoo biyyoota lamaan gidduutti erga dhalateen booda sababa Hidha Guddicha Abbayyaa irratti Itoophiyaa waliin wal dhabdee kan jirtu Masiriin, Somaaliyaa cinaa dhaabachuun deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophaa’uu beeksifteetti.

Qoqqobbiin meeshaa waraanaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Somaliyaarra yeroo dheeraatiif kaa’ee ture erga wagga darbe ka’een booda meeshaaleen waraanaa ifatti gara biyyattiitti yeroo seenu kun yeroo lamaffaafidha.

Waldhibdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti dhalate keessatti Masiriin hirmaattu ta’uun naannicha keessatti muddama kan uume yoo ta’u, sanada waliigaltee Itoophiyaa waliin kan mallatteesssiyte Somaaliilaand Wiirtuu Aadafi mana Kitaabaa daangaa bulchiin ishee keessa jiru cufteetti.

Somaaliyaan ambaasaaddara Itoophiyaa biyyasheetii kan ariite ji’ootaan dura yoo ta’u, birmadummaa biyya kook an cabsudha kan jette waliigaltee Itoophiyaan Somaaliilaand waliin taasifte akka kuffiistuuf gaafachaa jirti.