Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyonel Messi miindaa waggaa Yuuroo mil. 400'n eessa gala?
"Liyonel Meesiin bara dhufu eessa taphachuu danda’a kan jedhuuf ‘’carraan hunduu banaadha’’ jedhe xiinxalanaan kubba miilaa Ispeen Guulem Baalaaguu.
Baalaaguun akka jedhutti dursaan taphattoota Arjeentiinaa Meesiin kilaba Sawud Arabiyaa fi Majar Liig Sooker irraas gatiin dhiyaateeraaf jedhe.
Baarseloonaan tahataa isaa duraanii kana deebifachuu barbaada garuu hanga ammaatti gaaffiin idileen dhiyeesseef hin jiru jedhe.
Meesiin waliigaltee PSG waliin qabu haaromsuuf waliigaleera garuu ammatti waliigalticha hin mallatteesine.
Waggoota lamaaf PSG kan ture Meesiin abbootiin qabeenyaa kilabichaa Qaataar ammas akka kilaba isaanii kana keessa turu barbaadu.
Baalaaguun akka jedhutti PSG’n kilaba dorgomaa cimaa tahee itti fufuu Meesiin amansiifamuu qaba.
Gama biraan ammo daarikterri kilabichaa Luwis Kaampoos ammoo miindaa taphattootaa hir’isuun seera faayinaansii kileba isaanii sirreessu barbaadu.
Meesiin wagga tokko dabalataaf nan tura jedheera, hanga qaamoleen lameen waliigalanitti,’’ jedhe.
Gama biraan ammo leenjisaan PSG Kiristoofer Gaaltiler ni turamoo leenjisaa haaraan bakka buufama kan jedhus hin baramne.
Oduun gama Qaataarii dhagahamu bara dhufu haalli tapha PSG taphattoota haaraa afur shaniin waan jijjiiramuu danda’uuf ammayyuu maaltu uumama kan jedhu amansiisaa miti.
Adunyaa irraa kilebootni hedduun taphataa Waancaa Adunyaa mo’ate kana mallatteifachuuf gaafachaa jiru.
‘’Dhiibbaan gama abbootii qabeenyaa Qaataariin jiru guddaadha. Maaliif akka lafarra harkifate hin hubanne, inumaayyuu maalaqa dabalataa yoo barbaachise dhiyeessuuf qophiidha. Kun waan rakkoo tahu natti hin fakkaatu,’’ jedhe Baalaaguun.
PSG’n Liig 1 qabxii jahaan dursaa jira. Garuu waggoota 11’f waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’achuuf yaalii isaan taphattoota jajaboo adunyaa mallattesisuun godhan garuu bara kanas hin milkoofne.
Bakka bu’aan Mesii abbaadhuma isaa Joge Mesii waan tahaniif pirezidaantii Baarseloonaa Johaan Laapportaa wlaiin wal gahii daqiiqaa 25 tahu hoteela Baarseloonaatti gaggeessaniiru.
Wal gahiin isaanii akkamiin fuulduree Mesii irratti osoo hin taane akkamiin Baarseloonaatti deebisna kan jedhu irrattidha.
Erga Mesiin Baarseloonaa keessaa sababa hanqina baajataan bahee yeroo jalqabaaf wal arguun mari’achuu isaaniiti.
"Zhaaviin Meesiin taphattoota sarara gidduu kanneen itisa fuuldura taphatanitti aanuun taphata, akka Arjentiinaa taphataa turetti jechuun Meesiitti himeera. Meesiinis yoo kana dhagahu fuulli isaa ifeera,’’ jedhe Baalaaguun.
Haa tahu malee, kilabni Sawud Arabiyaa Al-Hilaal kilaba Kiristaanoo Roonaaldoo, Al Nasiir kan morkatu Mesii mallatesisuuf gaafateera.
Kilabni MLS Inter Miyaamiinis Meesii barbaada, garu hanga PSG fi Al-Hilaal kaffaaluufi hin danda’an.
Meesiin hanga bara 2024tti kilaba liigii cimaa tahe keessatti dorgomuuf taphachuu barbaada. Kooppaa Ameerikaa irrattis biyya isaaf taphachuu barbaada. Kun ammo PSG’n carraa taphaticha tursiisuu akka argatu taasisa.