Ministirri Israa'el akka addunyaatti qoqqobbiin irra kaa'ame eenyu?

Minsitarri Nageenya Biyyaaleessaa Israa'el dubbii beekaniifi siyaasa duriitti cichan Itaamaar Been Gaviir aangoo mootummaa yeroo gabaabaafi isa dura waggotaaf jireenya isaanii keessatti atakaaro dhabanii hin beekan.

Dhihoo ammoo Baha Yeruusaaleem iddoo qulqullaa'aa akkasumas falmisiisaa tahetti kadhannaa raawwachuun isaanii dheekkamsa kaaseera. Kana kan raawwatan waliigaltee waggoota dheeraa Baha Gidduugalaa sarbuuni.

Been Gaavir iddoo Musliimota biratti Haraam al-Shariif(iddoo qulqulluu) jedhamuun beekamu, Yuhudoota biratti ammoo Teempil Maawunteen jedhamu keessatti yeroo isaan kadhannaa Yuhudotaa geggeessan suuraafi viidiyoon agarsiisu mul'ataa ture. Iddoon kuni mooraa Masjiida al-Aqsaa jedhamuunis beekama.

Warri Yuhudotaa iddoo kana daawwachuu malee keessatti sagaduun hin eeyyamamuuf ture.

Been Gaaviir iddoo kana irra deddeebiin kan daawwatan yoo tahu ifatti kadhannaa geggeessani hin beekan jechuun miidiyaan Taayims oof Israa'el beeksiseera.

Xiinxaltonni gochaan ministara kanaa isa waggaa 25 dura hogganaan mormituu Israa'el yeroosii Eriyaal Shaaron iddoo kana daawwachuun mormii Filisxeem marroo lammataa kaase waliin wal-fakkeessaniiru.

Adeemsa akkasii Been Gaaviir kana duras fayyadamanii beeku.

Lafa Baha Yeruusaalem humnaan qabamee jiruufi lammiilee Filisxeemiifi Israa'el wal-lolchiisus bara 2021tti daawwatanii ture.

Ollaa warra Filisxeem Sheek Jaarraa jedhamu kana keessaa lammiileen gadhiisanii bahanii qubattoota Israa'eliif bakka gadhiisanii

Taateewwan kunneen qaama seenaa falmisiisaafi dubbii barbaaduu Been Gaaviir dha.

Yuunivarsiitii Siyaasaa fi Mirga Namaa Landanitti barsiisaa gameessa kan tahan Liiyoon Fileeshmaan waan namni kuni godhu haaraa miti jedhan.

''Waan isaan kanaan dura jechaa turan wajjin deema- ilaalcha, amantii fi seenaa. Sammuu keessaa sababa falmuuf qaba jedhanii yaadu,'' jedhan.

Namni waggootaaf hawaasa Israa'el moggaatti bahee hojjechaa ture akkamiin iddoo dhiibbaa guddaa qabu kana qabachuu danda'e?

Been Gaaviir Israa'el biyya sabboontota Israa'eliifi warra Tsiyooniiti jedhanii kan amanan yoo tahu hundeeffamuu biyya Filisxeem ni mormu.

Kanaan dura haleellaa qubattoonni Israa'el warra Filisxeem irratti raawwatan akkasumas lammiileen Arabaa isaaniif ''amanamoo hin taane'' humnaan biyyaa akka bahan deeggaraa turan.

Erga kaabineetti makamanii Israa'el Gaazaa guutummaatti humnaan akka qabattuu fi lamiileen Filisxeem ''fedhii ofiin'' naannichaa akka godaanan jajjabeessa turan.

Waxabajjii darbe Awustiraaliyaa, Noorweey, Kaanaadaa, Niiw Ziilaand fi Yuunaayitiid Kiingdam Been Gaaviir ministara ejjennoo wal-fakkaataa qaban Bezaaleel Ismootriich jedhamu waliin ''warra Filisxeem irratti hokkora waan labsaniif,'' jechuun qoqqobbii irra kaa'aniiru.

Baatii itti-aanu Neezarlaand fi Islooveeniyaan sarbama mirgaa Israa'el keessa adeemu eeruun Been Gaaviir biyya isaanii akka hin galle ugguran.

Haa tahu malee namni kuni ilaalcha rincicaa dhimma nageenyaa irratti qaban hin jijjirre.

Iraan hospitaala Israa'el magaalaa Bersaabeee keessa jiru haleeluu booda Been Gaavir ''namni biyya Israa'el jibbu hundi akka mo'amu'' jechuun waamicha dhiyeessan.

Mootummaan Iraan ammoo ''haaxa'amee haa badu'' jedhan.

Bara 2022 Been Gaaviir mootummaatti makamuun booda akka nama siyaasaa idileetti of dhiyeessuu kan jalqaban fakkaatu ture.

Yeroo tokko hiriira warra jaalattoota saala wal fakkaataa ''abaarsa'' jedhan. Amma garuu ijoolleesaanii ja'a keessaa tokko nama jaalala saala walfakkaataa keessa yoo jiraate akka fudhatan ibsan.

Tahus gaa'elli Israa'el sirna amantii Ortodooksiin tahuu qabas jedhaniiru.

Tarkaanfiiwwan isaanii kunneen deeggarsa isaanii bal'isuu danda'aa? Netaaniyaahuu boodas nama iji irra kaa'amu dha?

Waan tahu miti jedhu Dr Fileeshmaan, ''deeggarsa argachuuf jedhee kana dubbachaa jira jedhee hin yaadu. Hawaasni Israa'el gara siyaasa mirgaatti erga ce'ee waggootni darbeera.

Kanaan duras haasaa farra Filisxeem dubbachaa ture. Amma immoo lammiileen Israa'el balbala isaanii duratti Iraan haleellaa qaqqabasiisaa jirti. Kan haleellaafi haala kanarraa isaan tiksu barbaadu,'' jedhan.