Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphattoonni fi deeggartoonni Maadriid Viniishiyees deeggaran
Taphattoonni fi deeggartoonni Riyaal Maadrid wayita Riyoo Vaalkanoo 2 fi 1’n injifatanitti Viniishiyees Juuneerif deeggarsa qaban istaadiyeemii Bernabewootti mul’isan.
Taphataan sarara fuulduraa lammii Biraazil Viniishiyees Dilbata darbe arrabsoon jibba sanyummaa Vaalensiyaatti erga isa mudatee as kilabni isaa tapha jalqaba injifate.
Viniishiyees taphicha sababa miidhamaan otoo hin hiriirin kan hafe yoo ta’u, taphattoonni Riyaal Maadirid lakkoofsa hidhannoo Viniishiyees kan ta'e 20 uffatanii dirree seenan, dursitoonni gareewwan kilaboota lamaaniis akkasuma mallattoo dhaamsa jibba sanyummaa baaleeffatu qabu irree isaaniirratti hidhatani dirree seenan.
Deeggartonni Riyaal Maadrid maqaa dargaggoo ganna 22 Viniishiyees Juuneer waamun deeggarsa qabaniif mul’isan.
Taphattoonni gareewwan lamaanii walitti dabalamuun barreeffama’’ warri jibba sanyii leellistan kubbaa miilaa keessaa bahaa,’’ jedhu agarsiisan.
Deeggartoonni baanarii barreeffama ''Nuti hundi Viniishiyees, kanarra ni gaha,'' jedhu agarsiisan.
Viniishiyees kaardii diimaan yeroo Valeensiyaa waliin taphatan kennameef haqamuun gammachuun taphni eegalu dura simatame.
Viniishiyees Pirezedantii Riyaal Maadirid Fiyorentinoo Pireez cina wayita ta’uutu mul’ate.
Viniishiyees warreen deeggarsa itti agarsiisan kan galateeffate yoo ta’u, gara boodaa suuraa wayita harka raasu mul'isu inistaagiraamirratti maxxansuun ’’isinaan jaaladha, galatoomaa,’’ jedhe.
Miiltoon Viniishiyees taphatan lammii Biraazil Roodirigoon daqiiqaa 89tti goolii galcheera.
Viniishiyees amala badaa agarsiise jedhamuun tapha Vaalensiyaarratti dirree kan baafame yoo ta’u, Liigiin Ispeen ''kan warra leellistoota sanyiiti,'' jedhe.
Akkaataan Pirezedantiin La Ligaa Javiyeer Tebaas taatee kana itti qaban bal’inaan kan balaaleffatameera .
Laligaan Ispeen taatee jibba sanyummaan walqabaturratti adabbii muruuf’’ aangoo dabalata na babaachisa’’ jedhe.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen Kibxata akka beeksisetti, Vaalensiyaan taphoota shan irratti istaadiyeemiin isaa gartokkeen a cufamuun Yuuroo 45,000 adabama.
Dhimma kana ilaalchisuun leenjisaan Riyaal Maadiriid Kaarlo Anchelootiin’’ murtoo koree dorgommii kanaa ajaa’ibsifadheera. Akkan yaadutti murtoo sirriidha, jedhan.