Waldaan Murteessitoota Kubbaa-miilaa qoccollaa Antonii Teyilar irra gahe balaaleffate

Qaamni murteessitoota [daanyota] kubbaa-miilaa Ingiliiz PGMOL, qoccollaa "hin malleefi jibbisiisaa" murteessaa Anthony Taylor irratti Buufata Xiyyaaraa Budaapestitti mudate balaaleffate.

Kunis tapha Waancaa Awurooppaa Liig Roobii taphatame booda ogguu tahu, murteessaan lammii Ingiliiz kun tapha xumuraa kana gaggeessaa turan.

Taphichi 1 -1 erga obba'ee booda, Sevilla rukuttaa peenaalitiin Roma injifachuun geeba fudhateera.

Teeylar fi maatiin isaa wayita buufata xiyyaaraa gahan deeggartoota aaraniin arrabsamaniiru.

Kunis kan mudate erga leenjisaan Roma Joosee Moorinhoo, paarkingii konkolaataa keessa murteessaa kana argatee erga arrabsoo hin malle arrabse boodadha.

Viidiyoon marsaalee hawaasaa gubbaatti guddoo qoodamaa jiru, Teeyilar fi maatiin isaa wayita buufata xiyyaaraa keessa deeman, deeggartoonni itti dhiyaachuun wayita itti iyyan agarsiisa.

Muddamni wahii mudachuufi erga isaan balbala darbanii seenan booda teessoo itti darbachuus agarsiisa.

PGMOL ibsa baaseen: "Miidiyaalee hawaasaa irratti viidiyoowwan Anthony Taylor fi maatiin isaa Buufata Xiyyaaraa Budapestitti wayita qoccollaan irra gahu agarsiisu deddeemaa jiraachuu hubanneerra.

"Miidhaa hin malleefi jibbisiisaa Antanii fi maatiinsaa tapha waancaa Uefa Awurooppaa Liig booda gara manasaa deemuutti isaan mudate naasisaadha.

"Deeggarsa keenya guutuu Antonii fi maatiisaaf taasisnu itti fufna."

Gama kaaniin qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa Uefa'n Moorinhoo irratti murtee fudhachuun dura gabaasa murteessitootaafi bakka buutotaa eegaa jira.

Kunis taatee istaadiyamii keessa bakka konkolaataa itti dhaabanitti mudate kan ilaallatudha.

Moorinhoon ibsa miidiyaaleef kenne irratti Teylar kan qeeqe ennaa tahu, boodarras wayita murteessitoonni konkolaataa keessa seenanitti dubbii fi arrabsoo ennaa dhiyeessu mul'ateera.

Leenjisaan lammiin Porchugaal kun irra deddeebiin arrabsoo darbachuun, si'a lama "qaanessaa" erga jedhee booda Afaan Itaalii dubbachuu itti fufe.

Qondaalli murteessaa Uefa Roberto Rosetti haalicha tasgabbeessuuf wayita yaalan mul'ateera.

Wayita taphni muddamaan guutame taphatamutti Moorinhoon kaardii akeekkachiisaa argateera.

Murteessaa afraffaa kan turan Maayikil Oliivar haala bakka taphattoonni jijjiiraman taa'anii to'achuu dadhabuun, murteessaa jidduu Teeylar irra deddeebiin waamaa ture.

Antonii kaardii akeekkachiisaa keelloo 13 taphattootaaf agarsiiseera - kunis tapha Awurooppaa Liig keessa isa olaanaa tahuun galmaa'eera. Isaan keessaa torba taphattoota Roomaaf ture - kunis tapha waancaa irratti rekoordii tahuun galmaa'eera.

Taphni kun muddamaan kan guutame tahuu isaarraan kan ka'e, miidhamaa fi kaaniif waliigalatti daqiiqaan 25 dabalataan kennameera.