Walitti bu'iinsa Somaalilaand duuba maaltu jira?

Hargeessaan magaalaa guddoo Somaalilaandidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hargeessaan magaalaa guddoo Somaalilaandidha

Baatii Guraandhala keessa walitti bu’iinsa bulchiinsa Somaalilaand gama Bahaan Itoophiyaa daangessitutti ka’en kumaatamni gara Itoophiyaa baqataniiru.

Yunaayitid Isteetiifi biyyoonni Lixaa walitti bu’iinsaafi hookkarri torbanootaaf itti fufe akka dhaabatu, deeggarsi namoomaa kanneen buqqa’an bira akka gahu dhaamaniiru.

Rakkoon nageenyaa bulchiinsa yeroo dheeraaf nagaa qabaachuun beekamtu, Somaalilaanditti akkamiin eegale?

Bulchiinsa Somaaliyaa irraa ifatti foxxoqxee akka biyyaatti of waamtu Somaalilaanditti, lolli gabaafamuu kan eegale baatii Guraandhala keessa eegaleeti.

Laas Anood magaalaa guddoo Naannoo Sool yeroo taatu, magaalaa guddoo Somaaliyaa Mogadishuu irraa gama kaaba-bahaan 1,000km fagaattee argamti.

Somaalilaand mootummaan abbaa irree Ziyaad Baarre bara 1991 kufe booda walabummaa labsatte. Addunyaan garuu ammallee beekkamtii idil-addunyaa hin kennineef.

Gosni Dhulbahante jedhaman Somaalilaand dabalatee Puntilaand keessa jiraatuufi yeroo dheeraaf hundeeffama Somaalilaand garuu walaboomte mormaa turan.

Gaggeessitoonni gosaa kunneen baatii Guraandhala keessa mootummaan Somaalilaand rakkoo nageenyaa furuu hin dandeenye jechuun mormuu eegalan.

Abbaan lola jalqabe ifatti beekamuu baatus erga koreen qondaaltota, dureewwan amantiifi dhaabbilee sivilii ibsa baasun bulchiinsa Somaalilaandif beekamti akka hin kennineefi bulchiinsa Somaaliyaa jala seenuu ibsanii guyyaa tokko booda lolli eegale.

Lola kana keessas waraanni Somaalilaandiifi milishoonni magaalaafi naannawa magaalaa Los Anood qooda fudhataniiru.

Milishoonni kunneen dursitoota gosa Dhulbahanteef amanamoodha.

Mootummaan Somaalilaand milishoonni Puntilaand irraa deeggarsa qaban buufata waraanaa magaalaa Las Anood ala jiru irratti haleellaa banuu hime.

Puntilaand qaama mootummaa federaalaa Somaaliyaa ta’uu malee akka Somaalilaand walabummaa hin feetu.

Puntilaand kan kana dura magaalattii to’attee beektu garuu waan kana keessa qooda hin qabu jechuun waakkatti.

Mootummaan Somaaliyaa jihaadistoonni Somaaliyaa keessaa, al-Shabaabis harka akka qaban ibsee ture. Garichi garuu ni waakkate.

Muse Bihii Abdiin yeroo ammaa Pirezidantii Somaaliyaa ta'un tajaajilaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Muse Bihii Abdiin yeroo ammaa Pirezidantii Somaalilaand ta'un tajaajilaa jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lola kana keessa manneen jireenyaa, buufatawwan fayyaa dabalatee haleellaan irratti banameera.

Lola guyyoota muraasa booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu waliigalameera. Ta’us, akka cabe gareewwan lamaan wal himatu.

Filannoon biyyaalessaa baatii Sadaasa darbe keessa adeemsifama jedhamee ture yeroo biraatti dabarfamuunis muddama uumeera.

Lolli ifatti Guraandhala keessa eegaluu dura garuu baatii Mudde keessa qondaalli paartii mormituu erga ajjeefame booda walitti bu’iinsi ni ture.

Amajji keessa mormitoonni daanditti bahuun mormii ibsan humnoota nageenyaa waliin walitti bu’anii lubbuun darbeera.

Mormitoonni kunneen Somaalilaand Los Anood humnaan qabachuu ibsuun Puntilaanditti akka isaan gadhiistu gaafatu.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa walitti bu’iinsa kanaan kumaatamni qe’eerraa buqqa’uu hime.

Kanneen kuma 180 ta’an achuma Somaaliyaa keessa yoo dahatan, 80,000 ol immoo gara Itoophiyaa baqachuu ibse.

Baqattoota gara Itoophiyaa ce’aniifi BBC’n dubbise deeggarsa akka hin arganne ibsan.

Maallaqi ishee Shilingii Somaalilaand jedhamuun waamam

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maallaqi ishee Shilingii Somaalilaand jedhamuun waamama

Lola torban lamaa oliif adeemaa jiruun namoonni 100 ol ajjeefamuufi isaa ol kan tilmaaman madaa’uu BBC’n maddeen hospitaalaa irraa odeeffateera.

Yunaayitid Isteetiifi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) walitti bu’iinsa kanaan yaaddoo ibsaa turani.

Somaalilaand Gaanfa Afrikaa rakkoo nageenyaa qabu keessaa yeroo dheeraaf bulchiinsa tasgabbii qabdudha. Haa ta’u malee, hokkorri tibbanaa yaaddoo uumeera.

Waa’ee Somaalilaand kana beektuu?

Somaalilaand ummata miiliyoona 5.7 ta’u qabdi. Magaalaan guddoo ishee Hargeessaa jedhamuun waamamti.

Beekamtii idil-addunyaas dhabdu, Somaalilaand sirna bulchiinsa siyaasaa, waajjiraalee mootummaa, poolisiifi maallaqaa ofii qabdi. Bulchiinsi kuni kana dura Biriitish jala turte.

Yeroo ammaa pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihiidha. Museen balaliisaa duraanii xiyyaara humna qilleensaati.

Bara 2017 aangoo erga qabatan booda Sadaasa 2022’tti turtiin aangoo isaanii xumuramu qaba ture.

Madda diinagdee Somaalilaand galii guddaa itti argattu keessaa tokko bineeldota alatti erguudha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Madda diinagdee Somaalilaand galii guddaa itti argattu keessaa tokko bineeldota alatti erguudha

Haa ta’u malee, seera tumtoonni erga komishiniin filannoo Somaalilaand rakkoo faayinaansiifi teknikaan achi akka siqu gaafate booda waggaa lamaan dheeressan.

Paartileen mormituu Waddani akkasumas UCID jedhaman pirezidantii jedhanii akka Musee Bihii hin waamne ibsan.

Mormiifi muddamni dhimma kanaan eegale tasgabbii bulchiinsa kana keessa jiru akka rakkoorra hin buufne sodaatameera.

Lammiilee Itoophiyaa Somaalilaanditti

Daangaan Itoophiyaafi Somaalilaand bakkee daldalliifi hariiroon hawaasummaa cimaa ta’e jirudha.

Akkasumas lammiileen Itoophiyaa to’annoo daangaa cimaa malee Somaalilaand seenanii bahu.

Hedduun isaanii hojii mana keessaa, mana rifeensaa akkasumas mana nyaataa xixiqqoo bananii hojjetu.

Magaalaa Togo Wacaaleettis baankiiwwan Itoophiyaa baay’ee damee isaanii bananii hojjetu.

Bakkeewwan biyyoota lamaan daangessanittiifi bakkeewwan daangaa ce’anii jiranitti sochiin daldalaa cimaa ni taasifama.