Baalleen qaalii addunyaa caal-baasii rekardii cabseen gurgurame

Madda suuraa, Webb
Baalleen qeenxee simbirroo Niiw Ziilaand huyaa jedhamtu amma sanyiin ishee badee jiruu, caal-baasii irratti doolaara 28,417 gurguramuun rekardii cabse.
Baalleen kuni jalqabarratti doolaara 3,000'n fida jedhameetu eegamaa ture, gurgurtaa baallee sanyii simbirroo kanaa kanaan dura caal-baasiif dhiyaate harka 450 caaleetu gurgurame jedhe manni caal-baasii Webb's Auction House.
Uummata ganamaa Niiw Ziilaand Mawoorii jedhaman biratti simbirroon huyaa jedhamtu safuu qabdi. Hoggantoonniifi maatiin hawaasa kanaa baalleeshee mataa irratti keewwatu, kennaafi gurgurtaafis faayidaarra oolaa ture.
Simbirroon kuni yeroo dhumaaf kan mul'atte bara 1907tti ture, mirkanaa'uu baatus ergasii waggaa digdama, soddomaaf mul'attee ture jedhama jedha Godahamabaan Niiw Ziilaand.
Huyaan simbirroo waccuu maatii gosa simbiraa Niiw Ziilaand wattlebird jedhamaniiti. Simbirroon kuni dandeettii utaaluu kan qabduufi qaamnishee gurraacha yoo tahu xiyyoon kaattuushee duubaan jiru kuula adii qabaachuun adda ishee taasisa.
Baalleen Wiixata darbe gurgurame kuni ''haala gaariirra jira,'' jette godambaa Webb's Auction House keessatti hoggantuun Aartii Miidhaginaa Lii Mooriis.
''Baalleen calaqqistuumasheetu jira, ilbisnis itti hin buune,'' jechuun BBCtti himte.
Dabaluunis manni caal-baasichaa miya kana carallaa biiftuurraa haguugee waan turseef ''umrii dheeraa'' ni qabaata jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirna meeshaalee hawaasa ganamaa Maaworii tiksu jalatti baalleen kuni taonga tūturu jedhamuun galmoofte.
Namoota sirna kana jalatti eeyyama qabu qofatu bituun eeyyamamaaf. Kana malees eeyyama Ministeera Aadaafi Hambaatiin alatti biyyaa bahuu hin danda'u.
Akka Aadde Mooriis jettutti jaalalaafi fedhii lammiilee Niiw Ziilaandiitu baalleen kun akka gatii qaaliin gurguramu taasise.
''Amma namoonni baayyee sirna namoota bitachuu danda'aniif eeyyamu jalatti galmaa'uuf barbaadan baayyee argaa jirra,'' jetti.
''Niiw Ziilaand keessatti lafa, naannoo, biqilootaafi bineensota keenya eeguufi tikfachuu irratti baayyee dhimmamna,'' jette.
''Simbirroon kuni amma baddee jirti waan taheef, simbirroowwan Niiw Ziilaand kaan ilaallee kuni lammata hin tahu jenne,'' jette.
Dur baalleen huyaa uummata Maaworii biratti namni hawaasa keessatti bakka inni qabu agarsiisuuf oolti ture. Warri Awurooppaa achi gahuun durallee gosa simbiraa baduu jala geesse turte.
Boodarra namoota miya walitti qabaniifi daldaltoota faashinii Niiw Ziilaand dhufan biratti beekamtiifi xiyyeeffanno argannaan cirumaa sanyiinshee bade jedha Goadambaan Niiw Ziilaand












