Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa dubartii MM Israa'el Netaniyaahuu ajjeesuuf yaalte jedhamuun to'atamtee
Torban lama dura, aanga'oonni tikaafi nageenyaa Israa'el giddu-galeessa Israa'el keessaa dubartii tokko Ministira Muummee Israa'el ajjeesuuf yaalteetti jechuun to'achuusaanii Israa'el Biroodkasting Korporeeshin gabaaseera.
Tajaajilli Nageenyaa Biyya Keessaa (Shabak) dubartii umuriin ishee waggaa 70 ta'e poolisiin gaaffiif barbaada jedhamte to'achuu miidiyaan Israa'el gabaaseera.
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, shakkamtuun kun sochii mormii keessatti kan hirmaatte yoo ta'u, isaan dura meeshaa dhohu fayyadamuun Netaaniyaahuu ajjeesuuf fedhii akka qabdu namootatti himteetti.
Dubartiin kun akkaataa meeshaa waraanaa ittiin argattuufi haala nageenyaa naannoo Ministira Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu jirus mariyachuuf rogeeyyii biroo qunnamuun ishee gabaafameera.
Akka gabaasa miidiyaa Israa'elitti dubartiin kun erga to'atamteen booda dhaabbilee mootummaafi waajira ministira muummeerraa fagaachuu dabalatee of eeggannoo addaan gadhiifamtee turte.
Dubartiin maqaan ishee fi teessoon ishee ifa hin ta'iin kun, himannaa shira xaxuufi gocha shororkeessummaa raawwachuuf wixineessuun himatamtee Kamisa mana-murtiitti dhiyaachuushee gabaasaaleen bahan ni mul'isu.
Fulbaana darbe, poolisiin Israa'el nama lammii Israa'el ta'e tokko tiki Iraan nama kana gargaaramuun Ministira Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu dabalatee aanga'oota ol aanoo ajjeesuuf shira xaxa shakkii jedhuun to'achuu beeksisee ture.
Mormii Tel Aviiv "beelli" Gaazaa keessatti akka dhaabbatu gaafatu
Kun osoo kanaan jiruu, mormitoonni kuma hedduutti lakkaa'aman ammoo Tel Aviiv bakka Kiryaa jedhamutti bahuun, waraanni Gaazaa keessa jiru akka dhaabbatu gaafataaniiru.
Bakki mormitoonni kunneen itti bahan ammoo bakka argama waajira muummee humna waraanaa Israa'elidha.
Akka gabaasa Ze Taayims of Israa'le jedhutti, bakka sanatti namoonni bahan hedduun sababa waraanaan beela mudatee miidhaa geessisaa jiru yeroo morman mul'achaa turaniiru.
Mormitoonni daandiitti bahan kunneen, korojoo daakuu fi suuraawwan daa'imman Gaazaa keessatti sababa beelaa Gaazaa keessatti mudateen du'an jedhamee gabaafame qabatanii ture.
"Nuti suurawwan daa'imman Filisxeemotaa Gaazaa keessatti sababa beelaan du'an qabannee jirra," jechuun gaazexaa sanatti dubbate qindeessaan hiriira mormii kanaa Aloon Lee - Giriin.
"Daa'imman kunneen sababa Israa'el gargaarsi Gaazaa akka hin seenne dhorkiteef du'an waan ta'eef nuti ammoo beelessuun kun akka dhaabbatuuf gaafachuuf as jirra.
Faallaa kanaan, Israa'el garuu "nyaata dabalatee gargaarsi namoomaa akka seenu hayyamaa jiraachuu himuun, Gaazaa keessa "beelli jira" gabaasa jedhu haaltee jirti.
Akka Taayims of Israa'el gabaasetti, mormitoota daandiitti bahan keessaa namni to'atame hin jiru.
Kun kan ta'e yeroo Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanom Gabreyesuus "beelli Gaazaa keessatti babal'achaa jira" jedhanittidha.
Nyaanni daangaa miidhamee fi manca'e kana keessa seenaa jiru ammoo "namoonni nyaatanii lubbuun jiraachuuf hanga barbaachisuun baayyee hanqata.
"Ummanni Gaazaa harki caalu beelli mudatee jira," jedhan Dr. Tediroos Adihaanom.
"Jumlaan beelessuu jechuun ala waan dhibii maal akka jedhamu hin beeku. Kunis ammoo [beela] nam-tolcheedha."
Mootummaan Israa'el hanqina nyaataa Gaazaa keessatti mudate keessatti "hin hirmaanne jechuun, daangaa rakkoon mudate kana keessatti Hamaasitu "rakkoo uumaa jira" jechuun himateera.
"Gaazaa keessatti beelli Israa'el akka uumamu godhe hin jiru, haata'u malee, hanqinni nyaataa Hamaas uume jira," jechuun rippoorterootatti hime dubbi-himaan mootummaa David Miinser.
Aanga'aan kun miseenssota garee [Hamaas] "rabsaa nyaataa danquu fi gargaarsa dhiyaatu saamuun" himateera.
Dubbiin aanga'aa Israa'el kun kan dhaga'ame guyyaadhuma dhaabbileen miti mootummaa 100 ol ta'an Gaazaa keessatti 'Jumlaan beelessuun" mul'achaa jira jechuun akkeekkachiisuun Israa'el gargaarsa gara Gaazaa akka seenu akka hayyamtuuf waamicha taasisaniiru.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessa jiru akka gabaasetti hospitaalonni Gaazaa keessa jiran sa'aatii 24 darban keessatti sababa beelaa fi hanqina nyaataatiin duuti haaraa 10 galmaa'eera. Kun ammoo lakkoofsa namoota sababa beelaan du'anii gara 111'tti ol guddisa akka ministeerri Fayyaa Gaazaa jedhutti.
Israa'el rakkoo namoomaa Gaazaa Istriip, kan waraana ji'oota 21 ol tureen barbadoofte keessatti mul'ataa jiruun dhiibbaan idil-addunyaarraa irra dabalaa jiru ishee mudachaa jira.
Ugguraa fi haleellaa dhaabbataa itti fufee jiru jalatti, maatiiwwan kuma hedduutti lakkaa'aman nyaata, bishaaniifi qoricha dabalatee wantonni bu'uuraa jiraachuuf isaan barbaachisu isaan akka hin geenye dhorkamaa jira.
Kun kan ta'aa jiru ammoo sababa beelaa fi hanqina nyaataan, keessumaa daa'imman du'aa jiraachuu wayita guyyuun gabaafamaa jiruttidha.
Ejensiiwwan dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) gamasaaniitiin, wiirtuuwwangargaarsa rabsan US fi Israa'eliin deeggaraman gara bakka "kiyyoo gaddisiisaa keessatti du'an" jedhanitti jijjiiramuu kaasuun, Israa'el beela akka meeshaa waraanaatti itti gargaaramti jechuun himatu.