Ameerikaan waggaa 60 booda galmee ajjeecha pirezidaantii J.F.Kenedii haaraa ifooman qorataa jirti

Mootummaan Ameerikaa sanadoota haaraa ajjeechaa pirezidaantii Joon F. Kenedii (JFK) wal qabatani ifooman sakatta'aa jira.

Dhimmi kun dhimma iccitiin isaa wali wallaalamee waggoota 60'n darbaniif hafeedha.

Ogeeyyiin dhimma kana irratti qorannoo kan jalqaban, ajaja hojii raawwachiiftuu prezidaanti Doonaald Tiraamp galmeewwan dhimmicha irratti hin qulqulloofne fi hin xumuramin hafan ummataaf akka ifa ta'an gaafachuu hordofeeti.

Ogeeyyiin sanadoota kanneen sakatta'uu fi bu'awwan qorannoo kanneeni adda baasuutti qabamaniiru.

Sanadootni hundi onlaayinii irratti waan hin argamneef, hojiin kun yeroo akka fudhatu, akkasumas waan adda ta'e hedduu akka hin eegamnellee himan ogeeyyin.

Angawoonni Ameerikaa kanaan dura sanadoota JFK kuma dhibbaan lakkaa'aman interneetii irratti gadhiisaa turaniiru. Boodarra garuu yaaddoo nageenya biyyaalessaaf jedhamuun dhorkaman.

Lammiileen Ameerikaa hedduun ammallee Pirezdaanticha kan galaafate nama itti dhukaase Lii Haarvii Oswaaldi qofaa akka hin taane amanu. Isa duuba ergamni dhokataa fi shirri qaama wayii akka jirutu shakkama.

Pirezidaantii Ameerikaa 35ffaa kan turan John F. Kenediin Sadaasa 22 bara 1963 Daalaas, Teksaas daawwannaa irratti rasaasaan rukutame.

Traamp kanaan dura dhimmicha irratti sanadootni gara fuula 80,000 akka hin cufamne dubbataniiru.

Sanadoota 1,123 Bulchiinsi Kuusaa fi Galmee Biyyaalessaa Kibxata darbe gadhiise keessatti hammataman keessaa meeqa haaraa akka ta'an hanga ammaatti hin ibsamne.

Sanadoonni hedduun kanaan dura hanga tokko qulqullaa'an gadhiifamaniiru.

Tiraampi sandoota gadi dhiifaman kana ilaalchisee ''waan baay'ee dubbistaniittu, Waan tokkollee sirreessuuf jirra jedhee hin amanu" jedhan

Garuu faayiloota dhibbaan lakkaa'aman Kibxata halkan ifooman keessaa fuulli tokko tokko gurraacha'anii mul'ataniiru.

Kaan isaanii dubbisuun rakkisaadha, sababiin isaas barreefamni irra ture luqqa'eera, ykn koppiin isaa qalama gaarii hin taaneen ka'eera.

Ammoo dhimma ajjeechaa JFK wajjin walqabatee waanti xiqqoo xiqqoon ni mul'ataa jedhu ogeeyyiin.

Deeviid Baareet Yunivarsiitii Viilaanoovaa Pensilvaaniyaa irraa, sanadoota gadidhiifaman kana ilaalchisee Michuu BBC Ameerikaa CBS waliin haasawa taasisaniin, gadhiifamuun sanadoota kanaa ''faayidaa qaba garuu ''odeeffannoo jabaa iccitii ajjeechaa kana duuba ture bal'inaan kan agarsiise miti" jedhan.

Ogeeyyiin biroo ammoo ummanni Ameerikaa sanadootaa fi odeeffannoowwan biroo jiraachuu isaanii irratti shakkii qabaachuu itti fufuu malu jechuun yaada dhiyeessan.

''Snadootni dabalataa gadhiifamuu itti fufuu mala jedheen yaada,'' jechuun hayyuun seenaa Aliis Joorji Rooyitarsiif himteetti.

Garuu ammoo yeroon baay'ee darbuu isaan qorannoo akka ulfaatu taasiseera. "Namoonni dhimmicha keessa jiran irra caalaan isaanii waan du'aniif dhugaa jiru argachuun baay'ee rakkisaadha" jetteetti.

Ajjeechaa sana booda komishiniin mootummaa Pirezidaanti Kenediin rasaasaan rukutamee ajjeefamuu isaa mirkaneessera.

Kan itti dhukaasemmoo nama Lee Harvey Oswald jedhamu kan miseensa humna waraana galaanaa Gamtaa Sooviyeet ture fi booda gara Ameerikaa dhaqee fi garee Maarkisistii ofiin jedhun ta'uu ifoomsee ture.

Qorannoon waggoota kurnan lamaan darbaniif gaggeeffame akka agarsiisutti lammiileen Ameerikaa harki caalaan Oswald qofa isaa Pirezdaanticha nama ajjeese jedhanii hin amanan.

Garuu ragaan ifa ta'e hanga ammaatti tuuta sanadoota dhiheenya kana ifooman irraa argame hin jiru.

Gaaffiiwwan deebii hin arganne kan waaʼee hirmaannaa ergamtoota qaama mootummaa, waanbadoota fi namoota balaafamoo biroo ilaalchisee yaadonni kaʼan yeroo dheeraaf dhimmicha rakkisaa taasisee ture.

Bara 1992tti Kongireesiin Ameerikaa sanadoota qorannoo kanaan walqabatan hunda waggoota 25 keessatti akka gadhiifamu seera baasee ture.

Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaa fi Pirezidaantii Joo Baayiden sanadoota JFK waliin walqabatan hanga tokko baasaniiru, garuu hedduun isaanii gartokkoon ykn guutummaatti kan ifa hin taane ture.

Ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp ji'a lama dura kennanis, bu'aa qorannoo ajjeechaa kadhimama pirezidaantii Roobart F Keeneedii fi nama mirga lammiilee Maartiin Luuter Kiing Juuniyer lamaan isaanii bara 1968 rasaasaan ajjeefamaniin walqabatan akka ifooman gaafatan.

Tiraamp wayita duula filannoo deeggarsa Roobart F Keeneedii Jr (RFK Jr), fi ilma Roobart F Keeneedii irra erga argate booda, bu'aa qorrannoo dhimma ajjeechaaa JFK akka ifoomsan dhaadatanii ture

Roobart F Keeneedii jooniyer (Jr.) amma barreessaa fayyaa mootummaa Tiraamp ta'aniiru. Dhimma bu'a qorannoo tibbana ifoomee ilaalchisee waanti hanaga yoonaa dubbate hin jiru.

Daarektarri Tikaa biyyaalessaa, Tulsi Gabbaard waa'ee bu'aa qorannoo ifoomanii ilaalchisuun yaada kennaniin, "Pireezidant Tiraamp bara haaraa iftoomina olaanaa qabun jalqaba" jedhan.