Dhumaatiin arraagessaa akkamiin du'a nama walakkaa miiliyoonaaf sababa tahe?

Madda suuraa, Getty Images
Dur dur Hindii keessatti arraagessi gosa simbiraa baayyee fi iddoo hundatti argamu ture.
Gosti simbiraa raqa nyaatu kuni takka takkaa motora xiyyaara keessatti danqamuun paayileetii yerootti rifachiisantu jira.
Waggoota kurnan lamaan darbanitti garuu Hindiitti lakkoofsi arraagessaa sababa loon dhukkubsatan wal'aanuuf qoricha kennamuun du'uu jalqaban.
Bara 1990 keessa hoomaan arraagessaa miiliyoona 50 tahan sababa qoricha dikiloofeenaak jedhamuun lakkoofsi isaanii gara zeerootti gadi bu'e.
Dawaan gatii salphaan bitamuufi loon irraa dhukkubbii hir'isuuf kennamu arraageessa immoo du'aaf saaxila.
Gosti simbira raqa loon qoricha kanaan yaalamaa turee du'ee nyaachaa turan kaleen isaanii hojii dhaabuun du'uu jalqaban.
Bara 2006tti qorichi dikiloofeenaak yaalii looniif akka hin kennamne erga labsameen booda duuti arraagessaa kuni hir'iseera. Tahus sanyiin arraagessaa sadii harka 91-98 tahan dhumaniiru jechuun gabaasni Hindii haala simbiroota irratti bahu agarsiisa.
Kana malees, qorannoon haaraa joornaalii Waldaa Diinagdee Ameerikaa irratti bahe lakkoofsi gosa simbiraa raqa kaasuu karoora malee hir'isuun kuni baakteeriyaan nama ajjeesu akkaan akka dabalu gochuun waggaa shan keessatti du'a namoota miiliyoona walakkaa tahaniif sababa taheera jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Arraagessi akka tajaajila qulqullinaa naannoo uumamaatti ilaalamu, kunis sababii kanaan bineeldota du'an kan baakteeriyaa baatan naannoo keenyarraa kaasaniif- isaaniin ala dhukkubni ni tamsa'a,'' jedhan Yunivarsiitii Chikaagoo damee barnootaa Imaammata Ummataatti gargaaraa piroofeesaraafi barreessaan tumsaa qorannichaa Eyaal Firaank.
''Fayyaa dhala namaa keessatti shoora arraagessi qabu hubachuun barbaachisummaa naannoo kunuunsuu agarsiisa, bareedaaf qofa osoo hin taane, sirnakkoo keenyaaf hojiin hojjetan jireenya keenyarratti dhiibbaa qaba.''
Gareen Firaank fa'i lakkoofsa du'a namootaa bulchiinsota Indiyaa arraagessa baayyee qabaniifi hin qabne lakkoofsi arraagessaa hir'isuun duraafi booda wal-bira qabanii ilaalan.
Kana malees talaallii dhukkuba saree, saree hin madaqneefi sadarkaa jarmii bishaan keessa jirus ilaalaniiru.
Qorichi dhukkubbi loonii hir'isu erga gurguramuu eegalee lakkofsi arraagessaa akkaan yoo hir'isu lafa kanaan dura baay'inaan jirutti lakkoofsi namoota du'anii harka afuriin dabaleera.
Qorattoonni kunneen dhiibbaan kuni maalgaalota lakkoofsa loonii guddaa qabaniifi du'uun booda baay'inaa gatamanitti baay'ata jedhan.
Akka qorattoonni kunneen jedhanitti bara 2000-2005tti arraagessi baduun namoonni dabalataa 100,000 wagga waggaatti akka du'aniif sababa tahaeera.
Haala kana keessattis maallaqni doolaara biiliyoona 69 tahu du'a namaa wajjin wal-qabatu dhabameera.
Duuti kunis tamsa'ina dhukkubaafi baakteeriyaa silaa arraaggessi naannoo keessaa kaasuu danda'aniin mudate.
Fakkeenyaaf arraagessi yoo hin jiraanne lakkoofsi saroota to'annoo hin qabnee akkaan dabaluun dhukkuba saree namootatti fide.
Yeroo kanatti talaalliin dhukkuba saree akkaan dabalus garuu gahaa hin turre. Sarooti akka arraagessa raqa waan hin kaasneef jarmiifi bakteeriyaan babal'achuun bishaan faalu jalqabe.

Madda suuraa, AFP
''Lakkoofsi arraagessaa Hindii keessatti haal kanaan hir'isuun sanyii bineeldotaa garagaraa dhabuun namaaf gatii hin eegamne akka baasisuufi duubatti deebisuun akka hin danda'amneef fakkeenya guddaa tahuu mala,'' jedhan qorataan tumsaa Sudarshaan Yunivarsiitii Waarwiik irraa.
''Haala kana keessatti keemikaala haaraa kanatti qabachuu dandeenya tahus sochiin namaa- naannoon manca'uu, gurgurtaa bineensotaa fi amma immoo jijjiirama qilleensaa - bineensota irratti dhiibbaa waan qabaniif deebisanii dhala namaarrattis deebi'anii miidhaa geessisu.
Kana hubachuun naannoo keenya kunuunsuun murteessaadha.''
Gosoota arraagessaa Hindii keessa jiran keessaa arraageessa adii %98, arraagessa Hindii % 95fi arraagessa mata-diimaa jedhaman % 91 bara 2000 irraa eegalee lakkoofsi isaanii akkaan hir'ise.
Gosti arraagessaa lamni biroos akkasuma lakkoofsi isaanii akkaan hir'iseera.
Bara 2019tti Hindiin loon miiliyoona 500 akka qabduufi akka addunyaatti lakkoofsa isa guddaa tahuu gabaafameera.
Qonnaan bultoonni du'aa loon isaanii akka isaaniif kaasan arraagessatu isaan fayyada ture.
Lakkoofsi arraagessaa haala kanaan hir'isuun gosti simbiraa pijiin Ameerikaatti sanyiinsaanii baduun booda rekardii isa guddaadha.
Arraagessi yeroo ammaa Hindii keessa lubbuun jiran iddoo eegamaa keessatti kunuunfamanii saaxilamuu isaanii hambisuuf jecha raqa bineensota bosonaa qofa sooramu jedhe gabaasni Haala Simbirrootaa Hindii.
Ogeessoti ammallee dawaan bineeldota wal'aanuuf kennamu arraagessaaf yaaddoo dha jedhu.
Loon du'an hir'isuun, isaaniin awwaaluufi sareen hin madaqne raqa kana kaasuuf dorgomuun rakkoo kana ittuu hammeessera. Albuuda baasuun fa'is akkasuma man'ee arraagessaaf mijataa qabaachuuf rakkoo biraa dha.
Arraageessi kuni deebi'ee dhufuu danda'aa? Mallattoon abdii qabu jiraatus, hamma lakkoofsa badeen deebisanii argachuun akkaan ulfaataa dha.
Bara darbe arraagessi 20 meeshaan saatalaayitiin akka hordofaman taasisu itti diramee Lixa Bengaal keessatti gad lakkifaniiru.
Kibba Hindii keessatti arraagessi 300 argamuun kan galmaa'e yoo tahu, hojiin dabalataa garuu barbaachisa.












