Somaalilaand baqattoonni akka bahan ajajuun lammiilee Itoophiyaa yaaddesse

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi Gaanfa Afrikaa beekkamtii idil-addunyaa hin qabne Somaalilaand lammiileen biyya alaa eeyyama seeraa hin qabne biyyattii hatattamaan gadhiisanii akka bahan akeekkachiiste.
Tajaajilli Immigireeshinii biyyattii A.L.I Adoolessa 21, 2014 akeekkachiisa baasen hanga Hagayya 11,2014’tti yeroo jiru keessa biyyattii akka gadhiisanii bahan akeekkachiiseera.
Lammiilee ishee baqattoota seeraan alaa hojjeechiisan irrattis tarkaanfii akka fudhattu ibse.
Baqattoota biroon addatti lammiileen Itoophiyaa Somaalilaand keessa dameewwan garagaraarratti bobba’anii argamu.
Murteen kuni akkaan isaan yaaddessu ibsaniiru.
Somaalilaanditti bakka bu’aa Itoophiyaa kan ta’an Obbo Sa’id Mohaammad Jibriil dhimmicha waajjirri qontsilaa isaanii hordofaa akka jiru BBC’f himaniiru.
‘‘Mootummaa Somaalilaand waliin haasa’aa jirra. Guyyoota sadii itti aananitti jijjiiramni ni dhufa jennee tilmaamna. Hanga yoonaa garuu lammiin Itoophiyaa to’annoo jala oole hin jiru’’ jedhan.
Itoophiyaan Somaalilaandiif beekkamtii kennuu baattus bulchiinsa ollaa waan taateef biyyoota hariiroo gaarii waliin qabdu keessaa tokkodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Somaalilaand Finfinneetti ambaasaaddara yoo qabaattu Itoophiyaan immoo Hargeessaatti waajjira qonsilaa qabdi.
Kana hordofee Itoophiyaan biyyoota Somaalilaandiif michuu ta’an keessaa tokkodha.
Xiinxalaan buufata isaanii Somaalilaand godhaniifi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene tarkaanfiin Somaalilaand kuni haaraa akka hin taaneefi waggaa afur dura murteen walfakkaataa darbee akka ture BBC’tti himaniiru.
Dabaluunis, murteen kuni daldala jimaafi dhimma nageenyaa waliin walqabata jedhanii akka amanan himan.
‘‘Baqattoota Somaalilaand jiran’’ jedhee waajjirri immigireeshinii dimsaashumatti haa dubbatu malee kan lammiilee Itoophiyaarratti xiyyeeffatedha jechuun himu.
Dabaluunis, baqattoota lammiilee Itoophiyaan ala jiranirratti hordoffiin cimaan akka irratti taasifamu ibsaniiru.
‘’Lammiileen Itoophiyaa Somaalilaand jiraan akka qabdiitti ilaalamani. Mootummoota lamaan gidduu daldala jimaan walqabatee waliigaltee dhabuun ni jira.
''Isaan ala waliigalteen nageenyaa dhihoo mallattaa’e rakkoo kanaaf sababadha jedheen amana,’’ jechuun himu.
Dhimma qoodinsa
Itoophiyaan waggoota muraasa dura dhaabbata Dubaay DP World jedhamu waliin buufata doonii Barbaraa misoomsuuf kan dandeessisu qooda 19% qabatteetti.
Waliigaltee kanas paarlaamaan Somaalilaand akka raggaasise ni yaadatama.
Waggaa kana keessa gaheen Itoophiyaan qabdu akka adda cite odeeffannoowwan bahaa turan. Mootummaan Itoophiyaa garuu dhimma kana waakkateera.
Dhimmichi waan hin gudunfamne ta’u Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsee ture.
Qoodinsi Itoophiyaan misooma buufata doonii Barbaraa irraa qabdu haqamuun erga dhagahamee booda jilli aangawoota Itoophiyaa olaanoo of keessaa qabu gara Hargeessaa imalee ture.
Jila kana keessa Ministirri Geejjibaa Aadde Daagmaawwit Mogas akkasumas gosaan nageenyaa MM Abiy Obbo Reduwaan Huseen baatii Adoolessa keessa jila kana dursanii imalanii turan.
Gidduu kanas jili ajajaa tikaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaan durfame Hargeessaa seenuu miidiyaaleen Somaaliyaa gabaasaniiru.
Dhimmoonni daldalaa akkuma jirutti ta’ee dhimmoota nagaa irratti waloon hojjechuuf waliigaluu isaanii xiinxalaan nagaafi tasgabbii buufata isaanii Hargeessaa taasifatan dubbatu.
Lammiilee Itoophiyaa Somaalilaanditti
Daangaan Itoophiyaafi Somaalilaand bakkee daldalliifi hariiroon hawaasummaa cimaa ta’e jirudha.
Akkasumas lammiileen Itoophiyaa to’annoo daangaa cimaa malee Somaalilaand seenanii bahu. Hedduun isaanii hojii garagaraarratti bobba’aniiru.
Keessumaa hojii mana keessaa, mana rifeensaa akkasumas mana nyaataa xixiqqoo bananii hojjetu.
Magaalaa Togo Wacaaleettis baankiiwwan Itoophiyaa baay’ee damee isaanii bananii hojjetu.
Bakkeewwan biyyoota lamaan daangessanittiifi bakkeewwan daangaa ce’anii jiranitti sochiin daldalaa cimaa ni taasifama. Gama lamaaniinuu hariiroon cimaa ta’e akka jiru amanama.












