Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namootni Viniishiyes Juuneriin sanyummaan arrabsan torba adabaman
Namootni torba taphataa Riyaal maadirid Viinisheyes Juuner sanyummaan arrabsan adabaman.
Namootni afur yuuroo 60,000 yoo adabaman, dabalataan waggoota lamaaf dirree galanii akka kubba hin ilaalleef adabbiin irra kaahameera.
Namootni arfan guyyaa 11 dura qabamanii hidhamuun booda manni murti Maadirid wabiidhaan isaan gadhiise.
Namootni biroo sadii tapha Riyaal Maadiridii fi Vaaleensiyaa Caamsa 21 bara 2023 taphatan irratti Viinishees sanyummaan [gurraachummaa] arrabsuun yuuroo 5,000 yoo adabamana, waggaa tokkoof ammoo istaadiyeemii galanii akka kubba hin daawwanne dhorkamaniiru.
Namootni sadan umuriin isaanii wagga 18 hanga 21tti yoo tahu, taphichaan booda gaafa guyyaa lamaffaa to’annoo jala akka oolan poolisiin himeera.
Dhorkaa kana Komishinii Mootummaa farra Jeequmsaa, Jibba Sanyummaa, Wal dandahuu Dhabuu Ispoortii keessatti mul’atu irratti hojjetutu dabarse.
Kaardii diimaa Viinisheyis amala hin taane agarsiifte jedhamuun guyyicha kennameef kan irraa ka’e yoo tahu, sanaan booda Liigiin Ispeen ''kan warra sanyummaa leellisaniiti,’’ jedhe.
Pirezidaantiin Laaliigaa Haviyeer Teebaas fi namootni liigicha keessaa dhimma akkasii hordofan akkaatatti taatee kana ilaalaniin qeeqamaniiru.
Haaviyer Teebaas, miidiyaa hawwaasaa irratti ''haala gaarii taheen of hubachiisuu qabda,’’ jechuun Viinishiyesiif deebisuun hedduu qeeqamaniiru.
Tahus, Teebas boodarra Viinishiyesiin dhiifama gaafataniiru. Taphataa ganna 22 kana ''miidhuuf yaadee miti’’ jedhan.
Mootummaan Biraazil namootni arraba sanyumma kana irratti hirmaatan irratti adabbii cimaan darbuu akka qabu gaafateera.
Laaliigaanis taatee akkasii yoo mudatu adabbii cimaa dabarsuuf aangoo jabaa argachuu akka qabu hime.
Gareen biyyaalessaa Biraazil arraba sanyummaa kana balaaleffachuuf Giinii fi Senegaal waliin gaafa Waxabajji 17 fi 20 tapga michummaa taphatti.