Joosee Moriinihoo tapha waancaa Yirooppaa Liig ilaalchisee 'Seenaan hin taphatu' jedhan

Taphni waancaa Yirooppaa Liig galgala kana sa'aa afur irraa eegalee Hangarii magaalaa Budaapees istaadiyoomii Puskaas Arenaa jedhamutti gaggeefama.

Gareen Joosee Moriinihoon,[the special one] leenji'u Roomaafi gareen waancaa kana yeroo hedduu injifachuun riikardii harkaa qabu Siviiyaan walmorkatu.

Leenisaan Siviiyaa Jose Luis Mendilibar seenaa qaban irraa kan ka'e waancaa kana nyaachuuf carraa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Moriinihoo tapha murteessaa kana dura yaada kennaniin yaada leenjisaan Siviyaa kennan ''nan kabajaa'' jedhan.

Siviyaan waancaa kana yeroo jaha nyaachuu qofa osoo hin taane, xumuraaf gahees injifatamee hin beeku. Moriinihoonis gama isaaniin tapha xumuraa dorgommiiwwan Awuroooppaa irratti hirmaate shananuu injifataniiru.

''Seenaan hin taphatu. Waahillii koo akkasitti hin yaadu, yaada isaa nan kabaja'' jedhan the special one.

Itti dabaluunis ''Xumura kanaaf kan qaqqabne waan nuu maluufi, isaan seenaa nuti hin qabne qabu. Isaaniif tapha xumuraa irratti hirmaachuun waan baratameedha, nuuf ammoo waan addaati'' jedhan.

Roomaan Serie A Xaaliyaan keessatti bara kana jahaffaa ta'ee xumure. Kanattis hiree hirmaannaa dorgommii Awurooppaa bara dhuftuu hin qabaatu. Siviyaanis akkasuma Laa Liigaa keessatti bara kana 11ffaa ta'ee waan xumureef hirmaannaa dorgommii Awuroooppaa hin qabaatu.

Garee lamaaniifuu waancaa Yirooppaa Liig injifachuun daandii takkittii bara dhuftu kallattiin hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii itti argataniidha.

Siviiyaan waancaa kana bara 2006, 2007, 2014,2015, 2016 fi 2020 injifateera. Bara kana garuu Liigii Ispeen keessatti gahumsa gad aanaa agarsiisaa bahe. Kessumaa hanga Bitootessa darbe leenjisaa Mendilibar qacaratutti Laa Liigaa keessaa bahuuyyuu danda'a yaaddoo jedhu keessa ture.

Leenjisaan Siviyaa ganna 62 kun waancaa maqaa guddaa injifatan hin qaban. Faallaa kanaan Moriinihoon ammoo Poortoo fi Inter Miilaan waliin chaampiyoons Liigii Awurooppaa injifataniiru, ammas Poortoofi Manchistar Yunaayitiid waliin Yirooppaa Liigii lama injifataniiru. Liigiiwwan Ingilaand, Xaaliyaaniifi Ispeen keessattis injifataniiru.

Torbe darbe keessa waayee tapha xumuraa kana yaada kan kennan leenjisaan Siiviyaa, ''Siviyaan waancaa kana yeroo jaha injifachuu isaarraa kan ka'e isa alanaa injifachuuf carraa guddaa qaba'' jedhan.

Taphataan sarara gidduu Siviyaa Nemanja Gudelj yaada kenneen ''jalqaba bara dorgommii kanaatti kuni akka ta'u osoo namni nutti hime jiraatee eenyuyyuu isa hin amanu ture'' jedhe.

Erga leenjisaan haaraan kun dhufanii tooftaan taphaa isaanii jijjiiramaa akka deemeefi gahumsi isaanii fooyya'uutti isaan galateeffateera.

Morinihoon taphataan isaanii baayyee jaalatan Diibaalaa [Dybala] daqiiqaawwan 20-30 taphaachuuf gahumsa akka qabu dubbatan.